bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jonah 3
Jonah 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
1
Rabbi hennaa lammeesso'oo Yoonaasiin,
2
«Amma ka'ii gara qachattii guddoo Nanawwe'ee deemi; dubbii ani sitti himu bani'itti labsi» jedheen.
3
Yoonaas Rabbii ajajamee ka'ee gara Nanawwe'ee deeme; sababaa Nanawween qachaa guddoo taateef qachattii woliin gawu'uuf guyyaa sadihi fixe.
4
Yoonaas qachattii keessa seenee deemsa jalqabe; guyyaa tokko haga deemeen maayessa «Nanawween guyyaa afurtamaa keessatti hin baddi!» jedhee labse.
5
Baniin Nanawwe'ee dubbii Rabbii amananii sooma labsan; akka gaabbaniiran mudhisu'uuf diqqaa irraa jalqabee haga gudda'aa maruu uffata gaddaa uffatan.
6
Mootiin Nanawwe'ee haga waan kana dhagaye teessoo ufii ka ulfinnaa irraa bu'ee uffata mootummaa ufii mulqatee uffata gaddaa uffatee daaraa irra taa'e.
7
Inni banii Nanawwe'eetitti «Akkaataa mootichinii fi worri jajjabaan ajaja dabarsanitti eennullee yookaan busaawaan, tinni hori'iitii fi tinni hoola'aa akka womaa hin nyaanne, bisaanillee akka hin dhunne.
8
Namni uffata gaddaa haa uffatuu; horiinillee haa gadduu namni maruu garamaan gara Rabbii haa iyyuu; amala ufii bada'aa fi hujii miidha'aa haa dhiisuu.
9
Nu'u akka badii jalaa baanu maal laataa Rabbi garaa nuu laafee lola ufii ka nama sodaachisu irraa uduu ka deebi'uutii maaltu beeka?» jedheen.
10
Rabbi waan namoonni Nanawwe'ee hojjatanii fi akka isaan hujii hamaa ufii irraa deebi'an arge; kanaafuu garaa isaanii laafee adabbii isaanitti fidu'uuf ta'u isaan irratti hin raawwanne.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4