bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Romans 12
Romans 12
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachisu, jiraata'aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqeffannaan dhugittiin isii tana.
2
Fedhiin Waaqaa dansitti'ii fi ta isa gammachiitu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina'a.
3
Akkasuma isin martinuu qixxee Waaqi dhugeeffannaa isinii kenneetitti ifi gad qabiisaan yaadadha'a malee, haga isinii malteen irra ifi jajiisaan marroo teessaniif hin yaadatina'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinii hima.
4
Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba.
5
Marre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra.
6
Akka Badhaadha Waaqi nuuf kenneetitti nuuti kennansa gara garaa qanna. Kennansi keenna raaga raaguu yoo te'e, qixxee dhugeeffannaa qannuutitti raannuu ti;
7
kennansi keenna worra dhibii tajaajiluu yoo te'e, jabaannee tajaajjiluu ti; kennansi keenna barsiisiisa yoo te'e, akka maltetti barsiinnuu ti;
8
kennansi keenna gorsiisa yoo te'e, gorsinuu ti; kennansi keenna arjoomuu yoo te'e, gadha'aan arjoonnuu ti; kennansi keenna bulchiisa yoo te'e, jabaannee bulchinuu ti; kennansi keenna mararuu yoo te'e, gammadaan mararruu ti;
9
Jaalalli keessan dhugaameessa te'uu ti. Waan hantuu jibba'a; waan dansaa jabeessa'aa qabadha'a;
10
Akka obboleeyyanii o'isa'aatii wol jaalladha'a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma'a.
11
Jabaadha'aa huja'a malee, gadhee hin te'ina'a. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila'a.
12
Addii qaddanuun gammada'a; rakkinna ossadha'a; yennaa mara daadimadha'a.
13
Kolbaan Waaqaa wo dhaddee yenna rakkatu waan qaddanu isaan woliin qoodama'a; keessummoota fudhadha'a.
14
Worra isin miidhu eebbisa'a; eebbisa'a malee hin abaarina'a.
15
Worra gammadu woliin gammada'a; worra booyu woliin booya'a.
16
Yaada tokkoon wolii gala'aatii le'a; ifi ol qabiisa lakkisa'aatii worra gadee woliin le'a; nuuti beekkole'e jedhaa ifi hin saadina'a.
17
Fuula nama maraa duratti waan dansaa godha'a malee, yenna namooti hantuu isin irratti hujanu, isinille deebittanee hantuu itti hin hujina'a.
18
Yoo dande'ame nama maraa woliin nageyaan le'iisaaf, gama keessaniin waan dande'amu mara godha'a.
19
Jaalota tiyya! Mufiin Waaqaa haluu baatuuti malee, isin ijjumaa haluu hin bayina'a. Barreeffam Woyyichi, “Ka haluu bawuu fi ka gatii halu'uu kaffalu ana jedha Goottaan Waaqi” jedha.
20
Addee haluu baatu, akkuma Barreeffam Woyyichi, “Diinni keeti yoo beelote, nyaachis, yoo dheebote obaas; Yoo akkas goote qaani'iin akka gubatu goota” jedhu tolchi.
21
Hantuu dansa'aan injifadhu malee, hantuun si hin injifatin.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16