bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Matthew 2
Matthew 2
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
1
Bara nugusa Heerodisii titti arddii Yihuda'aa titti ta argamittu, magaalaa Beetelihemii itti Yesus yeroo dhalatetti, qorattoonni urjji'ii baya adu'uutii gara Yerusaalemii ni dhufan.
2
Akkana'llee jedha'aa ni gaafatan, «Nugufnni worra Yihudotaa ka dhalate eessatti? Urjjii baya adu'uutii argnee isaa sagadu'uuf dhufinnee jirra.»
3
Nugufnni Heerodis'llee kana yeroo dhagayetti ni naye, namoonni Yerusaalmii marri'llee isa woliin ni nayan.
4
Itti gaafatamoota qeesotaa maraa fi barsiisota ummataa ka seeraa wolitti qabee, Masihiin ka dhalatu garamtti akka ta'e, isaan ni gaafate.
5
Isaan'llee akkana jechu'uun ni deebisaniif, «Nabiyyichaan raaginni akkana jedhu waan barreeffameef, Masihiin ka dhalatu, arddii Yihuda'aa magaalaa Beetelihemitti,
6
‹konyaa arddii Yihuda'aa titti ka argamittu, ati yaa Beetlihem! Ummata kiyya Israa'eeliin ka eegu durssaan si keessaa waan bayuuf, magaalota guguddoo Yihuda'aa womaanuu hin hanqattu.› »
7
Kanaan duubatti Heerodis worra qorattoota urjji'ii ta'an sanniin dhossa'aan waamsisee, yeroo sirrii ta'e ka urijjiin itti argamitte gaafatee ni hubate,
8
Akkana'llee jedhee gara Beteliheem titti isaan ni erge, «Deema'aatii waayee daai'maa ufi eegganna'aan qoradhaa, yeroo argattanitti, ani'llee dhaqee akka isaa sagaduuf koota'aatii natti himaa.»
9
Isaan'llee ajaja nugusichaa eega dhagayaniin duubatti, bayanii ni deeman, kunoo! Urjjiin baya adu'uutii argan'llee haga bakka daa'immnni ni jira turee irra dhaabatanitti, dura dura isaanii deema'aa isaan ni eemara ture.
10
Urjjicha'llee yeroo arganitti haalaan ni gammadan,
11
gara manaa'llee aseenanii daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin uduu jiru ni arganiin, kufanii'llee ni sagadaniif, sanduuqota isaanii'llee bananii kennaa worqqi'ii, ixaanaatii fi qumbi'ii'llee ni dhiyeessaniif.
12
Gara Heerodisii'llee akka hin deebineef Waaqinni eebjju'uun waan isaan ufi eeggachiiseef, qorattoonni karaa bira'aatiin gara biyya isaanii deebi'anii ni deeman.
13
Qorattoonni urjji'ii eega deemaniin duubatti, maleyikkaan Goofta'aa Yooseefitti eebiju'uun muldhatee, «Heerodis daa'ima ajjeesu'uuf waan barbaaduuniif, ka'iitii daai'maa haadha woliin qabadhuu gara biyya Gibxii dheessi, haga sitti himutti'llee achuma turi!» jedheen.
14
Kanaaf Yooseef halkaniin ka'eeti, daaima haadha woliin qabatee, gara biyya Gibxii ni deeme.
15
Achitti'llee Heerodis haga du'uuf ni ture, kun'llee ka ta'e Gooftaan nabiyyichaan, «Ilma kiyya Gibxiitii ni waameen» dubbiin jedhe, akka raawwatamuuf.
16
Kanaan duubatti Heerodis qorattoonni urjji'ii akka isa sobaniin yeroo hubatetti, haalaan ni dallane, gara Beethlihemiitii fi gandoota naannoo jiran mara lolttoota isaa ergee, akkaatama bara qorattoota urjji'ii irraa hubateetiin, umriin isaanii woggaa lama ka ta'anii fi achii gadi ka ta'an, Beetlihemii fi naannoo isi'ii ka turan daa'imman dhiiraa ni ajjeesise.
17
Yeroo sanitti, nabiyyicha Erimiyaasiin akkana jechu'uun raaginni dubbatame ni raawwatame,
18
«Raahel waayee ijoollee isi'iitiif yoo boottu, qooniqqi ani bade'eetii fi booya hadhaaya'aa Raama'atti ni dhagayame, ijoolleen isi'ii lubbu'uun waan hin jirreef, obissu'uuf'llee ni didde.»
19
Heerodis eega du'een boodatti maleyikkaan Goofta'aa Gibxitti Yooseefitti eebjju'uun muldhatee,
20
«Daa'ima ajjeesu'uuf namoonni barbaadan waan du'aniif, ka'iitii daa'ima haadha woliin qabadhuu, gara biyya Israa'eelii deemi!» jedheen.
21
Yooseef'llee ka'eeti daa'ima haadhaan woliin qabatee, gara biyya Israa'eelii titti ni deebi'e.
22
Garuu Aekelaawos bakka abbaa isaa Heerodisii bu'ee, arddii Yihuda'aa irratti mootomuu isaa yeroo dhagayetti, Yooseef garas deemu'uuf ni sodaate. Ta'u'llee eebjju'uun qajeelchi waan isaa kennameef, gara arddii Galiila'aa ni deeme.
23
«Naaziraawicha ni jedhama» jedhamee nabiyyootaan ka dubbatame, akka raawwatamuuf, gara magaalaa Naazireet jedhamttuu dhufee, ni jiraate.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28