bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Titus 2
Titus 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Ati ammo barumsa jireenna argamsiisuuf akka ta'utti dubbadhu.
2
Manguddoonni ka adaba qaban, ka kabajjaa qaban, ka uf qaban, jaalalaa fi amanta'aan jabaatanii sirrii akka ta'an gorsi.
3
Akkasuma haawwotiin jaaran haalli jireenna isaanii tajaajila woyyu'uuf gayaa ta'uu barbaachisa; worra hin hamanne, worra dhuddoo daadhii woyini'ii baay'eetiin hin sobamnee fi worra waan mishaa barsiisu haa ta'anii.
4
Dubartoonni maqaan Rabbii akka hin arabamne worra abbaa manaa ufii jaalatan, worra ijoollee ufii jaalatan, worra uf qaban, woyyoota, worra mana ufiititti hojjatan,
5
worra mishaa, abbaa manaa ufiitii ajajaman akka ta'an isaan haa gorsanii.
6
Ka'imtoonnillee akkasuma akka uf qaban gorsi.
7
Waanuma kamiinillee waan mishaa ta'e raawwachuun uf fakkeenna mishaa godhii isaaniif uf dhiyeessi; barumsa isaan barsiiftuunillee kasoomu'uun, sirnya;
8
qaaqa qajeelaa mudaa hin qabne dubbadhu; kun worri nu mormanii badooma keenna dubbatuu barbaadan akka waan jedhan dhabanii saalfataniif.
9
Garboonni waan barumsa qoricha keenna Rabbiin waa maraanuu akka galatoonfataniif, bulchoota isaaniitifillee akka ajajaman, woma maraanuu akka isaan gammachiisan.
10
Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.
11
Badhaani Rabbii ka namoota maraa fayyisu mudhateera.
12
Badhaani kunillee cubbu'uun jiraachu'uu fi hawwii biyya lafaa waakkanne.
13
Abdii eebbifamaa keenna, innillee mudhata kabajjamaa Rabbii keenna gudda'aa fi qoricha keenna Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.
14
Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.
15
Kana maraa baalli'iin dubbadhu, gorsi, uf eeggachiisi. Eennullee si hin tuffatin.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3