bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Ephesians 6
Ephesians 6
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
1
Ijoolle! Goofta'aaf jedha'aatii haadhaa fi abbaa keessanii ajajamaa'a. Kun qajeelaa waan ta'eef.
2
Akka wonti mishaan sii ta'u, «Lafa irratillee akka umuriin kee sii dheeratu», «Abba'aa fi haadha kee kabajji; isiinillee ajaja duraa ta dubbii abdi'ii qabdu.
4
Isinillee abbootiin! Ijoollee teessan gorsa Goofta'aatiin isaan guddisaa malee, hin rifachiisinaa'a.
5
Isin Garboonni akkuma Kiristoosii ajajamtan, kabajja'aa fi soda'aan yaada qajeela'aan worra fooniin gooftaa isinii ta'anii ajajamaa'a.
6
Akka worra fedhii Rabbii raawwatuu akka garboota Kiristoosiititti malee, akka waan nama gammachiiftaniititti mudhachu'uuf hin ajajaminaa'a.
7
Namaaf uduu hin taane, Goofta'aaf akka ajajamtan jabaachu'uun fedhii misha'aan ajajamaa'a.
8
Garbichaa ta'ee yookiin wolabaan martinuu waan godhu waan mishaa maraa Gooftaa irraa gatii akka argatu waan beettaniif.
9
Isinillee gooftonni dhaaduu dhiisa'aatii akkanuma isaanii godhaa'a; isaanii fi isin irrattillee Gooftaan samii bulchu akka jiru fuula namaallee laalee, ka nama wol hin caalchifne akka jiru waan beettaniif.
10
Waan hafeen worra dandeetti'iif jabeenna Goofta'aatiin jabaadhaa'a.
11
Akka soba daabiloosii mormuu dandeettan mi'a woraanaa ka Rabbii maraa uffadhaa'a.
12
Wondhaansi keenna dhiigaa fi foon woliin waan hin taaneef, bulchoota, worra baallii qaban, bulchoota abbaa dukkanaa ka adunyaa tanaa, worra samii keessa jiran loltoota ayyaana hammeeyyi'ii woliin.
13
Kanaaf gaafa hamaa dhaabachuu akka dandeettan, mi'a Rabbii ka lolaa maraa hidhadhaa'a.
14
Eeganaa mudhii keessan dhuga'aan hidhadha'atii, qajeellummaa akka qomoo sibiilaatitti uffadha'aa dhaabadhaa'a; Oduu nagayaallee akka kophe'ee lukatti godhadha'aatii qophaaya'aa dhaabadhaa'a.
16
Maraa irratti edaatanii darbata bobaya hammeennaa mara akka dhaamsuu dandeettan woontee amanta'aa ol fuudha'aa qabadhaa'a.
17
Fayyinna akka gulloo sibiilaatitti mata'atti godhaa'a; guraadee Ayyaanaa qabadhaa'a; innillee dubbii Rabbiiti.
18
Faatee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa faateffadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.
19
Anillee akkasuma dhossaa Oduu Nagayaa addaata'atti akka beessisuuf akka afaan kiyya banadhu dubbii akka naa kennu waan kiyyaafillee Rabbiin naa kadhadhaa'a.
20
Oduun Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a.
21
Isinnillee akkasuma attamitti akka jirru, jireenna kiyya akka beettaniif obboleessi jaalatamaaniif Goofta'aan hojjataan amanamaan Tikiqoos waa maraa isinitti hima.
22
Wonti gara keessan erguuf, waan nu keessa jiru akka isinitti himuuf akka isin jajjabeessuuf.
23
Nageenni Rabbii ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii jaalallinii fi amantaan obboleeyyaniif haa ta'u.
24
Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa jaalalli hin banne worra isa jaalatan maraa woliin baadhani haa ta'u. Amiin!
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
All chapters:
1
2
3
4
5
6