bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Romans 7
Romans 7
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Obboleeyyan tiyya! Ani worra seera beekuuf dubbadha. Seerri haga nami jiru'uun jiru qofa nama irratti baallii qaba.
2
Fakkeennaaf, dubartiin heerunte takka, haga dhirsi isi'ii jiru seeraan itti hidhanteerti; yoo inni du'e ammoo, seera ittiin hidhante san jalaa baateerti.
3
Tanaaf dhirsi isi'ii adoo jiruu, dhiira dhibii yoo heerunte, gaarayyeeffattuu jedhanti. Dhirsi isi'ii yoo du'e ammoo, isiin seera isatti hidhante jalaa hin baati; dhirsa dhibii yoo heeruntelle gaarayyeeffattu'uu moti.
4
Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du'a keessaa ka'ee teetaneertan.
5
Yennaa nuuti akka yaada foonii leenu san, halchaan hantuun Seeraan nunnuffantu, akka nuuti du'aaf midhaan buunnu, qoqooda nafa keennaa keessatti hujiisatti jirtiiyyu.
6
Amma ammoo, Seera nu hidheeru jalaa duunee, hidhaansa isaa jaalaa baaneerra. Tanaaf haganaa achi karaa haareya Ayyaanaatiin malee, karaa Seera dullacha barreeffameeruutiin hin tajaajillu.
7
Yoona maan jenna ree? Seerrinuu cubbu'u jennuu ree? Waawwo'o! Ammoo cubbuun maan akka teete akka ani beeku ka godhe Seera. Adoo Seerri, “Hin kajeelin” jedhuu dhabe kajeellaan maan akka teete, ani sila hin beekuuyyu.
8
Cubbuun karaa ajaja Seera irraa dhufeetiin, halchaan marti akka ana keessatti nunnuffantu goote. Ammoo addee Seerri hin jirretti cubbuun waan du'e.
9
Yennaa dur Seerri hin jirre ani jiru'uun le'eera; ammoo yennaa ajaji Seeraa dhufe cubbuun jiruu dhaggattee,
10
ani du'e. Ajaji Seeraa ka jiru'uuf kennamelle du'a anatti fide.
11
Cubbuun karaa ajaja Seeratiin na soddee, na ijjeette.
12
Maarre, Seerri woyyu'u; ajaji isaalle woyyu'u, balcha'aa fi dansa'a.
13
Eegasuu waanuma dansa'attuu du'a anatti fide jechu'uu ree? Waawwo'o! Cubbuun cubbuu teetee akka mudhattuuf, karaa waan dansa'aatiin, du'a anatti fidde. Karaa ajajaatiinille, cubbuun irra caalaa cubbuu teete.
14
Seerri ayyaanticha akka te'e hin beenna. Ani ammoo nama foonii, ka garbicha cubbu'uu te'iisaaf gurgurameeru.
15
Ani waan godhu hin hubadhu; ani waan godhiisaaf barbaadu hin gohu, ammoo waan jibbu godha.
16
Ani eega waan hin barbaanne godhu teete, Seerri dansaa akka te'e wolii gala.
17
Ka waan ani godhiisaaf hin barbaanne godhu, cubbuu ana keessa jirtu malee anaa moti.
18
Ana keessa yookiin namumma kiyya keessa wonni dansaan takkattiille akka hin jirre ani hin beeka. Waan dansaa godhiisaaf halchaan na keessa jiraattulle, ani waan dansaa godhiisaaf hin dandeenne.
19
Ani waan dansaa godhiisaaf barbaade hin godhu; ammoo hantuu godhiisaaf hin barbaanne godha.
20
Ani yoo waan godhiisaaf hin barbaanne godhu teete, ka kana godhu cubbuu na keessa jirtu malee, anaa moti.
21
Maarre ani Seerri hujii irra ooluun dhagga; ani yennaa waan dansaa godhiisaa barbaadu, seerri namumma'aa akka ani hantuu qofa godhu na tolcha.
22
Keessi kiyya Seera Waaqaatitti gammada.
23
Te'uu malee seera dhibii ka nafa kiyya keessatti, seera qalbiin tiyya fudhatu woliin wol lolu dhagga. Seerri dhibiin ana keessatti hujiisatti jiru sun, seera cubbu'uu ti; inni garba ifii na godhateera.
24
Ani nama farraamessa attamiiti! Foon gara du'aa na geessaaru kana jalaa eentu na baasa?
25
Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galanni Waaqaaf te'u! Maarre, qalbii tiyyaan ani garbicha Seera Waaqaa ti; foon kiyyaan ammoo garbicha seera cubbu'uu ti.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16