bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Matthew 10
Matthew 10
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Yesus barattoota kudha lamaan gara isaa waamee hafuurota battiiwwan akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisaniif aangoo isaanii ni kenne.
2
Tarreen maqaa barattoota kudha lamaanii'llee akka itti aanee jiru, jalqaba Phexiros ka jedhame Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas, ijoolleen Zabdiyoosii Yaaqoobii fi Yohaannis,
3
Filiiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewosii qaraxichi, ilma lilfiyoosii Yaaqoobii fi Taadeewos,
4
Simoonii hinaaftticha Yesusiin dabarssee kennee fi, Yihudaa nama biyya Keriyoot.
5
Yesus ergamittoota kudha lamaan kanniin ni erge, akkana'llee jedhee isaan ni ajaje, «Gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee hin dhaqinaa, gara magaalaa worra Saamraawotaa'llee hin aseeninaa,
6
kana irraa gara worra akka hoolotaa badanii,, gara ummatoota Israa'eelii dhaqaa.
7
Dhaqa'aatii'llee ‹Mootummaan Sami'ii dhiyaatee jirtti!› jedha'aa lallabaa.
8
Dhukkubisattoota fayyisaa, worra du'an ni kaasa, waashayoota qulqulleessaa, jinniiwwan baasaa, waan bilisaan fudhattan bilisaan kennaa.
9
Worqqii yookiin meeta yookiin sibiila diimaa, kiisii keessantti hin qabatinaa.
10
Hojjatoota'aaf nyaanni ka isaa malu waan ta'eef, karaa keessaniif qaraciitii kitta'aa fi kophee, ulee'llee, hin qabatinaa.
11
Magaalaa keessa aseenittan yookiin gandoota aseenttantti nama barbaachisaa ta'e eennuun akka ta'e qoradhaa, bakka san'llee gad dhiiftanii haga deemittanitti isaanumaan woliin turaa.
12
Gara mana namaa yoo aseenttan nagaya gaafadhaa,
13
manni nagaya keessaniif ka male yoo ta'e, nageenni keessan isa haa gayuun, ka hin male yoo ta'e garuu, nageenni keessan isiniif haa deebi'u.
14
Naminni kumi'llee yoo ufitti isin fudhachuu dhabe yookiin dubbii keessan ka hin dhageenne yoo ta'e, mana san yookiin magaalaa san dhiifittanii yoo baatan, awwaara miila keessan dhadhawadhaa.
15
Dhugamaan isiniin jedha, Guyyaa Murti'ii Waaqaa titti magaalaa san irra namoota Sadoomii fi Gamora'aatiif, adabbiin isaaniif ni diqqaataaf.»
16
«Kunoo! Akka hoolotaa yayyiiwwan jidduu isin ni erga, kanaaf akka bofaa qaruuteewwan, akka handari'ii gara-laafeyyii ta'aa.
17
Namoonni gara yaa'ii murtii dabarsanii isin ni kennan, bakka woligayii isaanii maratti'llee isin ni dhaanan, kanaaf namoota irraa ufi eeggadhaa.
18
Waayee kiyyaan gara bulchitootaatii fi gara nugusotaa murti'iif waan fudhatamittaniif, isaanii fi ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne duranatti'llee, ragoota kiyya ni taatan,
19
namoonni gara yaa'ii murtii titti yoo isin dhiyeessan, waan isin dubbattan yeroo sanitti isinii waan kennamuuf, ‹attamitti yookiin maal dubbanna?› jettanii, yaadu'uun hin sarddaminaa.
20
Isin keessaa bulee ka dubbatu Hafuura Abbaa keessan ka sami'iiti malee, isinii miti.
21
Naminni obboleessa mataa isaa du'aaf dabarssee ni kenna, akkuma kana abbaan ilma mataa isaa du'aaf dabarssee ni kenna, ijoolleen'llee maatii isaanii irratti diinumma'aan ni ka'an, du'aaf'llee dabarsanii isaan ni kennan.»
22
Sababaa kiyyaan nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, garuu haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatu ni fayya.
