bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Romans 16
Romans 16
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Obboleettii teenna Feebeen, ta wolde'a kiristaanaa ka Kanchire'aa keessa tajaajiltu, nama dansaa akka teete akka beettanu barbaada.
2
Akkuma kolbaa Waaqaatiif maltetti, maqaa Gootta'aatiin isii fudhadha'a! Isiin kolbaa heddu'uu fi analle waan qarqaarteertuuf, qarqaarsa isiin isin irraa barbaaddu maraayyuu isi'iif kenna'a.
3
Worra hujii Kiristoos Yesuusii ana woliin huje, Phirisqila'aa fi Aqiila'atti nageya anaaf hima'a.
4
Isaan jireenna isaanii anaaf kennaneeran. Ani isaan galateeffadha; ana calla'aa motii wolde'i kiristaanaa ka worra Yihudoota hin te'inille martinuu isaan galateeffatan.
5
Wolde'a mana isaanii keessatti wolitti qabamulle'etti nageya anaaf hima'a. Jaala kiyya jaallatamaa, biyya Asiya'aa keessaa dursee Kiristoositti dhugeeffate Ephanexositti nageya anaaf hima'a.
6
Maariyaamii isiniif jabeennaan hujjetti, nageya naa hima'a.
7
Yihudoota ana woliin hidhamanee turane Andironikosii fi Yuniyaasitti nageya anaaf hima'a; isaan ergantoota oddu'utti worra beekkamee fi worra anaan dura kiristaana te'eeru.
8
Jaala kiyya jaallatamaa Gootta'aan jaalladhu, Aphiliiyaaxositti nageya anaaf hima'a.
9
Jaala kiyya jaallatamaa Isxaakisii fi Urbaanosii karaa Kiristoosiitiin nu woliin hujutti nageya anaaf hima'a.
10
Aphelesii Kiristoositti dhugeeffatiis isaa mirkaneeffametti nageya anaaf hma'a. Worra maatii Arisxobulosii te'elle'etti nageya anaaf hima'a.
11
Herodiyoonii akkuma kiyya Yihudii te'etti nageya anaaf hima'a. Worra maatii Naarkisosii keessaa kiristaana te'etti nageya anaaf hima'a.
12
Worra tajaajila hujii Gootta'aa huju, Tiriifeenee fi Tiriiphaase'etti nageya anaaf hima'a. Hujii Gootta'aa guddoo ta hujje, jaallatanttuu jaala tiyya Pharsiisille'etti nageya anaaf hima'a.
13
Rufoosii hujii Gootta'aatii filamee fi haadha isaa, ta yennaa mara akka ilmaatitti ana ilaaltetti nageya anaaf hima'a.
14
Asinkiriixositti, Filegoonitti, Hermeesitti, Phaaxrobaasitti, Hermaasii fi kiristaanota dhibii isaan woliin jiranu maratti negeya anaaf hima'a.
15
Filogosii fi Yuliya'atti, Neryoosii fi obboleettii isaatitti, Olimphaasii fi kolbaa Waaqaa worra isaan woliin jiranu maratti nageya anaaf hima'a.
16
Sunqaa obbolumma'aatiin nageya wol fuudha'a. Wolde'ooti Kiristoosii marti nageya isinii dhaaman.
17
Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba'aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqodamiisaa te'u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha'a!
18
Worri waan akkasii godhu kun halchaa nyaata ifiitiif malee, Kiristoosii Goottaa keennaaf hin hujanu. Dubbii ifii damma dibiisaa fi sosobiisaan kolbaa gadhaa babadhattu gowwooffatan.
19
Nami marti Wongeelaaf ajajamuu keessan dhage'eera; sababa kanaafille ani marroo teessaniif hin gammada. Marroo waan dansa'aatiif qaroo, marroo waan hantu'uutiif ammoo gowwoolee akka teetanu ani barbaada.
20
Maddi nageya keennaa, Waaqille, dafee Seexana miila keessan jalatti hin butucha. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
21
Ana woliin ka huju, Ximootewoos akkasuma Yihudooti akka kiyyaa Luukiyoos, Yaasoonii fi Soosiiphaaxroos nageya isiniif dhaaman.
22
Ani Xirxiwoosiin Pawuloos himaaruun xalayaa kana barreesse, Gootta'aan te'ee nageya isiniif dhaama.
23
Keessummeessaan kiyya Gaayoos, ka mana isaa keessatti wolde'i kiristaana wolitti qabamu, negeya isiniif dhaama. Qabataan beessee qacha'aa, Eraasxoos fi obboleessi keenna Ku'arxoos, nageya isiniif dhaaman.
24
Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu
25
Ulfinna Waaqaaf kenninuu ti! Akka Wongeela ani marroo Yesuus Kiristoosii lallabeetitti, akka mudhachuu dhossaa dhugittii bara duriitii jalqaddee hin mudhatin turtelle'etti, inni dhugeeffanna teessaniin akka isin jabaattanee dhaabbattanu godhuu dande'a.
26
Te'uu male, amma, karaa kitaaba raagoti barreessaneen dhossaan tun ifatti baateerti; martinuu dhugeeffatee akka ajajamu, ajaja Waaqa bara baraatiin kolbaa maratti akka beekkamu godhameera.
27
Karaa Yesuus Kiristoosiitiin, Waaqa qofuu qarichaaf, bara baraan ulfinni te'u.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16