bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Matthew 24
Matthew 24
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
1
Yesus Mana Waaqeffanna'aatii baye yoo deemu, barattoonni isaa gamoo Mana Waaqeffanna'aa isatti muldhisu'uuf, gara isaa ni dhiyaatan.
2
Inni garuu, «Kana maraa ni argitanii ree? Dhugamaan isiniin jedha, dhagaan tokko'llee dhagaa irratti tuulame uduu hin jigin, ka hafu hin jiru» isaaniin jedhe.
3
Yesus Gaara Ejjerssaa irra taa'ee uduma jiru barattoonni isaa adda isaa titti gara isaa dhiyaatanii, «Wonitti kun marri ka ta'u yoom? dhufaatii keetiitii fi malkanni muummee barichaa hoo maali'i?» jechu'uun, ni gaafataniin.
4
Yesus akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Naminni kumi'llee akka isin hin dogoggorssine ufi eeggadhaa!
5
Baayi'eewwn, ‹ani Masihi'i!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan.
6
Qoonqqa woraanaatii fi odduu woraanaa'llee ni dhageettan, kun marrinuu ta'uu waan qabuuf hin nayinaa, muummeen garuu ufi durana.
7
Ummanni ummata irratti, mootummaan'llee mootummaa irratti woraanaan ni ka'a, bakka adda addaa titti'llee beelaa fi sochiin arddi'ii ni ta'a.
8
Kun marri'llee akka sarddama ciniinsu'uu jalqabaa ni ta'a.
9
«Yeroo sanitti namoonni rakkinnaaf dabarssanii isin ni kennan, isin ni ajjeesan, waayee maqaa kiyyaatiif'llee ummata mara biratti, ka jibbamttan ni taatan.
10
Yeroo sanitti baayi'eewwan amantii isaanii waakkachu'uun ni gufatan, tokko ka bira'aa dabarssee ni kenna, namoonni'llee ufii isaaniitii wol ni lolan.
11
Nabiyyoonni dharaa baayi'een ni ka'an, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan,
12
Baay'innaa hameennaa irraa kan ka'een, jaalallitti namoota baayi'e'ee ni qabbanooftti.
13
Haga muumme'ee titti obissaan ka dhaabatu garuu ni fayya.
14
Ummatoota maraaf ragaa akka ta'u Wongeelli Mootummaa Waaqaa kun, biyya lafaa maratti ni lallabama, yeroo sanitti muummeen isaa ni dhufa.»
15
«Nabiyyichi Daan'eel akkuma dubbatetti wonitti batteessu jibbisiisaa, bakka Qulqulluu ta'e dhaabatee yeroo argitanitti dubbifataan haa hubatu!»
16
Yeroo sanitti worri biyya Yihuda'aa jiran gara gaarotaa titti haa dheessan.
17
Baaxii manaa irra ka jiru manaa waan tokko fudhachu'uuf, hin bu'in.
18
Bakka qonnaa ka jiru'llee uffata isaa fudhachu'uuf, gara duuba hin deebi'in,
19
Yeroo sanitti dubbarttoota ulffaatii fi haawotii dayanii hoosisaniif, uunsha'a!
20
Dheessiinssi keessan ji'a gannaatiin yookiin guyyaa Sanbbataatiin akka hin taaneef kadhadhaa!
21
Yeroo sanitti biyyi lafaa yeroo uumamee jalaqabee haga adhaa titti ka hin ta'in, ufi duranaaf'llee ka isa fakkaatu gonkumaa ka hin taane, rakkinni ol aanaan ni ta'a.
22
Guyyoonni sunniin gabaabachuu uduu dhabaataniitii, naminni tokko'llee fayyu'uuf hin danda'u ture, garuu waayee namoota filatamaniitiif guyyoonni sunniin ni gabaabatan.
23
«Yeroo sanitti naminni kumi'llee, ‹kunoo, Masihiin asi jira!› Yookiin, ‹achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa.
24
Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa ni ka'an, isaan uduu danda'aniitii worruma filatamoota Waaqaa'llee dogoggorssu'uuf, baasa ol aana'aa fi wonittoota maalale'ee'llee ni muldhisan.»
25
«Eegaa wonittoota kanniin maraa durssee isinitti himee jira,
26
kanaaf, ‹kunoo, gammoojjii ni jira!› yoo isiniin jedhan hin bayinaa, akkuma kana ‹kunoo, bakka dhossa'aa jira!› yoo isiniin jedhan'llee hin amaninaa.
