bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zephaniah 2
Zephaniah 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Isin banii hin saalfanne daddafa'aa gara Rabbii deebi'aa'a.
2
Yoo kana hin goone ammo akka buraa qilleensi fudhatee deemuunii taatan; dheekkamsi Rabbii ka akka ibiddaa bobawu isinitti dhufa; guyyaan dheekkamsa Rabbii guddaan isinitti dhufa.
3
Isin fayyaaleyyiin ajaja Rabbii raawwata'aa jiraattan gara Rabbii deebi'aa'a; hujii qajeellumma'aa hojjadhaa'a; gara laafumma'aan gad uf qabaa'a; akkaataa kanaan maal laataa guyyaa Rabbi dheekkamsa ufii mudhisu adabbii jalaa bawuu dandeettan ta'aa.
4
Gaazaa keessaa bayanii ta namni keessa hin jiraanne taati; Asqaloonaanillee ona taati; worri Ashdoodiin keessa jiraatan guyyaa mana jireennaa ufii keessaa ari'aman, namoonni Aqaarooniillee qachattii keessaa buqqa'anii bayan.
5
Isin worri Karitaawotaa ka galaana qaccee jiraattan jechuun worra Filisxeemii isin hobbaasi! murtiin Rabbii isinitti dhiyaateera; Kana'aanii biyya Fisxeemii taate si hobbaasi! namni tokkollee akka si keessa hin jiraanne taasisee si balleessa.
6
Lafti teessan ka qarqara galaanaa jirtu ta horii itti bobbaasan, mana worri tisse'ee keessa jiraatanii fi moonaa loon keessa bulu taati.
7
Rabbi Waandhi isaanii waan isaan kunuunsuu fi qabeenna isaaniillee waan isaanii deebisuuf akka horii ufii itti bobbaafatan lafti qarqara galaanaa jirtu ristii worra banii Yihuuda'aa irraa hafanii taati; hennaa isaanitti dhiye manniin Asqaloona'aa keessa bulan.
8
Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Ani balda banii Moo'aabii ka banii kiyya irra gayee fi arraba banii Moo'aabii ka banii kiyya irra gaye dhagayeera; isaan attamitti akka isaanitti baldanii fi attamitti akka ristii isaanii fudhatu'uuf dhaadatan beekeera.
9
Ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii jiraataa waan ta'eef Moo'aab akka Sodoomii, Amoon ammo akka Gamoora'aa ta'an; lafti doba'aa fi akka boolla sooqiddi keessaa bayuu hennaa dheera'aaf diiggamtee ona taati; baniin kiyya ka du'a irraa hafe isaan saamanii qabeenna isaanii dhaalan»
10
Wonti adabbiin kun banii Moo'aabiitii fi banii Amoonii irra gawuuf waan isaan banii Rabbii Waaqa banii maraa irratti baldaniif baanatanii fi waan sababaa uf jajuu isaaniitiif kaffalamu ta'eef.
11
Waaqolee tolfamaa sobaa ka biyya isaanii keessa jiran waan balleesseef Rabbi isaan biratti hin sodaatama; mootonni daangaa galaanaatii fi lafa bisaaniin marfamte keessa jiraatan maruu hulema jiranitti isaa sagadan.
12
Isinillee worri Itoophiya'aa! guraadee kiyyaan dhumtan.
13
Rabbi hunnaa ufiitiin Asoorii gara kaabaatitti argamtu hin balleessa; qachaa Nanawwe'eellee ona godha; akka lafa gammoojji'iititti isii gossa.
14
Bineensonni hedduu isii keessa jiraatan; urunguuwwan gara garaa ginnoo isi'ii irra jiraatan; foddaa maraa keessaanuu hin iyyan; lafti muka Libaanosiitiin hojjatame waan wol gad dhiisuuf hulee irra dhaabatan irratti bala'atu dhufa.
15
Qachattiin, «Ana malee ka biraa hin jiru» jedha'aa bashannana'aa uf gammachiisa'aa turte attamitti ona bineensonni keessa galan taate! namni karaa isi'iitiin lufu maruu qubaan mudhisa'aa isi'itti fiissa.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3