bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Philippians 1
Philippians 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
1
Nu warrii ergaa tana jaarrolee gumiitii fi jara gumii Waaqaatii hojjatu waliin gara gumii Waaqaa taa lafa Filiphii keessa jirtuu isanii barreessee, Phaawuloo fi Ximootewoos; ka hojjattuu Kiristoo Yesus.
2
Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaya isanii kenninna.
3
Anin yo isan qaabadhu cufaa Waaqaa kiyyaa galata galcha;
4
yo isanii kadhadhu cufaa anin gammadaan kadhadha,
5
waan isani hujii oduu dansaa keessatti, haguma guyyaa qaraatii haga hardhaallee na qarqaartaniif.
6
Tanaaf anin akka Waaqii hujii dansaa jidduu teessan kaa'e tana guyyaa gaafa Kiristoo Yesus dhuficha ga'ee hobbaasuu malee hin lakkimnee, akka dansaa beeka.
7
Isan yo cufaa qalbii tiyya keessa jirtan! Tanaaf anin yo cufaa waan keessan herreguu male. Isaniin cuftii yaa eebba Waaqii naa kenne tana na waliin qoodattan, ani yo amma hidhaansa keessa jiruu fi gaafa durii diida jirulle, oduu dansaa sunii dubbadheetti isii jabeessa.
8
Yo ani, jaalaltii anin garaa kiyya keessa qabu garaa Kiristoo Yesus keessaa dhufte jedhe, Waaqiilleen naa dhugaa.
9
Kadhaan anin isanii kadhadhuu ta akka jaalaltii teessan hubachaa dansaa fi qalbii dhugaa waliin hagas irra guddatuu tana,
10
akka waan irra dansaa gula baatanii guyyaa dhuficha Kiristoo suni wallaalaa fi hammeenna tokkollee hin qamne.
11
Jireenni keessan waan dansaa Yesus Kiristoon fedhuun guutama, akka maqaa Waaqaa guddisanii faarsan.
12
Obboleeyyan tiyya; ani wa isanitti himu fedha; yo dhugaa dubbannee, wanti na tolchan ya oduu dansaa duraatti deemsifte.
13
Mar. roo waan kanaatiif hojjatoota mana hayyuutii fi namii arma jiru cuftii akka waan dubbii Kiristootiif na hidhani inbeeka.
14
Anin hidhaansa keessa seennaan, gumiin dhugeeffatte cuftii guddoo hujii Aabbootti jabaattee jannoomtee, dubbii Waaqaa sodaa malee barsiiste.
15
Haa ta'uu malee namii garii dhugumaa qoxxee fi waldiddaan waan Kiristoo odeessa, kaa garii garaa dansaan odeessa.
16
Warri kun waan akka Waaqii arma na kaaye, oduu dansaa jabeessi naan jedhu beekuuf, jaalalaan waan kana tolcha,
17
Namii garii waan gaafa ani hidhaansa keessa jiru na gaargalchu feedhuuf garaa dansaan waan Kiristoo hin haasuu, garaa haamaan haasa'u.
18
Ammoo yo akkasillee taatee, yo waan Kiristoo karaa hamaa fi dansaalleen cufaanuu haasanii wanti sun homaa keessa hin jirtu, ani guddoo gammada, ammallee ani hinumagammada.
19
Kadha teessaniif qarqaasa Hafuura Yesus Kiristoolleen silaaftuu akka gad na dhisaan inumabeeka.
20
Akka karaa tokkoolleen hinceeree anin abdii fi fedhiillee inqaba, Wanti akkanaatiif ani du'aa jireenaalleen jabaadheetti garaa kiyya cufaan ulfina kiristootiif hojjadha.
21
Jireenni maanii? Jireenni kiyya naa Kiristoo; dootilleen naa dansaa.
22
Ammoo yo lubbuun na dheerattee hujii dansaa hojjadhee, anin ta gula bahu hin beeku.
23
Gama lachuuyyuu waljajjii jiraa. Anin jireenna kana lakkisee Kiristoo waliin taa'uu fedha, tanatti irra naa jiraa;
24
ammoo marroo teessaniif anin lafa tana gubbaatti hafuu male.
25
Anin silaaftuu inbeeka akka yo ani isan biraatti haafee isan waliin taa'ee isan gammaddaanii dhugeeffachaan jabaattanii duraatti deemtani.
26
Tanaaf yo anin ammallee deebi'ee fulaa teessanitti argamee marroo Yesus Kiristoos na keessa jiruutiif isan ufi koorsitan.
27
Wanti jabduun, adabi keessan akka oduun dansaan Kiristoos jettuu ha ta'uu, akka marroo dhugeeffachaa oduu dansaatiif isan adoo anii dhufee isan arguu dhibaadhellee, garaa tokkoon jabaattanii kaatanii yaada tokkochaan waliin haatan dhagayu.
28
Waaqatti irree isanii kennaa, nyaapha keessan hin sodaatinaa; yo cufaa jannoomaa, wanti kunin akka isan warra dabsattani agarsiiftii
29
Milkiin teessan ta, isanii kennan Kiristoos callaatti dhugeeffadhaa hin jettu, marroo isaallee gaargalaa jettii.
30
Amma koottaa, walumaan haanaa! Akkuma qara akka anin hadhe agartanii dhageettanii anin ammallee akkasuma jira.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4