bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Thessalonians 1
2 Thessalonians 1
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Ta Waaqa Abbaa keennaatii fi ta Gooftaa keenna Yesus Kristosii ka taate woldaya amanttoota Tasoloonqe'eetiif Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewosiin irraa ka ergame,
2
Waaqa Abba'aa fi Gooftaa Yesus Kristosiin biraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.
3
Yaa obboleeyyan! Waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa ni galateeffanna, galateeffachuun'llee barbaachisaa keenna, ka galateeffannuuf'llee amantiin keessan caala'atti guddata'aatii fi jaalalitti tokkoo tokkoo keessan ufii woliif, dabala'aa deemuu isaatiin.
4
Kanaaf yoma rakkinnii fi sarddaminni baayi'een isin irra gaye'llee, isin attam obissitootaa fi amantii keessaniin jabaattanii ka dhaabattan ta'uu keessan dubbachu'uun, nu'u woldayoota amanti'ii kaanniin jidduu taanee, isiniin ni dhaadanna.
5
Wonitti kun marrinuu ka muldhisu murtiin Waaqaa sirrii ta'uu isaatii fi isin'llee Mootummaa isaa ka rakkinna fudhattaniif gayeessota ka isin taasisu ta'uu isaati.
6
Waaqinni murtteessaa dhuga'aa ta'uu isaatiin rakkinna isin irratti worra fidan irratti rakkinna fidu'uun, gatii isaanii ni kafalaaf.
7
Amma rakkinna worra rakkinna itti fudhattaniif'llee nu'uun woliin boqannaa isiniif ni kenna. Kun'llee ka ta'u Gooftaan Yesus maleyikkoota isaa ol aanttotaan woliin, sami'ii yeroo itti bu'utti,
8
sami'ii ka muldhatuun'llee ibdda bobayuun, yeroo sanitti Waaqa worri hin beekinnee fi wongeela Gooftaa keenna Yesusiitiif worri hin ajajaminne'llee ni adaba.
9
Isaan'llee Gooftaa duranaa fi ulfinna isaa ol aanaa irraa fooyamanii, balleessaa bara baraatiin ni adabaman.
10
Ka adabaman'llee guyyaa san qulqullaawotaan kabajamu'uu fi worra amanan mara biratti'llee maalalffatamu'uuf yeroo itti dhufutti. Isin'llee ragummaa keenna fudhattanii amanuu keessaniin, isaan woliin ni laakkayamttan.
11
Kana yaadu'uun waayee keessaniif uduu addaan hin kutin ka kadhannu, Waaqinni keenna waamicha isaatiif gayeessota akka isin taasisuu fi waan mishaa raawwachu'uuf fedhiin isin qabddanii fi hujiin keessan ka amanti'ii marrinuu, huminna isaatiin akka isinii raawwatamuuf.
12
Akkuma kana maqaan Gooftaa keenna Yesusii Kristosii isiniin akka kabajamuu fi isin'llee Waaqa keennaa fi akkaataa bu'ura kennaa bilisaa ka Gooftaa Yesus Kristositiin, isaan akka kabajamittaniif ni kadhanna.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3