bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joel 1
Joel 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Dubbiin raagaa ka Rabbiin irraa gara Iyyu'eelii ilma Baatu'eelii dhufe kana;
2
Isin jaarsonni waan kana dhagayaa'a! worri Yihuudaa keessa jiraattan maruu waan kana caqasaa'a! wonti kana fakkaatu bara keessanitti yookaan bara abboota teessan ta durii keessatti ta'ee beekaa?
3
Waan kana ijoollee teessanitti himaa'a; ijoolleen teessanillee ijoollee ufiititti haa himanii; ijoolleen ijoollee teessanii ammo dhaloota dhufutti haa himanii.
4
Midhaan awwaannisa irraa hafe, tuuta korophiisaa ka olii gad yaa'utu nyaate; ka achi irraa hafellee tuuta korophiisaa ka akka kirfaffu'uu nama dhayutu balleesse; ka achi irraa hafe siqo'otu nyaate.
5
Isin ammaa achi daadhii woyini'ii haarawa waan afaaniin hin tundheef isin worri machooftan hirribaa dammaqa'aa booyaa'a; isin worri daadhii woyini'ii hennaa maraa dhuddan mararama'aa booyaa'a.
6
Tuunni korophisa biraa ka laakkobsaa fi haga hin qabne; akka loltuu nama marsuutitti gara biyya kiyyaa dhufeera; ilkaan isaa akka ilkaan leencaati; a'oon isaa akka a'oo leenca dhala'aati.
7
Inni biqiltuu woyini'ii kiyya maraa hin balleessa; muka hurbu'uu kiyya hin mummura; haga haafni isaanii adii ta'anii mudhatanitti; quuncee isaa quuncisee gate.
8
Kanaafuu isin akka durba jaalalloon isi'ii jalaa du'ee uffata gaddaa uffattee boottu booyaa'a.
9
Midhaanii fi daadhiin woyini'ii ka akka kenna'aatitti mana Rabbiitiif dhiyaatu waan dhabameef gadoonnii Rabbiin tajaajilan haa booyanii.
10
Qonni duwwaa ta'e; midhaan badeera; biqiltuun woyini'iillee gogeera; sayitiinillee badeera; kanaafuu biyyiti hin bootti.
11
Qamadiinii fi garbuun, midhaan kuuwwan maruu waan badeef, isin worri qonnaan bultan gaddaa'a; isin abboonni biqiltuu woyini'iillee booyaa'a.
12
Biqiltoonni woyini'iitii fi mukkiin hurbu'uu quureera; biqiltuun muka roomaanii, teemirri, agamsii fi daraaraan mukaa kuuwwan maruu goganiiran; sababaa kanaaf dhugamaan gammachuun sirima nama irraa fagaateera.
13
Kennaan midhaaniitii fi daadhiin woyini'ii ka Waaqaa dhiyeessitan waan hin jirreef isin gadoonni Waaqa kiyya tajaajiltan! kootta'aa uffata gaddaa uffadha'aatii halkan guutuu booyaa'a! isinillee worri hulee ciinca'aatitti tajaajiltan banne! banne! jedhaa'a.
14
Guyyaa soomaa ka addaa labsaa'a! wol geettii ayyaanaa taasifadhaa'a! jaarsotaa fi namoota biraa ka biyyattii keessa jiraatan maraa mana Rabbii Waaqa keennaatitti wolitti qaba'aatii achitti Rabbitti iyyadhaa'a.
15
Banne! guyyaan Goofta'aa dhiyaateera! guyyaan Rabbiin waan maraa danda'u badii itti fidu gayeera; Guyyaa san hobbaas!
16
Midhaan ija keenna afo'oo gammachuunii fi ililfachuun mana woyyuu Waaqa keennaa keessaa sirima badeera.
17
Midhaan facaafame maruu biyyee keessatti shamee hafeera; midhaan waan dhabameef huleen midhaan itti kuusan maruu duwwaa ta'eera; gootaraan maruu diiggameera.
18
Horiin marga dheedu dhabee wirtaaya; tinni hoolotaallee beelayanii guddisanii miidhama'aaran.
19
Yaa Rabbi! marga raasa'aa maraa waan ibiddi nyaateef muka bosonaallee waan ibiddi gubeef ani gara kee iyya.
20
Laggiiwwan waan jalaa goganiif, margi raasa'aa maruu waan jalaa gubateef bineensonni bosonnallee gara kee iyyan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3