bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zephaniah 1
Zephaniah 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Sofoniyaas ilma Kushiiti; Kush ilma Gadaaliya'aati; Gadaaliyaan ilma Amaariya'aati; Amaariyaan ammo ilma mooticha Hisqiyaasiiti; raanni Rabbi Sofoniyaasitti dubbate ka bara ilmi Amoonii Iyyoosiyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooyee kana.
2
Rabbi akkana jedha, «Ani waan maraa sirima lafa irraa balleessa.
3
Nama busaawaa, simbirran sami'iitii fi qurxummiiwwan galaanaallee hin balleessa; worra hammeeyyii gara gaggalcha; fiixaa namaa lafa irraa balleessa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
4
«Ani banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aa maraa hin adaba; hulee sanii waan caccabee harca'e ka waandhi tolfamaan Ba'aal jedhamu itti waaqeffamuu fi yaadannoo gadootaa ka waaqa tolfama'aa hin balleessa.
5
Worra ginno irra bayanii adu'uu, ji'aa fi urjiiwwanii sagadan hin balleessa; ani worra na waaqeffata'aa maqaa kiyyaan kakata'aa deebi'anii maqaa waaqa tolfamaa Milkoom jedhamuun kakatan hin balleessa.
6
Worra na irraa fagaatan, worra na faana deemuu dhiisanii fi worra gara kiyya dhufanii akka ani isaan masakkuuf na gaafatuu didan hin balleessa» jedha.
7
Guyyaan murtii Rabbii waan dhiyaateef Rabbiin afo'otti cadhisaa'a; Rabbi banii ufii akka horii ciinca'aaf qalamuu dabarsee isaan kennu'uuf qophaaya'aara; inni diintota Yihuudaa saaman addaan baasee qopheesseera.
8
Rabbi akkana jedha, «Guyyaa ani banii kiyya dabarsee kennu worra jajjaba'aa fi worra baallii qaban akkasuma worra aadaa ormaa hordofan maraa hin adaba.
9
Namoota guyyaa san seera waaqeffanna'aa ka worra Yihuudotaa hin taaneetiin mana woyyumma'aa keessatti utaala'aa waaqeffatanii fi worra mana gooftaa isaanii meeshaa dharaa fi sobaan argameen guutan hin adaba.»
10
Rabbi akkana jedha, «Guyyaa san dallawa Yerusaalemii gara balbala qurxummi'ii jedhamee waamamuutiin laagaa iyyaatitu dhagayama; bayima itti bayan ka haarawaatiillee laagaa booyaatitu dhagayama; tulloota jiddu'uullee raafama gudda'atu dhagayama.
11
Isin worri kutaa gadii ka qachattii keessa jiraattan maruu, daldaltoonni teessanii fi daldaltoonni birri'iin daldalan waan badaniif hennaa laagaa kana dhageettan ‹banne! banne!› jedha'aa booyaa'a.
12
Ani guyyaa san ibsaa harkatti qabadhee Yerusaalemiin tooyadha; worra qanani'anii akka daadhiin woyini'ii qararee gagaan jalatti hafuu ta'anii fi Rabbi waan misha'aa fi hamaallee hin godhu jedhan hin adaba.
13
Qabeenni isaanii hin saamama; manniin isaanii hin diiggama; hennaa san isaan mana ijaaratan; ammo keessa hin jiraatan; biqiltuu woyini'ii hin dhaaban, ammo daadhii woyini'ii hin dhugan.
14
Guyyaan Rabbii guddaan dhiyaateera; ariifatee dhufa'aaralle'e; guyyaan sun guddisee nama sodaachisa; laagaan guyyaa san dhagayamu hama'a; ka lolu laagaa gudda'aan iyya.
15
Guyyaan sun guyyaa lolaa, ka rakkinnaa, ka hucuucamu'uu, ka badi'ii, ka diigga'aa, ka dukkanaa, ka hurri'ii, ka duumessaatii fi guyyaa dukkana jaama'aa ta'a.
16
Guyyaan san qachoota dhokatanii fi dallawa dhaga'aa dhedheeraa irratti laagaa xurumbaa lolaatii fi laagaa nama seeraniintu dhagayama.
17
Rabbi akkana jedha, «Isaan cubbuu hojjatanii waan na yakkaniif akka jaama'aatitti haga bararraaqanitti namoota irratti rakkoo guddaa fida; dhiinni isaanii akkuma bisaaniititti jiga; reeffa isaanii akka fisha'aatitti hulema arganitti gatan.»
18
Guyyaa Rabbi dheekkamsa ufii mudhisu namoota meetiinii fi worqiin isaanii isaan oolchuu hin danda'u; hinaaffaa isaa ka akka ibiddaatiin lafti maruu hin baddi; sababaan wonti kun maruu ta'uuf namoonni adunyaa irra jiran maruu waan dimmaa dhumaniif.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3