bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Timothy 4
2 Timothy 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Anin fuula Waaqaatii fi ka Kiristoo Yesus, ka nama cufa ka du'ee fi ka jiruulleetti muru duraatti, marroo dhufiisaa fi Mootummaa isaatiif si gorsa.
2
Dubbii tana barsiisi; yo cufaa haasa'i, yo fedhanii fi yo hinfeeneellee namaa galchi, gorsii, jabeessi obsaan barsiisi.
3
Wantii akkanatiif barii namii barsiisa dhugaa gula hin yaa'uu, fedhii ufi callaa gula yaa'uu, indhufa; namii cuftii barsiisota hedduu waan gurrii warraa fedhu warra barsiiftu waliitti barbaadata.
4
Dhugaa caqasuu didaniitti, oduu dharaa gula yaan.
5
Atin ammoo yo'a cufaa ufi qorqorachuu malte! Gaargala obsii, akka nama oduu dansaa barsiisuu ta'i! Hujii Waaqaa cufa guuti!
6
Fulaan Lubbuu tiyya itti ijjesaan ya geette; yo'ii anin jireenna kana keessaa ba'uulleen ya gaye.
7
Anin lola akka dansaa lole, doggoomsuu tiyyaallee la hobaafadhe, dhugeffachaallee ya jabeesse.
8
Armaa achi surree qajeelummaa naa qopheessani, Aabboon abbaan muritii qajeelaan, guyyaa sun surree naa keenna; na callaaniti ammoo warra jaalalaan dhufiisa isaa eegu cufaa inkenna
9
Jabaadhuu, hurrisii natti kootti!
10
Deemaas ya waan lafaa jaalatee na lakkisee, Tesaloniiqee dhaqe.
11
Luq. aas callaan waliin jira. Maarqos barbaadii, waliin koottaa, innii hujii na qarqaaru indandaa.
12
Anin Xikiqoos ya gara Efesoon erge.
13
Yo dhuftu, kootii tiyya ta anin lafa Xro'aasi mana Kaarphosiitti lakkiseen naa kootti; kitaaba cufaan, keessumaa ergaa machallaa irraatti barreessaniin naa, kootti.
14
Iskindir, ka tumtuu, waan hamtuu na tolche; Aabboon abboon gatii hujii isa inkennaf.
15
Atuu waan innii guddoo dhaamsa keenna dideef jabeessii isa ufirraa eegi!
16
Gaafa anin guyyaa qaraa ufii dubbadhee, namii tokkolleen na hinqarqaaree, namii cuftii na biraa ya'e. Waaqii waan sun warratti hinherregiini!
17
Ammoo Aabboon na waliin taa'eetti na jabeessee, akka anin dubbii cufaa gosa dhibii ta hindhugeeffatiniilleetti himuu, afaan nyeencaa keessaa na baase.
18
Ammallee Aabboon hameenna cufaa keessaa na baaseetti, haga anin mootummaa isaa argadhuutti na qorqorata. Guddinnii ammaa fi hegeriillee ka isaa hata'u eejenne.
19
Phrisqiilaa fi Aqiilaatti, warra Oneesiforosiilleetti nagaa naa himii!.
20
Erasxos Qorontositti hafe; anin Xrofimoos dhukkumnaan dira Miilexositti isa lakkise.
21
Jabaadhuu, bookkaa gannaa duraatti kootti! Yubulos, Phudenis, Liinos, Klaawudiiyaan fi obboleyyaan cuftii nagaa isanii dhaaman.
22
Aabboon hafuura kankee waliin taa'inna! Kennamsi nasu Waaqaa isan cufa waliin taa'inna.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4