bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Ephesians 1
Ephesians 1
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
1
Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloosiin, worra Kiristoos Yesuusitti amantanii, Rabbiif woyyoota taatan ka Efesooniin keessa jirtaniif.
2
Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.
3
Kiristoosiin keessaan samii irratti eebba sami'ii maraan ka nu eebbise, Rabbi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu.
4
Uduu adunyaan hin uumamne, afoo isaatitti woyyootaaf worra mudaa hin qabneef jaalalaan akka jiraannuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate.
5
Akkuma fedha isaa misha'aan nu jaalate, hujii Kiristoos Yesuusiitiin ijoollee isaa akka taanu firrisee murteese.
6
Wonti ilma ufii jaalatamaa akkanumaan nuu kenneef akka ulfinni badhadhummaa isaa galateeffamuuf kana godhe.
7
Akkuma durummaa Ayyaana Rabbiititti, dhiiga Kiristoosiitiin furamuu, araara cubbuu keennaa arganne.
8
Badhaadhaa fi ogummaa sammuu kenna maraa keessatti nuu dhangalaase.
9
Akkuma karaa Kiristoosiitiin hojjachuu jaalatetti akka yaada dhossaa fedha isaa wonti nutti beessiseef,
10
Bara dhumaa keessa waan godhu'uuf karoorfate, waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa, karaa Kiristoosiitiin wolitti qabu'uuf.
11
Rabbi waa maraa akka fedha ufiitii fi gorsa ufiititti hojjatu, akkuma duraan murteesse ammallee isaa akka taanuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate.
12
Kunillee karaa Kiristoosiitiin firrifnee nu worri abdii goone, ulfinna galata isaa akka taanuuf.
13
Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Oduu Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeffamtaniirtan.
14
Ayyaanni waan Rabbi banii ufiitiif waadaa gale fudhachuu keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Rabbiitiif galata haa galchinuu.
15
Kanaafuu anillee akkasuma isin biratti waan ta'uuf waan Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanu'uutiif jaalala isin woyyoota maraaf qabdan dhagayee,
16
waan keessaniif Rabbiin galateeffata'aa hennaa faateffadhullee, waan keessan qaabachuu hin dhiisu
17
Abbaan ulfinnaa Rabbiin Abbaa keenna Yesuus Kirstoosii akka isin isa beettan, Ayyaana Ogumma'aatii fi mudhata akka isinii kennu Rabbiin kadhadha.
18
Kunillee ijji qalbii keessanii yoo ifu, abdiin waamicha isaa maal akka ta'u ka woyyoota bira jiru, ulfinna risti'iitiif durummaan maal akka ta'e, nu worra amannuuf hunnaan ka maraa caalu maal akka ta'e akka beettaniif.
20
Kiristoosiinillee du'oota keessa yoo kaasu hangafumma'aa fi baalliillee, hunnaaf gooftummaa maraa oliif adunyaa kana callaa irratti uduu hin taane, haata'uu ammoo, adunyaa dhufuufillee, akkasuma ammoo maqaa waamamu maraa maqaa caalu sami'itti mirga ufii hennaa isa kaayu, hujii Kiristoosiin hojjattan jabeenni hunna isaa hin mudhata.
22
Waa maraa luka isaa jala galchee maraa olitti mataa godhee Woldaa Kiristaanaatiif kenne.
23
Isiinillee ta karaa maraan guutummaa isaa guuttu.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6