bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Timothy 3
2 Timothy 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
1
Guyyaan muummee gaargala hama qabaa waan kana qaabadhu.
2
Namii ufi qofa jaalata, insabda'aa, ufi guddisu, ufi saadu; walarabsu, warra ufiitii saalfachu dida, galata galchuu dida, aadaa Waaqaa lakkisa;
3
arjaa ta'uu dida, naasuu lakkisa, maqaa walxureessa, waldida, walhadha, waan dansaa jibba;
4
walballeessu fedha, mataa jabaata, ufi guddisa, Waaqaa irra gammada jaalata;
5
nama aadaa Waaqaa guutu ufi tolcha, ammoo jabeenna isii dida. Jara akkanaa kana irraa fagaadhu.
6
Namii garii mana nadheenii dhaqeetti, nadheen lalaaftuu qaraa dabii itti guddaatee dharaa gosa cufaa gula yaatu fudhata.
7
Nadheen tunin yo cufaa wa barachuu feetii, ammoo haguma jirtu dhuga hinbarattu.
8
Akkuma durii Yaaneesii fi Yaambres dubbii Muusaa diddan, akkasuma warrii kuniilleen dhugaa dida; warrii warra herrega hinqamne, ka dhugeeffachaa argachuu dadhabe.
9
Akkuma dallumaan jara durii kaan beekkamtee, ta jara kanaalleen waan nama cufaa duraatti argamuu jirtuuf, wantii kunin garuu hindhaxu.
10
Amma atin barsiisaa tiyyaa, adaba kiyyaa fi jireenna kiyya gula ya deemte; dhugeeffachaa tiyya, obsa kiyyaa, jaalala tiyya, jabeenna kiyya,
11
gaargala kiyyaa fi dhaanicha kiyyaallee ati ya agarte. Waan Anxokiyaatti, Iqoniiyumitti fi Lisxiraa keessaatti na tolchanii fi gaargalaa hamaa anin argadhe cufaa atin quba qabda! Aabboon ammoo ya waan sun cufaa keessaa na baase.
12
Nama Kiristoo Yesus waliin jireenna Waaqii fedhu keessa taa'uu cuufaa ingaargalchan.
13
Ammoo namii hamaa fi kiyyibaan cuftii haga qaraallee irra hammaateetti, ufi sobee nama dhibiillee soba.
14
Atin ammoo dhugaa si barsiisan ta akka dansaa dhugeeffatte keessa ta'i. Wantii akkanaatiif atin nama si barsiise inbeetta,
15
ammallee ijoollummaa teetiitii jalaqabdee barreessii qulqulloo, ta dandeetee hubachaa baafamaa, marroo dhugeeffachaa Kiristoo Yesusiitiif sii kennitu ya baratte.
16
Wantii akkasitiif barreesiin dubbii Waaqaa cuftii hafuura Waaqaa qabdi; ammallee wa baati, isii dhugan barsiisan, wallaalaan gorsan, qajeelaan garsiisan, waan jireenna dansaatiin barsiisan,
17
akka namii Waaqaa cuftii qixaa'ee kurfoo taa'ee, hujjii dansaa cufa hojjatu.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4