23
Magaalaa tokkotti rakkinna isinitti yoo baay'isan gara bira'aa dheessaa, dhugamaan isiniin jedha Ilmi Namaa deebi'ee haga dhufutti, magaalota Israa'eelii mara woliin hin geettan.
24
Barataan barsiisaa isaa hin caalu, tajaajilaan'llee Gooftaa isaa hin caalu.
25
Kanaaf barataan akka barsiisaa isaa, tajaajilaan'llee akka Gooftaa isaa yoo ta'e ni gayaan. Abbaa manaa Bi'el Zebul jedhanii yoo waaman maatii isaa garuu maqaa hammaa ta'een attam hin waaninneen!
26
«Eegaa namoota hin sodaatinaa, wonitti haguuggame ifa bayuun isaa hin hafu, ka bade'llee beekkamuun isaa hin hafu.
27
Kanaaf waan ani dukkanaan isinitti himu isin ifatti dubbadhaa, hasaassi'iin waan dhageettan'llee bakka ol fagaatu irra baya'aatii ifatti barsiisaa.
28
Foon ajjeesuu irra dabrranii lubbuu ajeesu'uuf ka hin dandeenne namoota hin sodaatinaa, kana irra lubbu'uu fi foon'llee ibidda asaabaa titti balleessu'uuf ka danda'u, Waaqa sodaadhaa.
29
Sinbirroonni shishiikoon lamaan saantibii shaniin ni gurguramanii mitii ree? Haa ta'u malee, Abbaan keessan ka sami'ii uduu hin eeyyamin, sinbirroota shiikkoonuu, arddii irratti kufttee hin hafittu.
30
Keessan garuu, rifeenissi mataa keessaniituu ka laakkayame.
31
Eegaa isin garuu sinbirroota shiikkota irra haalaan waan caalttaniif, gonkumaa hin sodaatinaa.»
32
«Nama duranatti ka ragaa naa bayu maraaf, ani'llee Abbaa kiyya ka samii jiru duranatti, ragaa ni bayaaf.
33
Nama duranatti ka naa waakkatu mara garuu, ani'llee Abbaa kiyya ka sami'ii duranatti ni isa waakkadha.»
34
Ani ka dhufeef nagaya arddii irratti fidu'uuf isinitti hin fakkaatin, ani woraana malee nagaya fidu'uuf hin dhufinne.
35
Ani ka dhufe ilma dhiiraa abbaa isaa irratti, mucattii intalaa haadha isi'ii irratti, intala ilmaa soddaatii isi'ii irratti, diinumma'aan kaasu'uuf.
36
Kanaafuu namaaf diinonni isaa, maatima mataa isaa ni ta'an.
37
Ana irra abbaa isaa yookiin haadha isaa ka jaalatu, kiyya ta'uuf hin maluun, ana irra ilma isaa ka dhiiraa yookiin mucattii isaa ta intala ka jaalatu, kiyya ta'u'uun hin maluun.
38
Fannoo mataa isaa baadhatee naminni ana hin horddofinne, kiyyaa ta'uun hin maluun.
39
Lubbuu isaa fayyisu'uuf ka barbaadu marrinuu ni balleessaan, lubbuu isaa waayee kiyyaaf ka balleessuun marrinuu garuu, ni fayyisaan.
40
Ka isin ufitti fudhatu ana ufitti fudhata, ana'llee ka ufitti fudhatu Waaqa Abbaa ana erge ufitti fudhata.
41
«Nabiyyii maqaa nabiyyi'iitiin ka ufitti fudhatu, gatii nabiyyumma'aa ni argata, nama qulqullaayomaan maqaa qulqullaayoma'aatiin ka ufitti fudhatu, gatii qulqullaayomaat ni argata.»
42
«Dhugamaan isiniin jedha, barataa kiyya ta'uu isaatiin, worra maandhotaa kanniin keessaa tokkoo, bishaanuma qabbanaayaa kubbaayaa tokkootuu naminni kennu, gatii isaa hin dhabu.»
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28