bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Colossians 4
Colossians 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Abbootii, tisseelee teessanii waan dansaa tolchaa. Akka ufiillee ABBAA gubbaa qabdan qaabadhaa.
2
Yo cufaa jabaadhaa, hinlaafinaa, kadhadhaa Waaqaa galata galchaa.
3
Nullee Waaqaa kadhadhaa, akka innii balbala nuu banee dubbii isaa ta anin marroo isiitiif hidhameef sunii, lallabnee waan dhossaa ka Kiristoo himnu.
4
Akka anin karaa qajeelaan barsiisee namii hubatuu, Waaqaa naa kadhadhaa.
5
Qalbeeffadhaa warra dhugeeffachaa hinqabne dura adabaan yaa'aa, qoommii argattan cufaa hinballeessinaa, wayiin tolchaa.
6
Akka nama wa isan gaafatee qajeelchitanii deebisuuf dandeettan yo haasoftan cufa dubbii dansaa miyooftuu gurrii fedhu haasa'aa.
7
Obboleessii keenna Xikiqoos, ka akka dansaa hujii Aabbootiif ufi kennee dhugeeffatamaan, na waliin hojjatee, oduu tiyya cufaa isanitti haasa'a.
8
Mar. roo waan kanaatiif anin isa gara keessan erga, akka innii waan nu keessa jirruu isanitti himee garaa isan jabeessu.
9
Oneesimos obboleessii keenna ka dhugaa, ka gumii teessan waliin jiru, isa waliin dhufaa waan nu keessa jirru cufaa warraatti isanti hima.
10
Arisxaarkos ka hidhaansa keessa na waliin jiruu fi Maarqos ka dubrii Baarnaabaasiilleen nagaa isanii dhaaman. Isan waan dhaamsa Maarqos qaraa dhageettaniif, yo innii isanitti dhufe akka dansaa keessummeessa.
11
Yoshu'aan; ka Yusxos jedhaniilleen nagaa dhaama. Warra Yihudii keessaa ka dhugeeffatee finna Waaqaatii jedhee nu waliin hojjatee guddoo na qarqaaree jara kana sadeen callaa.
12
Ephafrassiin gumii teessanii ka hojjattuu kiristoo Yesus, nagaa isanii dhaama; innii yo cufaa guddoo Waaqaa isanii kadhata, akka isan jabaattanii guddattanii akka dansaa dhugeffattanii fedhii Waaqaa guuttan.
13
Anin akka innii isanii fi warra sun ka Laa'odiiqeyaatii fi warra Heraapholisiitii jedhee guddoo hojjatee, dhugaa isaa ta'uuf indanda'a.
14
Luq. aas cirreessii keenna ka nu jaalannuu fi Deemaasiin nagaa isanii dhaaman.
15
Obboleeyyan Laa'odiiqeyaa keessa jirtuu, Niimfaatii fi gumii mana isii keessatti walwaldeettullee cufaa nagaa itti naa himaa.
16
Waraqata ergaa kana eegi dubbiftanii akka gumii Laa'odiiqeyaallee dubbisanii qorqoradhaa. Isaniilleen ergaa warri Laa'odiiqeyaa sun isanti erguu dubbifadha.
17
Arkiphosiin ammoo, “Hujii Aabboo ta harka keetiitti kennan hojjadhuu guuti” jedhiin.
18
Ergaa nagaa tana anin Phaawuloosiitti harkuma kiyyaan isanii barreesse. Akka haada sibiilaatiin na hidhan hindedhinaa! Kennamsii naasuu Waaqaa isan waliin ha jiraatuu.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4