bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Thessalonians 5
1 Thessalonians 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Obboleeyyan tiyya! Waan baraatii fi waan ji'ootaa womaa isinii barreessuu hin barbaachisu.
2
Guyyaan Goofta'aa akka hattuun halkaniin dhuftu akkasuma akka dhufu isinuu sirri'itti beettaniirtan.
3
Namoonnii uduu Nagayaa fi fayyinna jedhan hennaa san akkuma dubartiin ulfaa ciniinsifattu, badiin tasuma isaanitti dhufti. Sirima jalaa hin bayan.
4
Isin ammo obboleeyyan tiyya, guyyaan akka hattu'uu akka isin irra hin geenne, isin dukkana keessa hin jirtan.
5
Isin maruu ilmaan guyya'aatii fi ilmaan ifaati; nu worra halkanii, yookaan worra dukkanaatii miti.
6
Eeganaa haa dammandhuu; hagatti haa jiraannuu malee akka kaawwanii hin rafnu.
7
Worri rafu halkaniin rafa; worri machaayullee halkaniin machaaya.
8
Nu ammo worra ifaa waan taaneef, amanti'ii fi jaalala akka gulloo sibiilaatitti uffannee hagatti haa jiraannuu.
9
Rabbi dheekkamsaaf nu hin fille; fayyinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii haa argannu'uuf malee.
10
Yoo jiraannellee, yookaan yoo duunellee isa woliin lubbu'uun akka jiraannu nuuf jedhee du'e.
11
Kanaaf isinillee akkasuma akkuma amma gootan woliin mari'adhaa'a; kuun kaan haa jajjabeessuu.
12
Obboleeyyan tiyya! Worra isin wodhakka'atti hujii Goofta'aatiin dadhaban, worra isin bulchaanii fi worra isin gorsan waan hujii Goofta'aatii fi hagaa olitti akka isaan kabajjitan isin kadhanna. Isin wolii nagaya qabaadhaa'a.
14
Obboleeyyan tiyya! Isin gorsinaa, worra seera malee deeman gorsaa'a, worra hin uggine jajjabeessaa'a, dadhabdootallee gargaaraa'a, namoota maraayyuu obsaa'a.
15
Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haa ta'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a.
16
Hennaa maraa gammadaa'a;
17
Uduu addaan hin kunne Rabbiin kadhadhaa'a; waan maraafuu Rabbiin galatoonfadhaa'a.
18
Wonti Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin irraa barbaadu kana.
19
Ayyaana Woyyuu hin ukkaamsinaa'a.
20
Raaga hin tuffatinaa'a; maraa qora'aa mishaa qabadhaa'a.
22
Waan hamaa kamiin irraallee fagaadhaa'a.
23
Waandhi nagayaa qaama keessan hundaa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.
24
Ka isin waame amanama'a; inni akkasuma kana hin taasisa.
25
Obboleeyyan tiyya! Nuufillee Rabbiin kadhadhaa'a.
26
Dhungoo woyyu'uun obboleeyyan maraa nagaya gaafadhaa'a.
27
Ergaan kun obboleeyyan woyyoota maraafuu akka dubbifamu Goofta'aan isin woga.
28
Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin haa ta'u! Amiin!
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5