bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Romans 10
Romans 10
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
1
Obboleeyyan tiyya! Halchaan guddoon gadhaa kiyya keessa jirtuu fi daadimannaan ani gara Waaqaa daadimadhu akka kolbaan Israa'elii fayyitu.
2
Isaan Waaqaaf akka ifi kennaneeranu ani dhugaa isaaniif baya; ammoo Waaqaaf ifi kenniis isaanii sun beekkunsa dhuga'aa irratti ka hundaayeeruu moti.
3
Isaan karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonfatu wollaalanee, karaa ifiif baafatiisaaf wodhaanatane; karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonsutti harka hin kennanne.
4
Nami Kiristoositti dhugeeffatu mara akka balchoomuuf, Seerri Kiristoosiin muummoyeera.
5
Muuseen marroo balchummaa Seeraaf ajajamiisaan dhaggantuu, “Nami Seera muummessu mara jiru'uun le'a” jedhee barreesseera.
6
Balchummaan dhugeeffanna'aan dhaggantu ammoo, “Gadhaa keeti keessatti, ‘Eentu ol-gubbaa baya?’ hin jedhin; sun, Kiristoos gad fidiisa.
7
Yookiin, gadhaa keeti keessatti, ‘Eentu qile'etti gad bu'a?’ hin jedhin; sunille, Kiristoos du'a keessaa ol fidiisa” jetti.
8
Ammoo maan jetti ree? “Jechi Waaqaa si bira, hidhii teeti irraa fi gadhaa keeti keessa jira” jetti. Sunille, jecha dhugeeffanna'aa ka nuuti lallannu.
9
Yesuus Goottaa akka te'e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du'a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita.
10
Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya.
11
Barreeffam Woyyichi, “Nami isatti dhugeeffatu hin qaanowu” jedha.
12
Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te'in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna.
13
Sababille Barreeffam Woyyichi, “Nami maqaa Gootta'aa waammatu mara hin fayya” jedha.
14
Ammoo yoo itti hin dhugeeffatin attam waammatuu dande'a? Marroo isaa adoo hin dhage'in attam itti dhugeeffatan ree? Adoo nami itti hin lallabin attamiin dhage'uu dande'an ree?
15
Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande'a ree? Barreeffam Woyyichi, “Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!” jedha.
16
Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, “Gootta'a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?” jedha.
17
Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage'iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.
18
Ani ammoo, isaan dhugumaan hin dhageennee? Jedhee gaafadha. Dhugumaan isaan dhage'aneeran; sababille Barreeffam Woyyichi, “Qoonqoon isaanii lafa maratti dhage'ante; dubbiin isaaniille haga qaccee biyya lafaa dhaqqadde” jedha.
19
Ani ammalle, kolbaan Israa'elii hin hubannee? Jedhee gaafadha. Duraan dursee Muuseen, “Kolbaa tuffatante hinaassisee, isin gaabbisiisa; kolbaa gowwitti'illeen isin aarsa” jedheera.
20
Isaayaasille, “Ani worra ana hin barbaadiniif dhaggameera; worra ‘Waaqi eessa jira’ jedhee ana hin gaafatiniifille mudhadheera” jedhee sodaa maalee dubbateera.
21
Marroo Israa'elii ammoo, “Kolbaa finqiltu'uu fi ta hin ajajanneef, ani harka kiyya guyyaa guutuu badhiseera” jedha.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16