bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Titus 3
Titus 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Namoota bulchootaa fi worra baallii qaban jalatti bulu'uuf ajajaman hujii mishaa maraaf worra qophaayan,
2
ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara laafeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.
3
Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, worra hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garboota taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol loluu fi worra wol jibbu turre.
4
Haa ta'uu ammo Rabbi qorichi keenna, arjumma'aa fi nama jaalachu'uun hennaa dhufe haga araara ufiitiin karaa dhiqata lammeessoo dhalatu'uutiif,
5
Haarawoomsuu Ayyaana Woyyu'uutiin nu fayyise malee, hujii qajeellumma'aa ka nu gooneenii miti.
6
Ayyaana saniif qajeellee badhaadha isaatiin woyyoomnee abdii jireenna bara baraa dhaaltoota akka taanu, qorichi keenna Yesuus Kiristoos guddisee nutti jisse; dubbiin isaa amanama'a.
8
Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimsitee akka dubbattu barbaada. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu.
9
Atillee qorachuu gowwummaa seenaa dhalootaatiif mormii waan seeraa irratti wol loluu irraa fagaadhu; duwwa'aa fi waan hin fayyanne.
10
Nama nama gar gar bayiinsaaf kakkaasu, namni akkasii nama dabaa cubbuu hojjatee yakka ufitti muree akka ta'e beettee,
11
hennaa tokkoo fi lama haga gorsiteen maayessa nama akkasii irraa fagaadhu.
12
Arximooniin yookaan Tiikiqoosiin gara kee yoo sii erge gara Niqophiiliyooniitii gara kiyya akka dhuftu jabaadhu; ani achi turu'uuf waan muradheeruuf.
13
Beekaa seeraa Zeemaasii fi Aphiloosiin womaa akka isaan jalaa hin hanqanne waan imala isaaniitiif barbaachisu maraa godhiif.
14
Worra gosa keennaa keessattillee akkasuma jireenna bu'aa hin qabne akka hin jiraanne waan barbaachisu maraan hujii misha'aa fi uf kennuu haa baratanii.
15
Worri na woliin jiran maruu nagaya sii dhaamaniiran. Worra amanti'iin nu jaalatan maraafuu nagaya nuu himi. Badhaani isin maraa woliin haa jiraatu; Amiin!
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3