bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Philippians 3
Philippians 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
1
Duubii buufataa Obboleeyyaan tiyya, Aabboon gammadaa! Waan durii barreessee, deebi'ee barreessuun na hin dhibdu, ammoo guddoo wa isanii baati.
2
Warra waan hamtuu tolchuu fedhuu, sareelee nama hin ta'in, ka nafa namaa ciruu fedhu eegadha.
3
Wanti akkanaatiif namii dhaqanqabaa dhugaa argate warraanitii nuu, nu Waaqaa hafuura isaatiin kadhanna, aadaa namaa ta nafaa hin dhugeeffannuu, jireenna keenna ka Kiristoo Yesus keessaatiif gammanna.
4
An yo danda'ee silaa waan kana indhugeeffadha; namii tokkolleen yo aadaa namaa ta nafaa dhugeeffatee, ka narra dhugeeffatu hin jiru.
5
Anin Ibraaniyaa dhugaati. Eegii ani dhaladhee torba bule dhaqanqabaa naa qaban. Gochii tiyya Israa'el, balbaltii tiyyalleen Beeniyaamii. Aadaa seera Yahudiillee gula an fariisota.
6
Tanaaf anin guddoo aaree gumii Yesusitti dhugeeffatte balleessuu maladhe. Yo silaa namii seera gula deemu dhugaa argatee, anin wallaala tokkollee hin qabu.
7
Ammoo amma marroo Kiristootiif wanii durii irra jirtii herregadhe cuftii homaa keessa naa hin jirtu.
8
Waan kana callaanitii; marroo dhugeeffachaa Aabboo kiyya Yesus Kiristoo ta waan cufa irra guddootiifii jedhee ani waan cufaa yaa lakkise. Anin waan cufaa akka huuraa herrega, akka akkasiin Yesus argadhee,
9
isaan tokko tahu. Anin ammaa tana dhugaa namii seera guutu argatu tokkollee hin qabu. Ammoo dhugaa Waaqaa biraa dhuftu, ta dhugeeffachaa Kiristootiin argatan qaba.
10
Anin Kiristoo beekee jabeenna ka'iisa isaa callaa argachuu fedha; gaargala isaa argadhee du'a isaa keessatti akka isaa ta'uu fedha,
11
akka yo silaa naa taatee, nallee du'a keessaa jireennatti kaasan.
12
Anin waan kana qaraa argadhe yokaan ya guutadhe hin jedhu. Ammoo akka argadhu guddoo barbaada, waan Kiristoo Yesus duriiyyuu barbaadee na argateef.
13
Dhugumaa obboleeyyaan, anin waan kana waan argadhe ufi hin sehu; ammoo wantii anin barbaaduu, akka waan bira dabre lakkisee waan na duraatti hiixeffadhu.
14
Tanaaf anin akka nama cufaa qolchee waan sun argadhu inutaala. Wanti sun yaamicha Waaqaa, ka karaa Yesuus Kiristootiin, gara gubbaa ol na yaaman.
15
Nuu namii gugurdaan cuftii herrega kana silaa qabaachuu malle. Ammoo yo isan namii garii herrega garagaraa qabaattanillee, Waaqii isanii mullisa.
16
Akkuma taateefuu, dhugaa nu qaraa arganne gula nu yaasaa.
17
Obboleeyyan tiyya, isaniin cuftii Waldhaqaa, na fakkaadhaa. Nu karaa dhugaa ya isan garsiimnee; warra gula yaa'u laalaa!
18
Anin waan kana marroo hedduu isaniitti hime, ammallee irra deebi'eetti boo'ee imimmaaniin isanti hima: nama hedduutti jira, ka yaada fannifamuu Kiristoo irraatti nyaapha ta'e.
19
Eegeen warraa badii, garaan warraa Waaqaa isaaniiti, fulaa silaa ceeruu malani ufi guddisanii waan lafa tanaa callaa herregan.
20
Warrii keenna ammoo gara gubbaati. Fayyisaa keenna Aabboo Yesus Kiristoo ka gubbaa gad dhufu eegachuutti jirra.
21
Innii irree waan cufaa harka ufi jalatti deeffatuun, nafa keenna xuraawaa jijjiiree, akka nafa ufii ka guddinna qabuu tolcha.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4