bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zephaniah 3
Zephaniah 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Qachaa Yerusaalemii ta banii ufii cubbu'uun hucuuca'aa battooftee dhibduu taatee hobbaasi!
2
Isin eennuunillee hin dhageettu; gorsallee hin fudhattu; Rabbiin hin hedattu; gara Waaqa ufiillee hin dhiyaattu.
3
Bulchoonni isi'ii akka leencan aadaniiti; abboonni isi'ii ka murti'ii akka Yeyyiiwwan halkanii ka boruuf uduu hin hambifanne waan argatan maraa nyaatanii fixanii beelayaniiti.
4
Raattonni isi'ii worra uf jaju'uun bokokanii fi dharaan guuttaman; gadoonni isi'ii waan woyyoome batteessan; seeraallee hin ajajaman.
5
Rabbiin qajeelaan isii keessa jira; inni dogoggora hin hojjatu; guyyama guyya'aan murtii kenna; ganama maraa waan kana godhuu hin dhiisu; baniin waan hamaa hojjatu ammo hin saalfatu.
6
Rabbi akkana jedha, «Mootota worra Yihuudii hin taanee hin balleesse; kusheewwan isaaniillee hin diige; karaa isaanii maraa ona eennullee keessa hin deemne godheera; qachootallee ka baniin keessa hin jirre, ona eennullee keessa hin jirre taasiseera.
7
Ani sababaa waan kana maraa godheef, Baniin kiyya na kabajja; gorsa kiyyallee hin fudhata; gorsa ani isaan gorse maraa hin irraanfatan jedhee ture; baniin kiyya ammo ta qaraa caalaa badoomee hujii hamaa'an battaaya'aa deeme.»
8
Rabbi akkana jedha, «Isin diqqoma naa obsaa'a; hennaan ani isaanitti murteessu hin dhufa; bani'ii fi mootota wolitti qabee dheekkamsa kiyya jabaa isaanitti buusa; sababaa dheekkamsa kiyya jaba'aatiif ardiin maruu hin baddi.
9
Ani hennaa san akka baniin dubbii mishaa dubbatan godha; wonti ani waan kana maraa godhuuf maqaa kiyya maqaa Rabbii akka waamanii fi akka tokkumma'aan na tajaajilaniif.
10
Baniin kiyya ka baqatanii faca'aniiran na waaqeffatu'uuf laggiin Itoophiya'aa gamaa kennaa qabatanii naa dhufaniin.
11
Ani waan worra uf jajanii fi worra boonan isin keessaa balleessuuf isin yakka raawwattanii na yakkitaniin hennaa san hin saalfattan; isin ammaa achi gaara kiyya woyyuu irratti uf hin jajjan.
12
Ani isin keessaa namoota gara laafeyyii gad uf qaban hambisa; isaan worra na hedatanii fi worra gargaarsa kiyya hawwan ta'an.
13
Baniin Israa'elii ka boojuu irraa hafan eennuun irrattillee waan hamaa hin godhan; soba hin dubbatan; arraba ufiitiin nama hin soban; kanaafuu isaan nyaata'aa nagayaan jiraatan; ka isaan sodaachisullee hin jiru.»
14
Mucattii Tsiyoonii! faarfadhu! banii Israa'elii! Faarfadhaa'a! ililfadhaa'a! banii Yerusaalemii! garaa guutu'uun gammadaa'a! burraaqa'alle'e.
15
Rabbi adabbii murti'ii ka isinitti murteesse isin irraa kaaseera; diintota keessanillee isin jalaa balleesseera; Rabbi mootiin Israa'elii jidduu keessan jira; isin ammaa achi badi'itu nu irra gaya jettanii hin sodaattan.
16
Hennaa san waan Yerusaalemiitiif, Ati qachaa Tsiyoonii! hin sodaatin! hunni keellee hin dadhabin!
17
Rabbi Waandhi kee si woliin jira; hunna ufiitiin mootee sii kenna; Rabbi sitti gammada; jaalala ufiitiin si haarawoomsa; baniin akkuma guyyaa ayyaanaa faaruu faarfatan; akkasuma inni sitti gammada jedhan.
18
Rabbi akkana jedha, «Akkuma guyyaa ayyaanaa gammadan; akkasuma attillee akka gammaddu si taasisa; ammaa achi salphinni si irra hin gawu.
19
Ani hennaa san worra si hucuucan maraa hin adaba; worra hokkolan maraa hin fayyisa; worra ari'aman maraa deebisee wolitti qaba; hulee isaan itti salphatan marattuu, salphinna isaanii gara ulfinnaa jijjiira»
20
Rabbi akkana jedha, Ani hennaa san wolitti qabee gara biyya keessanii isin deebisa; ani hennaa qabeenna keessan maraa uduu ijji teessan argitu deebise isin banii lafa irra jiraatan maraa afo'otti worra gurra bayee fi worra galataa taatan.»
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3