bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Philippians 4
Philippians 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Obboleeyyan tiyya, ta anin guddoo jaaladhee arguu fedhu, anin hujii teessan maachee guddoo gammade, tanaaf duuba isan jabaattanii Yesus kiristoo waliin dhaabachuu maltan!
2
Obboleeyyan tiyya, Ewodiyaa fi Sinxikee isani lachuu akka isan Waaqaa jettanii waldhaxxan isan kadhadha.
3
Jaala kiyya ka anin guddoo jaaladhu atilleen, nadheen tana ta oduu dansaa haasoofte, ta Kilemensii fi warra dhibii ka na waliin hojjatullee waliin jirtu, ka maqaan warraa kitaaba jireennaa keessa jiru naa qarqaari.
4
Mar. roo Aabbootii fi yo cufaa gammadaa. Anin ammallee isaniin jedhaa: Gammadaa!
5
Aabboon dhiyottuu dhufaa, dansumtii teessan ta laanaa nama cufa duraatti ha mullattuu.
6
Waan tokkollee hin qorinaa, ammoo kadhachaa teessan keessatti waan feetan cufaa Waaqaa kadhadhaa, guyyaa cufaa galata Waaqaa deebisaa.
7
Nageenni Waaqaa, ka namii hubachuu hin dandeenne, karaa Kiristoo Yesus keessatti, garaa keessanii fi qalbii teessan inqorqorata.
8
Dubbii buufataa, obboleeyyan tiyya yo cufaa waan dansaa mirgittii, taa akka dansoomaa, qajeelummaa, dhugaa, balchoomaatii fi qulqullummaa herregaa.
9
Waan narraa agartanii barattan kaa dubbii tiyyaatii fi ta hujii tiyyaallee cufaa guutaa! Duuba Waaqii ka nagaya nuu kennuu isan waliin taa'aa.
10
Anin marroo Aabbootiif guddoo gammada! Isan ammallee haga guyyaa hedduutii akka waan kiyya herreddan ya agarsiiftan. Qaraallee qoommii agarsiiftaniin dhabdan malee waan kiyya yaaluu diddan isaniin hin jenne.
11
Isan ya na deetan hin jedhu; wanti akkanaatiif anin akka waan qabu quufuu yaa baradhe,
12
dhiphuu fi ballinnallee inbeekaa. Tanaaf adoo beelaa-dheebuu, waan diqqoo-guddoo qabaadheellee yo cufaa quufa qaba.
13
Anin jabeenna Kiristoni naa kenneenii irree waan cufaan dabsadhu inqaba.
14
Isanii ammoo ka gaargala kiyya keessatti na qarqaartanii, waan dansaa tolchitan.
15
Isan warri Filiphii, gaafa anin qaraa Maqedooniyaa bahee oduu dansaa odeessee, akka gumiin Waaqaa ta na qarqaarte isan callaa inbeettan. Naa fi isan callaatti dhiphuu fi ballinna kiyya waliin qoodate.
16
Isan marroo hedduu anin Tasalonqee keesatti dhiphannaan qarqaarsa naa ergitan.
17
Anin qarqaarsa callaa argachuu hin fedhuu; ammoo akka isanilleen keessaa wa argattan fedha.
18
Ergaa akka isan waan kana cufa naa kennitan agarsiiftu ya argadhe. Anin waan fedhu cufaa kaa isan Ephafrodixositti naa ergitan ya argadhe. Wanti kuninii akka sooriyo urgooftuu Waaqaa baasanii, ta inni fudhatee gammaduun jirti.
19
Waaqii kiyya, waan isan feetan cufa durooma Kiristoo Yesus keessa jirtu cufaan isanii kenna.
20
Guddinni Waaqaa Abbaa keennaatii ammaa fi hegerillee ha jiraatuu! Ee'e jenne.
21
Gumii qulqulloo Waaqaa ta Kiristoo Yesus cufaa nagaya itti naa himaa! Obboleeyyan arma na waliin jirtulleen nagaya isanii dhaamti.
22
Warrii Waaqaa cuftii keessumaatti warrii mana hayyuu guddoo nagaya isanii dhaama.
23
Eebbitii Aabboo Yesus Kiristoo isanii cufaa waliin jiraatinna.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4