bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Ephesians 5
Ephesians 5
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
1
Eeganaa akka ijoollee jaalatamaniititti Rabbiin faanaa deemaa'a.
2
Akkuma Kiristoos isin jaalate, kenna'aa fi ciincaa urgaayaa uf godhee Rabbiif uf kenne, isinillee jaalalaan jiraadhaa'a.
3
Wonti woyyootaa hin taane, seebaruun, battumma'aa fi dharra'uun isin biratti sirimaa hin dhagayamin.
4
Wonti nama saalfachiisu amshaagguunii fi haasofni ceem'aaniif shaqqaaddiin fa'a waan hin barbaachifne waan ta'eef, isin biratti hin argamin. San caalaa ammoo worra galataa ta'aa'a.
5
Waan kana beekaa'a, seebara yoo ta'e yookiin battii yookiin ka dharra'u, ka waaqa tolfamaa kaddaamullee, Kiristoosiif jeennata Rabbiititti ristii hin qabu.
6
Sababaa kanaaf ijoollee hin ajajamne irratti lolli Rabbii waan dhufuuf, eennullee dubii duwwa'aan isin hin sobin.
7
Eeganaa namoota akkanaa woliin tokko hin ta'inaa'a.
8
Dura dukkana keessa turtan; amma ammoo Goofta'aan worra ifaati.
9
Daraaraan ifaa mishummaa, qajeellumma'aa fi dhugaa mara uf keessaa waan qabuuf. Kanaafuu waan Gooftaa gammachiisu qora'atii, akka ijoollee ifaatitti jiraadhaa'a.
11
Hujii dukkanaa ka daraaraa hin qabne woliin wol hin ta'inaa'a, caala'atti ammoo isaan ifatti baasaa malee,
12
Waan isaan dhossa'atti godhan dubbachuunuu nama saalfachiisa.
13
Maruu ammoo ifatti hennaa baye addaataa mudhata.
14
Ka mudhatu maruu ifa waan ta'eef, «Ati ka raftu, dammaqi! worra du'an keessaa ka'i; Kiristoosi si'iif ibsa» jedhame.
15
Eeganaa akka Ogeeyyi'iititti malee, akka worra ogummaa hin qabneetitti hin jraatinaa'a, attamitti akka jiraattan uf eegaa'a.
16
Guyyoonni hammeeyyii waan ta'aniif, carraa qabdan maratti fayadamaa'a
17
Kanaaf fedhiin Rabbii maal akka ta'e hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa'a.
18
Ayyaana Woyyu'uun guuttamaa malee, daadhii woyini'iitiin hin machaayinaa'a, kun xaarii waan ta'eef.
19
Faaruu faarfachu'uun weedduu Ayyaanaatiin woliin qaaqaa'a. Goofta'aaf garaa keessan keessatti weeddisa'aa faarfadhaa'a.
20
Hennaa maraa waan maraafuu maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa Abbaa keenna waa maraafuu galateeffadhaa'a.
21
Isin martinuu ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii, wolii ajajamaa'a.
22
Haawwota manaa! Akkuma Goofta'aa ajajamtan abbaa manaa keessanii ajajamaa'a.
23
Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaatii mataa ta'e, nafa ufii woldaa Kiristaanaa akkuma fayyise, abbaan manaa mataa haadha manaati.
24
Akkuma woldaan Kiristaanaa Kiristoosii ajajamtu, akkasuma haatii manaa ammoo waa maraanuu abbaa manaa ufiitii haa ajajamanii.
25
Isinillee abboonni manaa! Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaa jaalate, haadha manaa teessan jaaladhaa'a. Inni Woldaa Kiristaanaa dubbii ufiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee Rabbii Woyyoomsu'uuf kana godhe.
27
Xurii yookiin fula qonshooruu yookiin waan akkana jiru uduu isii irratti hin taane, woyyitti'iif ta mudaa hin qabne akka taatu, woldaa Kiristaanaa kabajjamtuu ta ufii godhatuu barbaade.
28
Akkasuma abbaan manaa akka nafa ufiitiiti haadha manaa isaanii jaalachuun isaan barbaachisa. Ka haadha manaa ufii jaalatu uf jaalata.
29
Eennullee ka nafa ufii jibbu waan hin jirreef, akkasuma ammoo qaama nafa isaa waan taaneef, akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaatiif godhe, hin nyaachisa, hin eega.
31
Kanaafuu namni haadhaa fi abbaa ufii hin dhiisa, haadha manaa ufiititti maxxana. Isaan lamaanuu foon tokko ta'an.
32
Kun dhossaa gudda'aa, ani ammoo kana waan Kiristoosiitiif waan woldaa Kiristaanaatiif jedha.
33
Ta'ullee isin keessaa akkasuma ammoo marti keessanuu akkuma uf jaalattanitti haadha manaa teessan jaaladhaa'a; haati manaallee abbaa manaa ufii haa kabajjituu.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6