bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ruth 1
Ruth 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
1
Bara abboonni murti'ii Israa'eliin bulchan biyya irratti beelli ture. Sababaa kanaan biyya Yihuuda'aa Beeteliheemiin keessaa namni tokko haadha manaa ufiitii fi ijoollee dhiiraa lamaan ufii woliin taa'u'uuf gara biyya Moo'aabii deeme.
2
Maqaan namichaa Abemelek, maqaan haadha manaa isaa Nuhaamiin, maqaan ijoollee isaa lamaanii Mahaloonii fi Kelewoon jedhaman ture. Inni dhalootaan nama Efraata'aa ta'e qachaa Beeteliheemii keessa jiraata ture, maatii ufii woliin gara biyya Moo'aabii dhaqee achi jiraate.
3
Abbaan manaa ka Nuhaamiinii Abemelek hin du'e; isiin ijoollee ufii lamaan woliin hojja hafte.
4
Ijoolleen isi'ii durba Moo'aaboota keessaa Oorfa'aa fi Ruutiin fuudhanii biyya san keessa haga woggaa kudhanii jiraatan.
5
Mahaloonii fi Kelewoon lachuu hin du'an; Nuhaamiin abbaa manaa ufiitii fi ijoollee ufii lamaan haga ajjeefatte hojja hafte.
6
Nuhaamiin uduu biyya Moo'aabii keessa jirtu, akka Rabbi banii Israa'eliitii araara godhee fi akka midhaan isaanii kenne haga dhageette, intallan ilmaan ufii lamaan woliin biyya Moo'aabiitii gara biyya Israa'elii deebi'uuf kaate.
7
Hulee jiraata'aa turte san dhiiftee uduu gara biyya Yihuuda'aa woliin deeman,
8
Nuhaamiin, intallan ilmaan ufiitiin akkana jette; «Deemaa'a, gara mana haawwota teessaniititti deebi'aa'a; akkuma isin anaa fi ijoollee tiyya ta du'aniif waan mishaa gootan, akkasuma Rabbi waan mishaa isinii haa godhu.
9
Mana abbaa manaa keessan ka biraatitti Rabbi hara isin haa baafachiisu» jettee isaan dhungattee isaan biraa deemu'uuf taanaan isaan ammo laagaa ufii ol qabatanii booyan,
10
Achiin maayessa isaan «Hin ta'u! sima woliin gara banii keetii deemna» jedhaniin.
11
Nuhaamiin akkana isaaniin jette, «Ijoollee tiyya! yabo'oo deebi'aa'a; na woliin wonti deemuu barbaaddaniif maali'i? ammaa achillee ani ijoollee abbaa worraa isinii ta'an; waan dawuu danda'u isinitti fakkaataa?
12
Ijoollee tiyya na biraa deebi'aa'a; akka hin heerumne jaareera; ani uduu abdii heerumee dawu'uu qabaadhee, edanuma heerumee uduu ijoollee dayeeyyuu,
13
haga isaan guddataniif ima eeddanii? uduu hin heerumne isaan eegu'uuf teettanii? ijoollee tiyya wonti kun waan hin taane; ana Rabbi naan lole; waan isin irra gayeefillee baay'ee mararameera» isaaniin jette.
14
Ammallee deebi'anii laagaa ol qabanii booyan; Oorfaan soddaatii ufii dhungattee biraa lixxe; Ruuti ammo soddaatii ufiitiin ani si irraa hin fooyamu jettee itti maramte.
15
Kanaafuu Nuhaamiin Ruutiin «Intalti obboleessa abbaa manaa keetii gara banii ufiitii fi gara waaqolee ufii deebiteertii atillee isii woliin deebi'i» isi'iin jette.
16
Ruuti ammo akkana isi'iin jette; «Giddi'iin uf biraa na hin deemsisin; gara ati deemtu maraa si woliin deema; hulee ati jiraattu si woliin taa'a; baniin kee banii kiyya, Waandhi kee Waaqa kiyya ta'a.
17
Hulee ati duututti du'a, hulee ati itti awwaalamtuttillee hin awwaalama, du'aa achitti wonti si irraa na fooyu yoo jiraate Rabbi waan hamaa natti haa fidu!» jette.
18
Nuhaamiin akka Ruuti isii woliin deemu'uuf kutatte haga argite, deebitee womaa isi'itti hin dubbanne.
19
Achii isaan lamaanuu gara Beeteliheemii deeman; haga qachaa Beeteliheemii gayan, namoonni achi keessa jiran maruu haga isaan argan maalalfatanii «Tun Nuhaamiinii?» jedha'aa wocan.
20
Isiin ammo «Waandhi maraa danda'u jireenna kiyya waan hadheesseef, ‹Maaraa › naan jedhaa malee ‹Nuhaamiin› jettanii na hin waaminaa'a;
21
Hennaa biyya kanaa bayu waan baay'ee qaba; amma ammo Rabbi duwwaa na deebise; Rabbiin maraa danda'u na salphisee waan na rakkiseef ‹Nuhaamiin› maaf naan jettan?» isaaniin jette.
22
Akka kanaan Nuhaamiin intala ilma ufii Ruutiin woliin biyya Moo'aabiitii deebi'an; hennaan isaan deebi'an sun hennaa garbuun haamamuu jalqabe.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4