bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Thessalonians 4
1 Thessalonians 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
1
Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya! attamitti akka jiraattanii fi Rabbiinillee attamitti akka gammachiisuu dandeettan nu irraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baay'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna; isin gorsina.
2
Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin ajaja kamiin akka isinii kennine waan beettaniif;
3
fedhiin Rabbii akka woyyoomtaniif.
4
Seebaruu irraa akka fagaattan, akka worra Yihuudii hin taane ka Rabbiin hin beenne sanniinii fedhaa fi dharraa foonii hamaa hin qabaatinaa'a.
5
Isin keessaa namni maruu nafa ufii woyyumma'aa fi ulfinnaan haa eeggatuu.
6
Ammallee akkuma duraan isiniin jennee fi akkuma isinii ranne, Gooftaan waan kana maraa waan haluu bayuuf eennullee waan kanaan akka hin yakkine obboleessa ufiillee akka hin sobne.
7
Rabbi battumma'aaf uduu hin taane, woyyumma'aaf nu waameera.
8
Eeganaa namni gorsa kana jibbu, nama jibbuu isaatii miti; Rabbii Ayyaana Woyyuu akka isin keessa jiraatuuf kenne san jibbe malee.
9
Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif.
10
Akkasumallee Obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jiran maraaf waan gootaniif. Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! ka duraa caalaa akka baay'attan, cadheensaanillee akka jiraattan, akka hinaaftan, waan keessan irrattillee akka uf eeddan, akkuma nu isin ajanye worra hin amanne jiddu'utti haalaan akka jiraattan, waan isiniif barbaachisuufillee harka namaa irraa akka hin eegganne harka keessaniin akka hojjattaniif isin kadhanna.
13
Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! Akka worra abdii hin qabnee akka worra kaawwanii akkasuma akka hin gaddine; waan worra du'anii akka beettan jaalanna.
14
Yesuus akka du'ee fi akka du'aa ka'e yoo amanne, akkasuma worra Yesuusitti amananii du'an, Rabbi gara ufii waan isaan fiduuf.
15
Wonti dubbii Goofta'aatiin isiniin jennu kana waan ta'eef nu jiraattota taane, haga Gooftaan deebi'ee dhufuuf nu worri jirru worra du'anillee hin firrifnu.
16
Gooftaan inninuu ajajaan laagaa bulchaa Maleekka'aatiin, laagaa xurumbaa Rabbiitiinillee sami'ii waan bu'uuf worri Kiristoosiin amananii du'an firrisanii ka'an.
17
Achiin maayii nu worri jiraata'aarru, Gooftaa qilleensa irratti reebbachu'uuf isaan woliin duumessaan ol fudhatamna. Achiin maayii hennaa maraa Gooftaa woliin jiraanna.
18
Kanaafuu isin dubbii kanaan wol jajjabeessaa'a.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5