bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jonah 4
Jonah 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Yoonaas waan kanatti waan hin gammanneef aaree biibbaye;
2
akkana jedhee Rabbiin kadhate, «Yaa Rabbi! ani akka ati waan kana gootu uduu biyya kiyya jiru sitti dubbadhee hin turree? sababaa ani si jalaa dheessee gara Tarsesii deemu'uuf karoorfadheef kanaaf akka ati arjaa'a, ka namaa dhiiftu, ka obsitu, ka araarri kee gudda'aa, ka jaalala bara haga bara baraa qabdu, Waaqa lola dhiiftee namaa araaramtu taate hin beeka ture.
3
Ammallee Gooftaa kiyya! yabo'oo na ajjeesi; jiraachu'uu mannaa du'uu naa woyya»
4
Rabbillee Yoonaasiin «Hagana mara dheekkamuu si barbaachisaa?» jedheen.
5
Yoonaas qachattii keessaa bayee qachatti'iin gara baya biiftu'uutitti daasee ijaaratee gaaddisa isi'ii jala taa'e; achi taa'ee waan Nanawwee irra gawu eega'aa ture.
6
Rabbi Waandhi akka Yoonaas aduu jalaa gaaddiseeffatu biqiltuu buqqe'ee tokko baaseefii akka baalli isi'ii mataa isaatii ol ta'u godhe; Yoonaas waan gaaddisa baala buqqe'ee argateef guddisee gammade.
7
Garuu Rabbi ganama barii raammoo tokko qopheesse; raammoon sun buqqee san nyaatte; buqqeenillee hin godde.
8
Haga aduun bayeen maayessa Rabbi baya biiftu'uutii qilleensa gubu erge; oo'i adu'uu waan mataa isaa gubeef Yoonaas laafee du'a hawwee «Jiraachu'uu mannaa du'uu naa woyya» jedhe.
9
Rabbillee Yoonaasiin «Ati waan buqqee tanaatiif biibbawuu si barbaachisaa?» jedheen. Yoonaasillee Rabbiin «Dhugamaan biibbawuu na barbaachisa; sirimaa haga du'utti aaruu na barbaachisa!» jedhe.
10
Rabbi, «Ati biqiltuu guyyaa tokkotti biqiltee guyyaa tokkotti godde, ta ati ufii hin dhaabnee fi hin guddifnee hagana mara gadditeerta!
11
Nanawween qachaa baniin kuma dhibba tokkoo fi diddamaa olii ka misha'aa fi hamaa adda baasuu hin dandeennetu keessa jiraata; isii keessa busaawaa heddutu jira; eeganaa ani qachattii guddoo tanaa silaa garaa laafuu na hin barbaachisuu?» jedheen.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4