bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Thessalonians 1
1 Thessalonians 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Phaawuloos, Silwaanosii fi Ximootewoosiin biraa; Woldaa Kiristaanaa, ta Rabbi Abba'aatii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii taate, worra Tasolonqee keessa jiraataniif, Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u.
2
Hennaa Rabbiin kadhannu waan keessan yoo yaannu hujii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii, abdii Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin waan jabaattaniif Abbaa keennaa fi Waaqa keenna afo'otti yaada'aa uduu addaan hin kunne hennaa maraa Rabbii keenna sababa keessan maraatiif hin galatoonfanna.
4
Obboleeyyan tiyya, akka Rabbiin jaalatamtanii fi filatamtan waan beenneef.
5
Dubbiin Nagayaa ka isinii lallabne hunnaa fi Ayyaana Woyyu'uun hubannaa hedduun malee, dubbii calla'aan gara keessan waan hin dhufneef isin biratti waan keessaniif attamitti akka jiraanne hin beettan.
6
Isinillee akkasuma dubbii Rabbii rakkoo hedduun gammachuu Ayyaana Woyyu'uu woliin fudhattanii worra nu'uu fi Gooftaa fakkaatu taataniirtan.
7
Kanaafuu amantoota Maqedooniya'aa fi Akaayiyyaa jiran maraafuu fakkeenna isaanii taataniirtan.
8
Dubbiin Rabbii isin biraa bayee Maqedooniya'aa fi Akaayiyyaa calla'atti waan hin dhagayamneef, haga womaa dubbachuu hin barbaachifnetti, amantiin isin Rabbiin irratti qabdan hulee marattuu odeeffameera.
9
Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan,
10
Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqolee tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5