bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Colossians 3
Colossians 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
1
Kiristoo waliin ya du'a keessaa isan kaasan. Tanaaf waan harka Waaqaa mirga jiraa ka fulaa kiristoon barcumaa ufii ka gubbaa irra taa'uu barbaadaa.
2
Yaada garaa keessaanii waan gubbaa jiraa irra keeyyadhaa malee, waan lafaa irra hinkeeyyatinaa.
3
Wantii akkanaatiif isan qara ya dootanii, jireenna keessan Kiristoo waliin Waaqaa keessatti dhossan.
4
Gaafa jireennii keessan ka dhugaa Kiristoon mullatee, isaniilleen isa waliin mullattanii guddinnaa isaa waliin qoodattan!
5
Yaada lafaa ka isan keessa jiru ka akka shaarmuxoomaa, hujii babbaddaa ta nama xuresituu, dharraa foonii, fedhii hamtuu fi sabdoomaa, ka waan harkaan bocan kadhachuu ta'e, ijjeesuu maltan.
6
Mar. roo waan kanaatiif dallansuun Waaqaa warra isa hin caqamnetti dhufti.
7
Isaniilleen gaafa durii warra waan dharraa gula yaa'u waliin jirtanii, homa akkasii gula yaatan.
8
Amma ammoo waan akka, dallansuu, aarii, hammeennaa fi maqaa namaa balleessuu kana cufaa lakkisuu maltan. Arraba hamaa fi wantii hamtuun tokkolleen afaan keessaanii hinba'in.
9
Waan hujii nafa keessanii dullattii durii cufa lakkichanii haaraa fudhattaniif soba walti hindubbatinaa.
10
Finna haaressa ka Waaqii durii akka ufi isan beessisuuf akka isani yo cufa guddattaniin fakkeennaa ufiitiin uume sun uyyifadhaa.
11
Armaa achi, Yihudiin, Giriik, nama dhaqaanqabaa qabatee ka hin qabatin, nyaaphii, namii aadaa hin beenne, tissee fi balchaan cuftii hin jirtuu, Kiristoo callaatti jira; ammallee waan cufaa isummaatti keessa jira.
12
Isan gumii Waaqii jaalatee foohatee, tanaaf naasuu, arjoomaa, ufi diqqeestii, laanaa deemitii fi obsa qabaachuu maltan.
13
Wal dandaa, namii wal dhabe cuftii akkuma Aabboon isanii araaramee, walii araaramaa.
14
Waan kana cufaa irratti jaalalaa waldhaqiisaan dhugaatiin isanii dhuftuu daradhaa.
15
Naga'ii Kiristoon namaa kennu kun garaa keessan ha moo'atuu. Waan Waaqii garaa tokkoon isanii cufa nagaa kanaatti yaameef. Ammallee Waaqaa galata galchaa.
16
Dubbiin Kiristoo guddattee garaa keessan keessa ha teettuu. Qalbii cufaan walbarsiisaa wal gorsaa, Waaqaa faarsaa, sirba isaa sirbaa, faaruu isaa faarsaa, garaa keessaniin galata Waaqaa galchaa.
17
Dubbiin yokaan hujii fi waan tolchitan cufaa maqaa Aabboo Yesusiitiin tolchaa. Ammallee maqaa isaatiin Waaqaa abbaatii galata galchaa.
18
Waan aadaa kiristaanaa keessatti tolchuu malaniifii, nadheen cuftii dhiirsota ufiitii ha ceertuu.
19
Dhiirsota, nadheen teessan jaaladhaa mittiftanii hin gaargalchinaa.
20
Ijoolle, waan Aabboon akkas fedhuuf homa cufaa keessatti warra keessanii saalfadhaa.
21
Abboottii fi haawwan, ijoollee teessan hin mufachiisinaa. Egerii garaa hammaattii.
22
Tisseelee, Aabboottii teessan ta lafa tanaatii ajajama; warra gammachiiftanii jettanii yo warrii isan laalu callaa hin hojjatinaa, yo cufaa garaa dansaa Waaqaa sodaatuun hojjadha.
23
Waan hojjattan cufaa adoo namaa hinta'in akka waan Waaqaa hojjattanii garaa tokkoon hojjadhaa.
24
Waan Aabboon isan hojjataniif sun Kiristoo ta'eef, waan isan hojjatan cufaa innii galata isanii galchaa beekaa. Waan innii gumii ufitii ol kaayee inargattan.
25
Namii waan hamtuu tolchuu, inniilleen gatii waan hamtuu tolcheef inargata, Waaqii nama cufa akka tokkotuttii herrega.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4