bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ruth 4
Ruth 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Boo'eez gara baadaa qachatti'ii bayee taa'e. Namichi fira dhiyo'oo ka Abemelekii ka Boo'eez tanaan dura waan isaa dubbate ka bira lufa'aaru waamee, «Koottuu na bira taa'i» jedheen; innillee dhufee isa bira taa'e.
2
Achiin maayessa Boo'eez jaarsota qachatti'ii keessaa namoota kudhanii waamee «As taa'aa'a» isaaniin jedhe; isaanillee hin taa'an.
3
Boo'eez namicha fira ufii ka fooniitiin Nuhaamiin biyya Moo'aabiitii deebite lafa obboleessa keenna Abemelekii dhaalchisu'uuf taati.
4
Atillee waan kana beekuu si barbaachisa jedhee waan yaadeef amma namoota as taa'anii fi jaarsota banii kiyyaa afo'otti ka oolfatuu barbaachisu si waan ta'eef gatii kennii oolfadhu, yoo hin barbaanne ammo qurxii natti himi ani hin oolfadhaa; Innillee hin oolfadha jedheen.
5
Achiin maayii Boo'eez «lafa Nuhaamiiniitii fi intala biyya Moo'aabii irraa guyyaa gatii kennitee oolfattu maqaa namicha du'ee waamsisu'uuf mana isaallee wolumaan fudhatta» jedheen.
6
Namichi fira foonii kun ammo yoo akkana ta'e, qabeenni kiyya waan baduuf ani hin oolfadhu atummaan oolfadhu» jedheen.
7
Bara durii keessa Israa'eliin keessatti wonti akka lafa gurguru'uu fi dhaalu'uu ka mirkanaayu namni tokko kophee ufii baafatee nama biraatii yoo kenne calla'a; akka kanaan seerri bitu'uu fi gurguru'uu Israa'eliin keessatti raawwatama.
8
Firrisee namichi fira foonii Boo'eeziin «Atummaan oolfadhu» jedhee kophee luka ufii irraa baase.
9
Boo'eezillee jaarsotaa fi banii maraan «Abemelek, Kelewoonii fi Mahaaloon waan qaban maraa Nuhaamiiniin irraa gatii kennee oolfachuu kiyyaaf adha isin naa raga'a.
10
Akkasuma maqaan namicha du'ee obboleeyyan jiddu'utti biyya keessaallee akka hin banne maqaa namicha du'ee ristii irratti akka waamamu, haadha manaa Mahaaloonii intala biyya Moo'aabii Ruutiin akka haadha manaa naa taatu akka adha fuudhe isin naa raga'a» isaaniin jedhe.
11
Achiin maayii jaarsotaa fi namoonni balbala baada'aa taa'aniiran maruu akkana jedhan; «Ee nu waan kanaaf raga'a; intala tee tana Rabbi ijoollee hedduu dawu'uun worra mana Yaaqoobii ijaaran akka Raaheliitii fi Liya'aa sii haa godhu; Rabbii Efraataa keessatti si haa duroomsu; Beeteliheemiin keessattillee maqaan kee gurra haa bawu.
12
Rabbi fiixaa intala dargaggeettii tana irraa sii kennuun si haa eebbisu; maatii keellee akka maatii Faaresii, Yihuuda'aa fi Timaariin irraa dhalatee sii haa godhu.»
13
Akka kanaan Boo'eez Ruutiin fuudhee haadha manaa isaa taate; inni bira gaye Rabbi akka isiin ulfooftee ilma dhiiraa deettu taasise.
14
Dubartoonni Nuhaamiiniin, «Rabbiin nama intala ilma keetii dhaalu ka si hin dhabsiifne haa eebbifamu! maqaan isaa Israa'eliin keessatti haa waamamu!
15
Intalti ilma keetii guddiftee si jaalatti; waan ijoolleen torbaa sii gootu caalaa sii gooteerti; amma ammo nama jireenna haarawoomsuuf ka bara jaarruma keetii si gargaaru ilma dhiiraa sii deetteerti» jedhaniin.
16
Nuhaamiinillee daa'ima fudhattee ammattee guddiftuu taateef.
17
Dubartoonni olla'aa Nuhaamiinii ilmi dhiiraa dhalateeraaf jedha'aa maqaa ‹Iyyoobeed› jedhanii itti baasan; inni ka Isseyii abbaa mooticha Daawitii ta'e uumate.
18
Fiixaan Faareesii kana; Faarees Eesroomiin uumate;
19
Eesroom Aaraamiin uumate, Aaraam Aminaadaabiin uumate.
20
Aminaadaab Na'aasooniin uumate; Na'aasoon Solomooniin uumate,
21
Solomoon Boo'eeziin uumate, Boo'eez Iyyoobeediin uumate,
22
Iyyoobeed Isseyiin uumate, Isseyi Daawitiin uumate.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4