bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Thessalonians 3
2 Thessalonians 3
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! Isin biratti akkuma ta'e mara dubbiin Goofta'aa dadafaan akka babaldhatuu fi akka kabajamu, nu'uuf kadhadhaa.
2
Akkuma kana dubbii isaa worri dhagayan marrinuu ka amananii miti, kanaaf dabiddootaa fi namoota hamaawwan jalaa akka baanuuf, nuuf kadhadhaa.
3
Gooftaan garuu amanama'a, inni isin in jabeessa, sheexana irraa'llee isin ni eega,
4
waan isin ajajinnu amma'llee ta'ee ufi duranaaf'llee akka raawwattaniif, Goofta'aan isinitti ni amana.
5
Gooftaan onnee teessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obissa Kristosii titti isa haa eemaruun.
6
Yaa obboleeyyan! Hujii maleessa ka ta'ee fi akkaataa barsiisa nu irraa isiniif dabrreetiin kristaana hin jiraanne mara irraayyuu akka foottaniif, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin isin ni ajajinna.
7
Fakkeennummaa keenna horddofuu akka isin irraa malu isin mataan keessanuu ni beekittan, nu'u isin woliin yeroo turretti huji maleeyyii hin turre.
8
Buddeena eennuutuu gatii malee hin nyaanne, kana irra isin keessaa eennuun irratti'llee ba'aa akka isatti hin taane jechu'uun halkanii fi guyyaa, dadhabi'ii fi xaari'iin hojjachu'uun turree jirra.
9
Akkana'llee ka raawwanne isin fakkeennumaa keenna akka horddofttaniif jenneeti malee, isin irraa garggaarssa argachu'uuf mirga uduu hin qabaatin hafinneetii miti.
10
Isiniin woliin yeroo turretti'llee, «Hojjachu'uuf ka hin barbaanne hin nyaatin!» danbbii jedhu, isiniif kenninee ture.
11
Kana sababaan jenneef'llee jidduu kessan huji maleeyyiin tokko tokko akka jiran dhagayuu keennaan, namoonni kunniin waan isaan hin galchine keessa galu'uun kaanniin jeequu malee, womaayyuu hin hojjatan.
12
Namoonni akkanaa kunniin tasgabbaayanii akka hojjatanii waan ittiin bulimaata isaanii akka argataniif, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin isaan ni ajajinna, ni gorssinaan'le'e.
13
Isin garuu yaa obboleeyyan! Dadhabnnee jettanii waan mishaa hojjachuu irraa ufi duuba hin deebi'inaa.
14
Ergaa kanaan gorssa isiniif dabarssine naminni hin fudhanne yoo jiraate, nama akkana jiru kana hubadhaa, akka saalfatuuf'llee isaan woliin wolitti dhufeenna hin taasisinaa.
15
Ta'u'llee akka obboleessa titti gorssa'aanii malee, akka diinaa titti hin laakkayina'aanii.
16
Gooftaan nagayaa mataan isaatuu yeroo maraa waan maraan'llee nagaya isiniif haa kennu, Gooftaan isin mara keessan woliinuu haa ta'u.
17
Nagaya kana harkuma kiyyaan ka barreesse ani Phaawulos, ergaa kiyya mara keessattuu malikanni arigamu kana. Ka barreessu'llee akkuma kana.
18
Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii mara keessan woliinuu haa ta'u.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3