bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Colossians 1
Colossians 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Phaawuloos, ka fedhii Waaqaatiin ergamaa Yesus Kiristoo ta'ee fi obboleessa keenna Ximootewos,
2
Obboleeyyan teenna qulquloo ta dhugaa kiristoo keessa jirtuu fi gumii Waaqaa ta Qol. osaayii jirtu cufaaf Waaqii Abbaa keennaa eebbaa fi nagaa isanii kenninna.
3
Nu yo Waaqaa isanii kadhannu cufaa, Waaqaa Abbaa aabboo keenna Yesus kiristootii galata galchina.
4
Nu akka isan Kiristoo Yesusiitti dhugeeffattanii ammallee gumii Waaqaa cufaa jaalattaan ya dhageenne.
5
Gaafa dubbiin dhugaa, Oduun Dansaan gara keessan qaraa dhuftee, malaa abdii isiin qabdu ya dhageettan. Tanaaf dhugeeffachaa fi jaalaltii teessan waan isan abdattan ka gubbaa isanii ol kaan keessa jirti.
6
Akkuma isan guyyaa qaraa ka kennamsa naasuu Waaqaa dhageettan waan innii ta'e hubattan, Oduun Dansaan eebbaan dhuftee lafa cufaa ga'uutti jirti.
7
Isan waan kana Ephafraas ka hujii teenna keessatti waahela dansaa nuu ta'ee, marroo teennaaf dhugeeffatamaa ta'ee Kiristoo hojjate irraa barattan.
8
Isatti akka Hafuurii qulqulloon jaalala isanii kenne nutti hime.
9
Mar. roo waan kanaatiif nu haguma waan keessan dhageennee Waaqaa isanii kadhachuu hinlakkimne, nu akka Waaqii fedhii ufii akka dansaa isan barsiisu, qaroomaa fi qalbii Hafuurii Qulqulloon isaa namaa kennu cufaa akka isaani kennu Waaqaa isanii kadhanna.
10
Yo akka Aabboon fedhu teettanii yo cufa waan innii jaalatu tolchitan. Jireennii keessan waan isan hojjattan cufaa keessatti midhaan baasa, isaniilleen Waaqaa beekaa guddattan.
11
Akka waan cufaa obsitan irreen guddinna isaa keessaa baatuu ha isan jabeessituu.
12
Ammallee waan Aabboo Waaqii akka warra qulqulloo waliin gammaddanii qiliixamtan qooda dhaalaa ka ibsee mootummaa hegerii keessaatiin isan ga'eef galata galchaa.
13
Innii ya jabeenna dukkanaa keessaa nu baasee nagaan finna Ilma ufii ka jaalatameetiin nu ga'e.
14
Ilma sunitti nu balchoomsee cubbuu teenna nuu araarame.
15
Kiristoon fakkeenna dhugaa ka Waaqaa hinmullanneeti. Innii angafaa, ka waan uumame cufaa irra jiruu.
16
Wantii akkanaatiif Waaqii waan lafaa fi gubbaa jiraa cufaa, waan mullataatii fi ka hin mullaneellee, hayyoota, warra irree qabu, ka moo'atuu fi ka jabeenna qabu cufaa isaan uume. Waaqii waan lafaa fi gubbaa jiraa cufaa isaan uumee, isaaf uume.
17
Innii waan cufa dura jira, fulaa isaatti wantii cuftii fulaa ufii qabdi.
18
Ammallee innii mataa gumii Waaqaa ta nafa isaati, innii ilma angafa du'a keessaa kaasan, ka waan cufaa irra jiru.
19
Mar. roo fedhii Waaqaatiif ilmii qixxooma Waaqaa ufii keessaa qaba.
20
Waaqii uumama cufaa, karaa ilma isaatiin ufitti araarse. Dhiiga ilma isaa ka fannoo gubbaatti jigeen nagaa tolchee, waan lafaa fi gubbaa jiraa cufaa gara ufii deebise.
21
Wantii hamtuun isan durii tolchitanii fi ta isan herreddan Waaqaa irraa isan fageessitteeti, nyaapha isaa isan tolchite.
22
Amma ammaoo marroo du'a nafa ilma isaatiif Waaqii ya ufitti isan araarse, akka isan qulqulloomsee qixxoomsee wallaala malee fuula isaa duratti isan dhiheesse.
23
Tanaaf isaniilleen dhugeeffachaa keessatti jabaattanii duraatti yaa'uu maltan, akka yayyaba oduun dansaan isanii kennite irraa hin chochoone, ammallee akka abdii gaafa oduu dansaa dhageettan argattan irraa hin gorre. Oduun dansaan nama lafa cufaatti himan tana; anin Phaawulloos ya hojjataa isii ta'ee.
24
Anin ammaa waan marroo teessaniif jedhee gaargaluuf ingammada. Wanti akkanaatiif, anin marroo gaargala nafa kiyyaatiin, gaargala kiristoon marroo gumii isaa ta nafa isaa jedhee gaargale irraa ka hafee hobbaasa.
25
Waaqii akka anin dubbii isaa tana guutee haasa'uu, ya hojjataa gumii ufii na tolche.
26
Wantii kunin waan innii durii dhaloota cufaa dhossee, amma ammoo gumii ufiitti mullise.
27
Herregii Waaqaa kun, akka waan guddoo mamaa ka durii dhossan amma gumii ufiitti mullisu. Wantii qara dhossan sunii kiristoo isan keessa jiru, wantii kunin akka isan ulfinna Waaqaa argattan agarsiifti.
28
Tanaaf nu waan kiristoo qalbii teenna cufaan nama cufaa gorsinnee barsiimna, akka namii cuftii kiristoo keessatti guddatee nama dhugaa ta'u.
29
Tanaaf waan irreen Waaqaa ta Yesus kiristoon naa kenne na keessa jirattee hojjattuf, anin itti danfee hojjadha.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4