bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Revelation 11
Revelation 11
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 12 →
1
Waan ulee fakkaatu ka ittin madaalan naa kennee, «Ka'iitii mana woyyuu Rabbii, waan kennaa irratti dhiyeessanii fi worra achitti sagadanillee bikki» naan jedhe.
2
Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaaf qachaa woyyittii irra ejjatan.
3
Raattota kiyya lamaanii fi uffata gaddaa uffatee guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jahaatamaa akka raaga dubbatan hunna isaanii kenna.
4
Isaan kunniin ejersa lamaaf baattuu ibsa'aa lamaan ka Gooftaa biyya lafaa afoo dhaabatan.
5
Eennuunillee midhuu yoo barbaade, ibiddatu afaan isaaniitii bayee diintota isaanii nyaata. Yoo eennullee isaan midhuu barbaade akkasuma hin ajjeefaman.
6
Ji'oota raanni kun dubbatamu roobni akka hin roobneef samii cufu'uuf baallii qaban, bisaan hennaa gara dhiigaa jijjiiruu barbaadan maraa bala'aan lafa maraa dhayu'uuf baallii qaban.
7
Ragaa isaanii haga raawwataniin maayii bineensa ashuutee bawu woliin wol lolan. Mooyatee isaan ajjeesa.
8
Reeffi isaaniillee afoo qachaa gudditti'ii ciisa; isiinillee akka fakkeenna hafuuraatiin soodomiif Misirii jedhamteeti akkasuma hulee Gooftaan isaanii itti fannifame.
9
Worra gosa afaan adda addaa, fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihiifi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan.
10
Raattonni lamaan kunniin worra lafa irra jiraatan waan rakkisaniif isaanitti gammadan gammachu'uun jiraatan, kennaa wolii kennan.
11
Guyyaa sadihii fi wodhakka'aan maayii hafuurri jireennaa Rabbiin biraa bayee isaanitti deebi'ee luka isaaniitiin dhaabatan. Sodaan guddaan worra isaan laalan irratti bu'e.
12
Sami'iillee laagaa guddaa, «Garana ol bayaa'a!» jedhu dhagayan. Isaanillee uduu diintonni isaanii laalan gara sami'ii duumessaan ol bayan.
13
Sa'aatii san lafti guddiftee sochoote. Qachattiin kudhan keessaa harki tokko hin kufte. Sochii saniin namoonni kuma torbaa dhuman. Worri hafellee sodaatee Waaqa sami'itii ulfinna kennan.
14
Aanne'een lammaffa'aa lufeeti, akkasuma aanne'een sadaffa'aa dafee dhufa.
15
Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame.
16
Manguddoonni diddamii afurii ka teessoo Rabbii afoo taa'an kallacha ufiitiin lafatti gadi kufanii akkana jedha'aa Rabbii sagadan.
17
Ka jirtuuf ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf waan mooteef si galateeffanna.
18
Worri Yihuudii hin taanellee hin lolan, atillee hin lolte; hennaan ati worra du'anitti murteessitullee dhufe. Barri ati garboota kee, raattotaaf woyyoota kee, worra maqaa kee sodaatan didiqqa'aaf gugurda'aa gatii isaanii kennitu, worra lafa balleessanillee balleessitu dhufe.
19
Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate, laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22