bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Revelation 18
Revelation 18
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 19 →
1
Kanaan maayii Maleekkaa biraa ka baallii guddaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Sababaa ulfinna isaatiin lafti ifte.
2
Laagaa gudda'aan, «Baabilooniin guddittiin kufte! kufte! hulee jinniin jiraatu taate, hulee ayyaanni baatti'ii marti itti irkatan ayyaanoonni hamaaniif ka simbirroonni jibbaman maruu itti irkatan taate.
3
Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye.
4
Sami'ii laagaa biraa ka akkana jedhu dhagaye; Banii kiyya! Cubbuu isi'iitiin wolii gala'aa, balaa isi'ii akka hin fudhanne, isii keessaa bayaa'a!
5
Cubbuun isi'ii haga sami'ii waan gayeef, Rabbi hammeenna isi'ii yaade.
6
Haguma isiin kenniteen gatii isi'ii deebisaaf, Akkuma hujii isi'iitiin; dachaa lamaa godha'aatii mijuu isiin wolitti matte dachaa lamaa godha'aatii bulbulaa'a!
7
Haguma isiin uf kabajjiteef haga uf boonsiteen miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a. Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha, haadha hiyyeessaa hin ta'u, horomaa hin gaddu» waan jetteef.
8
Kanaafuu balaan hedduu, duutii, gaddinii fi beelli, guyyaa tokkoon isii irra hin gaya. Waandhi Gooftaan isi'itti murteessu jabaa waan ta'eef, ibiddaan gubatti.
9
«Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaraniif isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubbattu aaru arganii waan isi'iitiif banne banne jedha'aa booyan.
10
Ati Baabiloonii qachaa gudditti'ii jabduu si hobbaasi! murtiin kee sa'aatii tokko keessa waan sirra gayuuf» jedha'aa qaaqan.
11
Fe'aa markaba isaanii ammaa achi namni bitu waan hin jirreef, daldaltoonni lafa irraa booya'aa gaddaniif.
12
Fe'aan sunillee worqi'ii fi birri'ii, dhagaa gatii gudda'aa waan gatii gudda'aa uffata fuutta'aa, diimaa dhiilgee, dhiilgee muka urgaayu maraa mi'a ilkaan arbaa irraa hojjatame maraa muka gatii gudda'aa naasii sibiilaa mi'a dhagaa adii irraa hojjatame mara,
13
Qarafaa, waan waa mi'eessu, Urgoo, dhadhaa'a, hixaana, daadhii woyini'ii, Zayitii'i, daakuu sukkuumamte, qamadii, loon, hoolaa'a, farda, gaarii fardaa, garbootaa fi namoota mara.
14
«Daraaraan ati dharraate si bira lufeera. Wonti si boonsuu fi ka si qandhafsiisu martuu si jalaa badeera; ammaa achi namoonnillee sirima isaan hin argatan»
15
Worri Kanniin daldalan ka isi'iin dureeyyii ta'an, gadda'aa booyaa'a.
17
Qachaa guddoo uffata haphii fuuttaa'a, uffata dhiilgee diimaa uffattee, worqi'ii fi dhagaa gatii guddaa waan gatii guddaa badhaafamteef isi'ii hobbaasi! isi'ii hobbaasi! durummaan hagana gayu sa'aatii tokko keessa waan badeef jedha'aa dhaabatan. Worri markaba ofuu fi worri markabaan hulee maraa deemu maruu, worri markabaa, worri galaana irraa fayyadaman maruu fagoo dhaabatan.
18
Hennaa isiin gubattu Aara isi'ii arganii, «Qachaan qachaa guddittii san fakkaatu eessa jira?» jedha'aa iyyan.
19
Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa, «Qachattii guddoo, durummaa isi'itiin worra galaana irraa, markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan.
20
«Sami'ii, woyyoota, ergamtootaa fi raattota isi'itti gammadaa'a! Rabbi waan isinii murteesseeruuf»
21
Maleekkaan jabaan tokko dhagaa guddaa haga baaburaa gawu ol fuudhee akkana jedhe, gara galaanaa darbe; «Qachaan Baabiloonii guddittiin akkanatti dhiibamtee kufti; ammaa achi sirima hin argamtu.
22
Worri dibbee dhayanii fi laagaa faarfatu meeshaa laagaa adda addaa qabu; laagaan finge'eetii fi xurumbaa afuufamu ammaa achi sirimaa si keessatti hin dhagayamu. ogummaan harkaa marti ogeessi tokkollee amma achii si keessatti sirima hin argamu, laagaan baaburaa, ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu;
23
Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatiif idaayiitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif.
24
Isii keessa dhiinni raattotaatii fi woyyootaa, dhiinni worra lafarratti goorra'amee maruu, isii keessatti argameera.»
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22