bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Thessalonians 2
1 Thessalonians 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
1
Obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufuun keenna akka duwwaa hin taane isinuu hin beettan.
2
Haa ta'uu ammo akkuma beettan Filiphisiyuusitti dura rakkinna nu irra gayeen xaarii dadhabbii hedduun Dubbii Nagayaa isinitti himuu Waaqa keennaan uggine.
3
Kadhaan keenna dogoggoraan, yookaan battumma'aan, yookaan hammeennaan waan hin turreef.
4
Haa ta'uu ammo akka Rabbi qoree nu laalee amanamtoota ta'uu keenna argee, Dubbii Nagayaa yaboo nutti kennetti dubbanna. Kanallee yoo goonu, Rabbii keessa keenna qoru san gammachiisu'uuf malee nama gammachiisu'uufii miti.
5
Akkuma isin beettan, akkuma Rabbillee nuu ragu dubbii sossobu'uutiin hin dubbanne. Kajeellaa dhoffachu'uuf jennee hin fakkeessine, hin hojjannelle'e.
6
Ergamaa Kiristoosii taanee isinitti ulffaachuu uduu dandeennu, isin irraa ta'ee'e yookaan kaawwan irraa, yookaan nama irraa ulfinna hin barbaanne.
7
Haa ta'uu ammo akkuma guddiftuun ijoollee ufii kunuunsitu, isin jiddu'utti garalaafeyyii taane.
8
Akkasuma isin jaalata'aa Dubbii Nagayaa ka Rabbii qooduu callaa uduu hin taane, lubbuu teennallee akkasuma isinii keennuun fedhaa fi jaalala keenna; waan jaalatamtoota keenna taataniif.
9
Obboleeyyan tiyya! Dadhabbii keennaa fi xaarii keenna waan qaabattaniif, isin keessaa nama tokkottillee akka hin ulfaanne, halkanii guyyaa hojjata'aa, Dubbii Nagayaa ka Rabbii isinitti lallabne.
10
Isin worra amantan jiddu'utti woyyummaa attamiitii fi qajeellummaa mudaa hin qabneen akka deemne, isinii fi Rabbillee raga'a.
11
Rabbii gara jeennataatii fi gara ulfinna ufii isin waame kanaa akka ta'utti akka jiraattan isin gorsa, isin jajjabeessa, isinii raga'aa akkuma abbaan ijoollee ufiitii ta'u isin maraafuu waan taane hin beettan.
13
Kanaafuu dubbii maleekkotaa, innillee dubbii Rabbii hennaa nu irraa fudhattan, dhugaa isin keessa jiru isin worra amantan birattillee akkasuma akka hojjatu akka dubbii Rabbiititti malee akka dubbii namaa gootanii waan hin fudhanneef, nullee hennaa maraa uduu addaan hin kunne Rabbiin galatoonfanna.
14
Isin obboleeyyan tiyya, worra Yihuudaa jiraatan ka Yesuus Kiristoositti amananii worra woldaa Rabbii fakkaatan taataniirtan; akkuma worra Yihuudotaa irraa rakkinni isaan irra gaye, isinillee akkasuma rakkinni akkasii sun namoota biyya keessanii irraa isin irra gayeera.
15
Sunniinillee akkasuma Gooftaa Yesuusiin ajjeesanii raattotaa fi nullee hin ari'an, Rabbiinillee hin gammachiisan, namoota maraa hin morman.
16
Hennaa maraa cubbuu hojjatu'uun worri Yihuudiin hin taane akka fayyan akka isaanitti hin himne nu dhooggan. Haa ta'uu ammo dheekkamsi Rabbii hagaa ol isaan irra gayeera.
17
Nu ammo obboleeyyan tiyya! gara'aan uduu isin bira jirru, hennaa diqqo'oof ijaan wol arguu dhabnee gargar yoo baanellee guddifnee waan isin yaanneef ijaan isin argu'uuf yaanneerra.
18
Gara keessan dhufuu barbaannee turre; keessattuu ani Phaawuloos hennaa tokkoo fi lama dhufuu yaalee seexanni ammo nu tursiise.
19
Abdiin keenna, gammachuun keennaa fi Kallachi ulfinna keennaa eennu? gaafa Gooftaan keenna Yesuus dhufu, isa afoo dhaabannee worri ittiin boonnu isin malee eennu?
20
Isin ulfinna keenna; gammachuu keennalle'e.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5