bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ruth 3
Ruth 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
1
Soddaatiin Ruutii Nuhaamiin Ruutiin «Mucattii tiyya! akka wonti mishaan sii ta'u jireenna mishaallee akka jiraattu mana hara itti baafattu sii soquu?
2
Namichi Boo'eez jedhamu ka hennaa ati qaarmaa guurtu dubartoota si woliin jiran tajaajila'aanii turan fira keenna ka fooniitii mitii? inni adha galgala garbuu ayiidata.
3
Kanaafuu dhiqadhuu, dibadhuu, uffatallee uffadhuu gara oobdi'ii dhaqi; garuu haga inni waa nyaatee dhugee ka'utti isatti hin mudhatin.
4
Haga inni rafeen maayii lafa inni rafeeru laaliitii luka isaa jalaan uffata ol qabii luka isaa bira ciisi; maal akka gootu inninuu sitti himaa» jetteen.
5
Ruutillee «Waan ati naan jettu maraa hin godha» isi'iin jette.
6
Gara oobdi'ii dhaxxee akkuma soddaatiin isii ajajje maraa goote.
7
Boo'eez haga nyaatee dhugee nafa ufii gammachiiseen maayessa tuulaa midhaanii bira ciisu'uuf deeme; Ruuti suutaan dhuftee uffata ol qabdee luka isaa bira ciifte.
8
Halkan wodhakkaa hennaa ta'e hirribaa dammaqee yoo uf irra garagalu dimmaa intala luka isaa jala ciifteertu argee naye.
9
«Ati eennu?» jedhee isii gaafate; isiinillee, «Gooftaa kiyya ana tajaajiltuu tee Ruut; ati nama na dhaalu waan taateef uffata narra dhayi» jetteen.
10
Boo'eezillee akkana isi'iin jedhe, «Mucattii tiyya! Rabbi si haa eebbisu; uduu barbaaddee dureessa yookaan hiyyeessa jettee dargaggeessa filattee faanaa deemuu hin dandeetta turte, ka duraa caalaa dhuma irratti waan mishaa gooteerta;
11
amma mucattii tiyya hin sodaatin akka ati intala adaba qabdu taate baniin biyya kiyya keessa jiru maruu waan beekaniif waan ati naan jettu maraa hin godha.
12
Ani fira foonii ta'uun kiyya dhugama; garuu namni na caalaa fira foonii ta'e hin jira.
13
Haga lafti bariituuf as turi; yoo lafti bariite namni sun akka si bulchuuf akka si hin bulchine hin gaafadha inni yoo ka si bulchu ta'e misha'a; yoo dide ammo maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhaa ani si bulcha hagasiif asuma rafi» jedheen.
14
Ruut haga lafti bariituuf luka isaa jala rafte; garuu inni akka dubartiin gara oobdii kanaa dhufte akka namni hin beenne waan barbaadee tureef dimimmisa sa'aatii namni wol hin arginetti biraa kaate.
15
Boo'eez «Kutaa irraan uffatte kana badhisii qabi» isi'iin jedhe; isiinillee badhiftee qabnaan garbuu bikkituu jahaa safaree itti baachise. Achiin maayessa gara qacha'aa deeme.
16
Isiin gara soddaati'ii dhaxxe; soddaatiin «Mucattii tiyya! wonti sun attam sii ta'e?» isi'iin jette; isiinillee waan namichi godheef maraa itti himte.
17
«Gara soddaatii teetii qullaa hin galin» jedhee garbuu bikkituu jahaa kana naa kenne jetteen.
18
Nuhaamiin «Mucattii tiyya! namichi haga waan kana fixuuf waan hara hin baafanneef haga wonti kun raawwatuuf cadhis» isi'iin jette.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4