27
Akkuma Bakakkaan sami'itti mishi jedhee baya adu'uutii haga dhiyaa titti muldhattu, dhufaatiin Ilma Namaa'llee akkanuma ni ta'a.
28
Gara bakka raqinni jiruu titti, rumichoonni wolitti ni qabaman.»
29
«Guyyoota rakkinnaa sanniiniin duubatti bakkumatti aduun ni dukkanooftti, jiin'llee ifa isi'ii hin kennitu, urijjiiwwan'llee sami'ii ni kufan, huminoonni samii'llee ni raafaman.
30
Kanaan duubatti malkanni Ilma Namaa'llee sami'itti ni muldhata, yeroo sanitti ummatoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu ni booyan. Ilmi Namaa'llee huminnaa fi ulfinna ol aana'aan duumessa irraan, ta'ee yoo dhufu ni argganiin,
31
Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.»
32
«Fakkeenni muka harbbu'uu barnnoota isinii haa ta'u, dameewwan isi'ii yoo latanii fi baallan isi'ii'llee magariisa yeroo ta'anitti, yeroo sanitti bonni dhiyaachuu isaa ni beekittan,
33
Akkuma kana isin kana maraa yoo argitanitti, yeroon Ilmi Namaa itti dhufu akka dhiyaate, beekaa.
34
Dhugamaan isiniin jedha, kun marrinuu haga raawwatamutti, dhaloonni kun hin dabrru.
35
Sami'ii fi ardiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu hin dabrru.»
36
«Waayee guyyaa saniitii fi waayee saa'aatii sanii garuu Waaqa Abbaa malee, maleyikkoota sami'ii ta'an, Ilmi Waaqaa'llee yoo ta'e, eennu'llee ka beeku hin jiru.
37
Akkuma bifa bara Noohii turee titti, Ilma Namaa yeroo dhufutti'llee, akkuma kana ni ta'a.
38
Bara sanitti, bishaan badi'iitiin duranatti haga guyyaa Noohi gara dooni'ii aseenee titti, namoonni nyaata'aatii fi dhuga'aa, fuudha'aanii fi wolitti fuusisa'aa'llee ni turan.
39
Bishaan badi'ii dhufee marumaa wolitti qabee haga yeroo haree fudhatuu titti, isaan hin beekinne turan, dhufaatiin Ilma Namaa'llee akkuma kana ni ta'a.
40
Yeroo sanitti namoonni lama bakka qonnaa titti woliin ni hojjatan. Tokkochi ni fudhatama, kuun ni hafa.
41
Dubarttoonni lamaa woliin ni daakan, takkatiin ni fudhatamitti, ta bira'aa ni hafitti.
42
«Eegaa Gooftaan keessan guyyaa kamittu akka dhufu hin beekittaniitii, dammaqa'aatii eegaa.
43
Garuu kana beekaa, abbaan manaa halkan keessaa saa'aatii kamittu hattuun akka dhufittu uduu ka beekuutii, dammaqee ni eegaa ture, manni isaa'llee akka qotamuuf, hin dhiisu ture.
44
Akkuma kana Ilmi Namaa saa'aatii isin hin yaadinnetti, waan dhufuuf, qophaaya'aatii jiraadhaa.»
45
«Maatii isaatiif yero'oon nyaataa isaanii akka kennuuf, Gooftaan maatii isaa irratti ka isa muudu tajaajilaan amanama'aa fi qaruuteen eennu?
46
Gooftaan isaa yeroo dhufutti tajaajilaan akkana yoo inni raawwatu argatuun, inni ka eebbifame.
47
Dhugamaan isiniin jedha, tajaajilaa san gooftaan, qabeenna isaa mara irratti ni muudaan.
48
Tajaajilaan hamaan sun garuu, ‹gooftaan kiyya amma hin dhufu ni tura› jedhee, yoo yaadeef,
49
waaheloota isaa ka woliin hojjatan dhaanuu jala yoo qabe, worra machaayaniin woliin'llee yoo nyaatee fi yoo dhuge,
50
Gooftaan tajaajilaa sanii guyya'aa fi saa'aatii inni hin beekinnetti ni dhufa,
51
Tajaajilaa san'llee gooftaan isaa ni adabaan, kutaa carraa isaa'llee worra fakkeessitootaa woliin ni taasisa, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.»
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28