bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joel 3
Joel 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa san boojuu Yerusaalemiitii fi ka Yihuuda'aa hin deebisa;
2
Ani worra Yihuudota hin taane maraa wolitti qabee, gara dhooqa Iyyoosaafixii isaan buusa; banii Israa'elii ka worra kiyya ta'e isaan waan banii keessa faca'anii biyyattii qoodamaniif dhooqa Iyyoosaafixii keessatti murti'iif isaan fida.
3
Isaan banii kiyya ka booji'ame qoodamu'uuf hixaa wolii buusa'aaran; dubartoota seebaran argachu'uuf jedhanii ijoollee isaanii ta dhiiraa kennan; daadhii woyini'ii dhugu'uuf jedhanii ijoollee isaanii ta intalaa garbumma'atti gurguratan.
4
«Isin baniin kutaa Xiiroos, Siidona'aa fi Filisxeemiin keessa jirtan maal godha'aartan? ana haluu bayuu barbaaddanii? yoo kana ta'e hujiin keessan yoosuu akka gara keessan deebi'u godha.
5
Isin meeti'ii fi worqii kiyya akkasuma qabeenna kiyya ka gatii mi'a'aa maraa fudhattanii gara mana waaqolee tolfamaa itti waaqeffattanii seensiftaniirtan.
6
Dhalataa Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii daangaa biyya isaanii keessaa fuutanii fageessitanii namoota Giriikiititti gurgurtaniirtan.
7
Ani amma hulee isaan itti gurguramanii kakkaasee akka bayan isaan taasisa; yakka isin isaan irratti raawwattan maraa deebisee isinitti fida.
8
Ani akka ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa banii Yihuuda'aatitti gurguraman taasisa; isaanillee worra Saaba'aa fi fagoo jiranitti gurguratan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
9
Waan kana maraa banii Yihuuda'aatitti labsaa'a; lolaaf qophaayaa'a; worra jajjabaa kakkaasaa'a; loltoonni teessan maruu wol gayanii lolaaf haa hiriiranii.
10
Maarashaan keessan guraadee'e; haamtuun keessan eboo akka ta'u tumaa'a; dadhabaan ‹Ani jaba'a› haa jedhuu;
11
Isin baniin naannaya san jirtan maruu, ariiti'iin bayaa'a! dhooqa keessatti wol gayaa'a.» Rabbii keenna! loltoota kee worra loluu danda'an ergi.
12
« Worri Yihuudii hin taane maruu ka'anii gara dhooqa Iyyoosaafixii haa deemanii; Ani Rabbi worra Yihuudii hin taane ka naannaya kee jiranitti murteessu'uuf achi taa'a.
13
Hammeenni isaanii guddisee baay'ateera; akkuma midhaan haamanitti isaan haamaa'a; akkuma hurbuu woyini'ii hulee itti cuunfan guutanii dhiitaniititti isaan dhidhiitaa'a» jedha.
14
Guyyaan Gooftaan dhooqa murti'iititti murtii murteessu gayeera; kanaafuu baniin guddisee baay'atee laakkobsaa ol ta'e achitti wol gaye.
15
Guyyaa san aduunii fi jiini hin dukkanaayan; urjiiwwanillee ifa dhaban.
16
Rabbi gaara Tsiyoonii ka Yerusaalemiin keessaa laagaa ufii ka nama sodaachisu dhageessisa; ardiinii fi samiin hin raafaman; Rabbi ammo banii ufii Israa'elii goda isaan itti dhokatan ta'aaf.
17
«Israa'el! isin hennaa san akka ani Rabbii Waaqa keessan ta'e beettan; ani gaara Tsiyoonii woyyicha kiyya irra jiraadha; Yerusaalem qachaa woyyoomte taati; ammaa achi loltoonni ormaa isii hin marsan.
18
Hennaa san gaarran maruu biqiltuu woyini'iitiin guuttaman; tulloota irrattillee horii aannan guddaa bayantu dheeda; laggiin biyya Yihuuda'aa keessatti argaman maruu bisaaniin guuttaman; mana woyyuu Rabbii keessaa burqee dhooqa Shiximii ol guuta.
19
Namoonni biyya Misiriitii fi biyya Eedoomii waan banii Yihuuda'aa irratti miidhaa raawwatanii fi banii qulqulluullee waan ajjeesaniif biyyi Misirii gammoojjii taati; Eedoomillee lafa onaa ka namni keessa hin jiraanne taati.
20
Kanaafuu ka ani haga adhaa uduu haluu isaan hin baane dhiise dhiiga worra qulqullootaa ka jigee haluu baya; Yihuudaanii fi Yerusaalem ammo baraa haga bara baraa ka baniin kiyya keessa jiraatu ta'an; Ani Rabbillee gaara Tsiyoonii irra jiraadha.»
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3