bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Habakkuk 2
Habakkuk 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Ani hulee kiyya ka itti eeggadhu irra dhaabadha; qaccee goom'ee dhaga'aa kiyya irra dhaabadha; Rabbi maal akka naan jedhu, gaafii kiyyaafillee maal akka naa deebisu eeggadha.
2
Rabbi akkana jedhee naa deebise, «Mudhata ani sitti mudhisu barreessi; akka misha'atti akka dubbifamutti gabatee irratti barreessi.
3
Sababaanillee mudhanni hennaa isaa murtaayee waan eeguuf, inni waan guyyaa raawwatamuu dubbata; sobni keessa hin jiru; yoma waan turu fakkaatellee eegi; dhugamaan guyyaan sun hin gaya; hin turulle'e.
4
Ati mee worra uf jajan laali; yaanni isaanii qajeela'aa miti; namoonni qajeelaan ammo amanti'iin jiraatan»
5
Dhugama qabeenni nama soba; namni uf jaju sirima hara hin baafatan; inni hin quufu akka awwaalaati; akka du'aallee nagaye waan hin jenneef mootota maraa ufitti fudhata; baniillee hin booji'a.
6
Namni maruu namoota akkanaa kanniin irratti worra mammaaka'aa itti balda'aa, «Ati ka waan kee hin taane guurattu si hobbaasi! haga meeshaa akka qabdi'iititti fudhataniin uf duroomsitu haga yoomiiti?» jedha.
7
Worri isin irraa liqaa qaban dunnuu hin ka'anii? ka'anii isin hin muddamsiisanii? achiin maayessa isaan isin booji'an.
8
Isin qabeenna banii hedduu waan saamtaniif worri isaan irraa hafan qabeenna keessan saaman; isaan wonti waan kana godhaniif waan isin namoota ajjeeftanii, biyyattii, qachootaa fi worra isaan keessa jiraatan balleessitaniif.
9
Nama akka miidhaan isa irra hin geenneef hulee jireenna ufii hulee ol ka'u irratti ijaaratuu fi nama galii seera male'eetiin mana ijaaratuu hobbaasi!
10
Ati dhara karoorsitee namoota hedduu ajjeeftee mana keetitti salphinna fiddeerta; lubbuu teellee badii irra geessiteerta.
11
Kanaaf dhagaan manaan ijaaran dhaaba manaa keessaa iyya; akkasuma utubaawwan mukaa laagama kana uf keessaa dhageessisa.
12
Isin worri nama ajjeesa'aa qachaa ijaartan yakka hojjata'aa qachaa guddaa ijaartaniif hobbaas!
13
Wonti namoonni hojjatan akka gubatu; waan mootonni itti dadhaban akka bu'aa hin qabne ka taasisu Waaqa banii maraatii mitii?
14
Akkuma bisaan wol gayee galaana ta'ee lafa guutu, akkasuma ardiin beekkumsa ulfinna Rabbiitiin guuttamti.
15
Ati namni goshoo kee qaama isaa ka saalaa argu'uuf waan nama macheessu obaaftee waan hamaa isa irratti raawwattu si hobbaas!
16
Atuu machooftee gatantarta; koree keetitti ulfinna caalaa salphinna uffatta; Rabbi akka ati mijuu adabbi'ii guddaa dhuddu si taasisa; ulfinna kee gara salphinnaatitti jijjiira.
17
Badiin ati Libaanositti fidde si irra gaya; badiin ati busaawaa irratti raawwatte si naasisa; sababaan wonti kun maruu si irra gawuuf waan ati nama ajjeeftee, biyyoota, qachootaa fi waan isaan keessa jiran maraa balleessiteef.
18
Amma bu'ammaan waaqolee tolfama'aa maali'i? inni bee waan harka namaatiin bocamee hojjatamee; isa bira sobaa achi wonti biraa hin argamu; Eeganaa nama isa bocee hojjatee waaqa tolfamaa womaa dubbatuu hin dandeenne kana hedachuun maal isa fayyade?
19
Ati ka waan muka irraa bocamee hojjatameen ‹Dammaqi› waan dhagaa irraa bocamee hojjatameen ‹ka'i!› jettuu si hobbaas! dhugamaan amma waandhi tolfamaan waan dhossa'aa sii ibsuu danda'aa? waaqa tolfamaan birri'ii fi worqii itti maxxansanii hojjataniiran; inni garuu sirima hafuura jireennaa hin qabu.
20
Rabbi ammo hulee woyyuu ufii ka woyyoome irra jira; kanaafuu baniin adunyaa irra jiran maruu isa afo'otti haa cadhisanii.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3