bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Timothy 1
2 Timothy 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Phaawulos, anin fedhii Waaqaa gula ergamaa Yesus Kiristoos, ta'e. Akka anin ergamaa Yesus Kiristoo ta'ee oduu dansaa jireenna Yesus Kiristootiif nuu kakhatan isatti na erge.
2
Gara Ximotewos, ilma kiyya ka ani jaaladhuu: Waaqii Aabbaan, Kiristoo Yesusii fi Aabboon keenna, eebbaa, naasuu fi nagaya sii kenninna.
3
Anin Waaqaa ka qalbii dansaan, akkuma abaabootii teenna hojjatte hojjadhuuf, galata deebisa. Anin halkanii guyyaallee kadhachaa tiyya keessaatti marro tante yo isaa kadhadhuu galata deebisaaf.
4
Imimmaan kankee qaabadhee, waan kanaaf guddoo si arguu fedha, akka guddoo gammadu.
5
Anin dhugeeffachaa dhugaa ta akka akkoo tantee, Lo'osii fi haadhaate Ewuniiqeen qabanii, akka Atileen tama akkasii qabduu, inbeeka.
6
Mar. roo waan kanaatiif anin si qaabsiisaa, eebba Waaqii gaafa anin harka sirra kaayee sii kennee fi hujii tanteellee jabeessi.
7
Wantii akkanatiif Waaqii hafuura nu dadhabisiisu nu hinkkenninee, ammoo hafuura jabeennaa, jaalalaa fi ufi qorqorachaa nuu kenne.
8
Akkuma Waaqii jabeenna sii kennee, marroo oduu dansaatiif gaargala malee, Aabboo Yesus dhugeessuu inceerfatin; anaa marroo isaatiif hidhanillee inceerfatin.
9
Innii nu baaseetti, jireenna qulqullootti nu yaame, wantii innii nu baaseef marroo nu waan dansaa tolchineefiinitii, marroo fedhii fi eebba isaati. Inni eebba tana adoo lafa hinuumiinuu karaa Kiristoo Yesusiitiin nuu kenne.
10
Amma ammoo dhufiisa Qarqaarsa keennaa karaa Kiristoo Yesusiitiin ya nutti mullisan. Innii ya jabeenna du'a dabsatee, oduu dansaan jireenna hinhobbaane mullise.
11
Akka anin oduu dansaa haasa'ee, ergamaa fi barsiisaa ta'uu, Waaqii ya na fohate.
12
Anin marroo waan kanaatif akkana gaargaluu jira. Anin ammoo waan ka abdadhee beekuuf hinceerfadhu, ammallee akka innii haga guyyaan gahuuti waan harka kiyyaatti kenne qorqoratu inbeeka.
13
Dubbiin dhugaa ta anin si barsiise ha akheekha sii taatuutii, jabeessi, dhugeffachaa fi jaalala ta marroo Kiristoo Yesusiitiif teenna taatee keessa ta'i.
14
Jabeenna hafuura qulqulloo nuu keessa jiruutiin, waan dansaa harka keetitti kennan jabeessi.
15
Akkuma atuu beettuu warrii biyya Asiyaa keessa jiruu cuftii, Fiigelosii fi Hermogenelleen la na biraa yaan.
16
Waaqii warra Oneesiforosiitii na'iinna; waan warrii gaafa anin hidhaansaa keessa jiru na hinjibaanee marroo hedduu garaa na jabesseef.
17
Innii ammoo akkuma dira Roomaatiin baheen, na barbaadee na arge.
18
Aabboon akka innii guyyaa sun naasuu Aabboo irraa argatu tolchiinna. Atiiyyuu waan inni Efesoo keessatti naa tolchele akkuma dansaa beetta.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4