bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Thessalonians 2
2 Thessalonians 2
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
1
Yaa obboleeyyan! Waayee dhufiinssa Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi nu'llee isa woliin ta'u'uuf waayee dhimma wolitti qabamiinsa keennaatiif, ka isin kadhannu kana,
2
Raagaan yookiin jechaan akkuma dubbatametti yookiin akkuma nurraa erga'aan barreeffametti taasfttanii, «Guyyaan Goofta'aa gayee jira» jechu'uun, dadafatti sammuun keessan hin jeeqamin, hin raafamina'llee.
3
Naminni kumi'llee bifa kamiinuu isin hin sobin, durssee wol waakkiin uduu hin dhufin, gara ibidda asaabaa titti ka galu nama jeeqamaa ka ta'e'llee uduu hin muldhatin, guyyaan sun hin dhufu.
4
Naminni jeeqamaa kun waaqolee harkaan hojjataman jedhamanii ka waaqeffataman maraa olitti, mataa ufii ol ni qaba, «Ani Waaqa» jedha'aa, Manuma Waaqaa keessa taa'uufuu ni ugga.
5
Isin woliin yeroo turetti waan kana isinitti himee akka ture, hin yaadattanii ree?
6
Yeroo isaa murtteeffametti haga muldhatutti, amma akka hin muldhanneef wonitti isa dhooggu maal akka ta'e ni beekittan.
7
Dhofamaan huminni jeeqamaa amma'llee hujii irra ni jira, ta'u'llee amma ka dhoogamu ni jira, kun'llee ka ta'u ka dhoogamu sun haga dhabamisiifamuuf.
8
Kanaan duubatti Gooftaan Yesus hafuura afaan isaatiin ka balleessuu fi gaachenni dhufuu isaa ka dhabamisiisuun naminni jeeqamaa ni mulidhata.
9
Naminni jeeqamaa ka dhufu baasa dogoggorssaa huminna sheexanaatiin baasaa fi malikatoota wonittoota maalale'ee'llee raawwachu'uun,
10
Akkuma kanaan'llee namoota badan ka soban wonittoota hamaa kamiinuu raawwachu'uun. Namoonni kunniin ka badan'llee fayyinnaan ka isaan gayu, dhugaa jaalatanii waan hin fudhatiniif.
11
Waayee kanaan dharaan akka amananiif, Waaqinni huminna isaan dogoggorssu isaanitti ni erga.
12
Kun'llee ka ta'u dhuga'tti hin amannu jedhanii cubbu'uun worri gammadan marrinuu, akka isaanitti murtteeffamuuf.
13
Goofta'aan ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Nu'u garuu waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa galateeffachu'utu nurraa mala, ka galateeffanuuf'llee isin Hafuura Qulqullu'uun qulqullaawomuu fi dhuga'atti'llee amanu'uun akka fayyitaniif, Waaqinni jalqaba waan isin filateef.
14
Waaqinni karaa wongeela nu'u isinitti lallabnneetiin kanaaf ka isin waame, ulfinna Gooftaa keenna Yesus Kristosii akka qoodamttaniif.
15
Kanaaf yaa obboleeyyan, jabaadha'aatii dhaabadhaa, jecha keennaan ta'ee ergaa keennaan'llee barsiisa nu irraa isiniif dabrre, jabeessa'aatii qabadhaa.
16
Mataan isaa Gooftaan keenna Yesus Kristosii fi ka nu jaalate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee bara baraaf jajabeenna, abddii mishaa'llee ka nuuf kenne Waaqinni Abbaan keenna,
17
waan mishaa ta'e maraa akka raawwattanii fi akka dubbattaniif onnee teessan haa jajabeessuun, waan mishaa maraa akka raawwattanii fi akka dubbattaniif, isin haa jabeessu.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3