bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Titus 1
Titus 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Phaawuloos garbicha Rabbiitii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, worra Rabbiin filatamaniif akka amantaa isaanii ta'u, abdii bara baraatii fi akka waaqeffannaa dhuga'aa beekaniif ka ergame;
2
waan jireenna kanaatiif Rabbiin hin sobne baroota hedduun duratti abdii kenne.
3
Inni hennaa murteessetti ajaja Rabbii fayyisaa keennaatiin lallaba yaboo natti kenname kanaan dubbii ufii addaataa godhe.
4
Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif: Rabbi Aabbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haa ta'u.
5
Sababaa kanaaf waan hafe akka karaa qabsiiftu, qachoota maraa keessatti akkuma ani si ajaje woldaa Kiristaanaa keessattillee manguddoota akka muuddu Qarxeesitti si dhiise.
6
Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, ka haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu didu'uun ka hin himatamne yoo jiraate muudi.
7
Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi ka waan shinga'aa hin jaalanne,
8
Ka keessummaa simatu, ka waan mishaa ta'e jaalatu, ka uf eegu, qajeelaa, woyyu'uu fi ka uf qabu haa ta'uu.
9
Akkasuma barumsa jireenni keessatti argamuun gorsu'uu fi worra morman dogoggora isaanii itti himee deebisuu akka danda'uuf, akkuma barate dubbii amaname saniin haa jabaatuu.
10
Worra hin ajajamne, ka waan duwwaa qaaqanii fi soban, keessattuu gosa worra gadoomanii keessaa heddu.
11
Kunniinillee waan shinga'aatii fi waan ta'uu hin barbaachifne barsiisa'aa, maatii maraa waan dogoggorsaniif afaan isaanii cufuu barbaachisa.
12
Isaanuma keessaa raanni tokko, «Namoonni Qarxeesii hennaa maraa kijibdoota, busaayaa hama'a, nyaattotaa fi worra hujii hin qabne» jedheera.
13
Ragaan kun dhuga'a; sababa kanaaf mammaaka Yihuudotaatii fi ajaja worra dhugaa irraa fagaatanii akka hin caqafne worra amanti'iin fayye akka ta'an jabeessii isaan gorsi.
15
Worra qulqullu'uuf wonti martuu qulqullu'u; worra battaayanii fi hin amannee ammo wonti qulqulluu ta'e womaa hin jiru. Haa ta'uu ammo qalbi'ii fi yaanni isaanii battaayeera.
16
Isaan «Rabbiin beenna» jedha'aa ifa dubbatan. Haa ta'uu ammo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif hujii ufiitiin isa ganan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3