bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Colossians 2
Colossians 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
1
Anin isanii fi warra Laa'odiiqiyaatii, ammallee warra na hin beennellee hagam akka isanii hojjadhu isanitti himuu fedha.
2
Wantii anin waan kana tolchuufii akka garaan warraa jabaatee, warrii cuftii jaalalaan wal dhaqee, dubbii dhugaa, ta hubachaan dhugaa dhuftuun argatuu fikiristoo dhoffama Waaqaa ta'e akka beekaniif.
3
Karaa Yesusiitiin qalbii fi herrega Waaqaa ka durii dhossan cufa namatti mullisan.
4
Tanaaf anin amma isanitti himaa, adoo akkuma fedhe dansaa fakkaatellee namii tokkolleen haasaa dharatiin isan hinsobin.
5
Wantii akkanaatiif adoo nafaan isan bira jiraachuu dhibaadhellee hafuuraan isan waliin jira. Akka isan karaa Kiristoo keessatti dhugeeffachaan jabaattan waan argeef, anin guddoo gammada.
6
Akkum Yesus Kiristoo Aabboo jettanii fudhattanii karaa isaa keessatti bulaa.
7
Akkuma durii isan barsiisan, hidda keessan isa keessatti baasaa, jireenna keessatti jabaadhaa, yo cufaa galata galchaaf.
8
Akka namii tokkolleen qalbii namaa ta homaa hin baaneen isan hin sobnee eegadhaa. Qalbiin sun waan namii walbarsiisuu fi herrega lafaa irraa dhufti malee Kiristoo irraa hindhuftu.
9
Wantii akkanaatiif qixxoomii Waaqaa cuftii nafuma Kiristoo keessa jira.
10
Waan innii moo'achaa fi jabeenna cufaa irra jiru qabuuf, isaniilleen ya jireenna mijuu isa keessaa argattan.
11
Yesus waliin nafa tokko waan taataniif dhaqaanqabaa ya qabattan. Dhaqanqabaan kun ammoo foon cubbuu karaa Yesusiitiin balleessuu malee, dhaqaanqabaa namaan tolfamteeniti.
12
Gaafa isan cuuphan, Kiristoo waliin isan awwaalan, ammallee cuuphama keessan keessa Kiristoo waliin du'a keessaa isan kaasan, waan isan jabeenna Waaqaa, ka du'a keessaa isan kaase, dhugeeffattaniif.
13
Isan durii marroo daba keeessaniitii fi ammallee waan seera dhaqaanqabaa ka foonii hin tolfatiniif dootan. Ammoo Waaqii ya Yesus waliin du'a keessaa isan kaase. Cubbuu teennallee cufa ya nuu araarame.
14
Kiristoon ya gatii hamtuu nurraatti barreessanii fi seera isiillee cufaa balleessee, mukaa fannoo irraatti fannise.
15
Kiristoon fannoo irraatti warra moo'achaa fi irree qabu balleessee, akkuma waan duula booji'ee galee diidaatti nama agarsiise.
16
Tanaaf namii tokkolleen waan nyaatanii dhuganiin, waan ayyaana baatiitii fi yokaan waan jila sanbataatiin, isanitti hinmurin.
17
Wantii sun cuftii gaandidduu waan hegerii dhufaatii, wantii dhugaa ammoo waan Kiristoon argamaati.
18
Namii tokkolleen karaa dharaatiin waan daayyaa arguuf waan isan irra jiru ufi se'ee waan keessan isan hin hanqisin; ammallee dharaan ufi diqqeessaa, ergamtoota Waaqaa kadhadhaa isaniin hinjedhin. Namii akkanaa kun kiyyibaa, waan qalbii qabu ufi se'a, ammoo innii waan saaduullee hinqabu.
19
Namii akkasii Yesusii, ka mataa waan cufaa waliin homaa hinqabu; mittaa fi morgaanii walti qabee ka nafa gololchuu mataa. Karaa kanaani waaqii nafa cufa guddisa.
20
Isan yo Kiristoo waliin dootanii, herrega lafaa jalaa baatan, eessaa akka nama lafaa jirtani ree?
21
Isan maaf seera, “Waan kana hintuqinaa, waan sun hinuninaa, yokaan waan kana hinqabatinaa” jedhu gula yaatan?
22
Waan kana cufaa yo gula deemanillee waan barsiisaa fi seeri namaa tolcheef ammaa hujii irraa ooltullee gaafa tokkoo inbaddi.
23
Seerii kunin yoyyuu irreen ufi diqqeessaa ergamtoota kadhadhaa, nafa keessan gaargalchaa jedhuu, waan dansaa fakkaata, ammoo dharraa foonii danda'ee nama hindhowwu.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4