bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Joel 2
Joel 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Tsiyooniin keessatti xurumbaa afuufaa'a! gaara woyyuu irratti banqifadha'aa iyyaa'a! guyyaan dhufa Goofta'aa waan dhiyaateef worri biyyattii keessa jiraatan maruu haa hollatanii.
2
Guyyaan sun guyyaa hurri'ii, guyyaa duumessaatii fi ka dukkana jaama'aati; akkuma ifti aduu ganamaa gaarran irra badhatu akkasuma tuunni korophiisaa guddaanii fi jabaan hulee marattuu badhata; wonti kana fakkaatu armaan dura hin mudhanne; armaan maayessallee hennaa kamiinuu hin mudhatu.
3
Isaan biqiltuu isaan afo'otti argame maraa akka ibiddaatitti nyaatan; akka arraba ibiddaatittillee hin guban; biyyi afoo isaanii jiru ka isaan itti hin dhandhe; akka hulee dhaaba biqiltuu jeennata Eedanii keessaa lalisa'a; biyyi isaan keessa lufan ammo gammoojjii barbadaaye ta'a; wonti isaan jalaa dheessee bayu tokkollee hin jiru.
4
Bifti isaanii akka bifa fardaati; gulufni isaaniillee akka farda lolaati;
5
Akka gaarii fardaa laagaa hin dhageessisan; isaan qaccee gaaraa irra utaalan; akka ibidda buraa gubuu waa maraa guban; akka loltoota jajjabaa lolaaf qophaayanii hiriiranii deeman.
6
Baniin hennaa isaan argan sodaatanii hollatan; namoonni maruu sodaatanii huqqatan.
7
Akka loltootaatitti jala dhaabatan; akka worra duuluutittillee dallawa dhaga'aa irra utaalan; isaan maruu qajeelanii gara afo'oo deeman; mamanii karaa ufii hin jijjiiratan.
8
Namni tokko nama biraa woliin wol hin dhiibu; maruu karaa ufii gad hin dhiisu; meeshaa diinaa diiganii lufan; ka isaan dhaabu hin jiru.
9
Qachattii hin marsan; dallawa qachatti'ii irra fiiga'aa utaala'aa manniin irra koran; akka hattu'uutitti fodda'aan seenan.
10
Lafti isaan jalatti hollatti; samiin hin raafama; aduunii fi jiini hin dukkanaayan; urjiiwwanillee hin ifan.
11
Rabbi laagaa ufii ka akka laagaa gigissa'aa loltoota dhageessisa; Loltoonni hagam baay'atan! worri ajaja isaa fudhatan laakkobsaa ol; dhugamaan guyyaan Rabbii gudda'a; guddisee waan nama sodaachisuuf guyyaa san eentu danda'ee dhaabata?
12
Rabbi akkana jedha, «Ammallee yoo ta'e, soomaan, booyichaan fi gadda'aa garaa guutu'uun gara kiyya deebi'aa'a.
13
Isin gadda keessan mudhisu'uuf uffata keessan tarsaasuun gaya'aa miti; caala'atti garaa guutu'uun gara kiyya deebi'aa'a.» Rabbi Waandhi keessan arjaa'a, ka namaa dhiisu, ka lolaaf hin ariifanne, ka jaalala bara baraatiin duroomee fi ka adabbi'iif hin ariifanne waan ta'eef gara isaa deebi'aa'a.
14
Maal laataa Rabbi Waandhi keessan lola ufii dhiisee eebba ufii isinii kennuu danda'a; isin hennaa san Rabbii Waaqa keessanii kennaa midhaaniitii fi kennaa dhuddo'oo dhiyeessitan.
15
Gaara Tsiyoonii irratti xurumbaa afuufaa'a! baniin akka wol gawu waamaa'a! soomaa labsaa'a.
16
Isin banii maraa hulee tokkotti wolitti qaba'aatii gumii woyyoomeef qopheessaa'a; jaarsota waamaa'a; ijoolle'ee fi daa'imman harma hootullee uduu hin hafne wolitti qabaa'a; idaayyonni golaa haa bayanii.
17
Gadoonni Rabbiin tajaajilan hulee ciinca'aatii fi karaa wol bira lufaniin keessatti haa booyanii; «Gooftaa kiyya! banii keetii garaa laafi; Worri Yihuudota hin taane Waandhi keessan eessa jira? jedha'aa akka nu tuffatanii fi akka nu irratti baldan hin godhin!» haa jedhanii.
18
Rabbi hinaaffaa biyyatti'ii qabuuf bani'ii garaa laafe;
19
Kanaafuu akkana isaaniin jedhe, «Kunoo midhaan, daadhii woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa haga quuftanitti isinii kenna; ammaa achi worri Yihuudii hin taane worra itti baldan akka isin godhan isaanitti hin dhiisu.
20
Tuuta korophiisaa ka gara kaabaatii isinitti dhufu isin irraa fageessa; gara lafa gammoojji'iitii fi gara lafa onaa isaan ari'a; worra afoo keessan jiran gara galaana du'aa, worra isin duuba jiran gara galaana Meditiraaniyaanii isinii ari'a; achitti reeffi isaanii shamee ajaaya; dhugamaan ani Rabbi waan guddaa isinii godheera.
21
«Laftana hin sodaatin; Rabbi waan guddaa waan sii godheef gammadi! burraaqi.
22
Busaayaa lafa irraa hin sodaatinaa'a; huleen isin itti bobbaatanii dheeddan laliseera; mukkiinillee daraareera; munni hurbu'uutii fi daraaraan woyini'ii guddisee baay'ata.
23
Isin banii Tsiyoonii! Rabbii Waaqa keessaniin gammadaa'a; burraaqaa'a; Inni qajeelchee murteessee akkuma duraanii ji'oota bonaatii fi ji'oota gannaa rooba gayaa isinii kenneera.
24
Oobdiin midhaaniin guuttama; daadhiin woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa boolla woyinii itti cuunfan guutee irra cambalaqa.
25
Midhaan tuunni korophiisaa, awwaannifni, siqoonii fi tuunni awwaannisaa ka qilleensa keessa bararan isin jalaa balleessan hule'etti isinii deebisa.
26
Guddiftanii nyaattanii quuftanii ana Rabbii Waaqa keessan ka waan maalale'ee guddaa isinii godhe galatoonfattan; baniin kiyya ammaa achi salphatee hin saalfatu.
27
Banii kiyya! isin akka ani jidduu keessan jiru, Waandhi keessan akka ana callaa ta'ee fi anaa achi Waandhi biraa akka hin jirre hin beettan; baniin kiyya ammaa achi salphinni isaan irra hin gawu» isaaniin jedhe.
28
Rabbi akkana jedha, «Ani ammaa achi Hafuura kiyya nama maraa irratti dhangalaasa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa raaga dubbatan; jaarsonni teessan eebjuu eebjotan; ka'imman teessan mudhata argan.
29
Akkasuma guyyoota sanniin keessa, tajaajiltoota tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa irratti Hafuura kiyya dhangalaasa.
30
«Ani ardi'ii fi sami'itti waan maalale'ee godha; dhiigaa fi ibiddi, utubaan aaraallee hin mudhata.
31
Guyyaan Goofta'aa guddaanii fi ka nama sodaachisu uduu hin dhufneen dura aduun hin dukkanoofti; jiini dhiiga fakkaata;
32
Namni maqaa Rabbii waamu hin fayya; akkuma Rabbi dubbate gaara Tsiyooniitii fi Yerusaalemiin keessaa fayyinnatu argama; worra fayyan keessaa worri Rabbi filate achi keessatti argaman.»
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3