bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Malachi 1
Malachi 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
1
Dubbiin raagaa ka Rabbi Milkiyaasii raattichaan banii Israa'eliititti dubbate kana.
2
Rabbi bani'iin, «Ani isin jaaladheera» jedha; isin ammo «Attamitti nu jaalatte?» jettan; Rabbi, «Eesawuu fi Yaaqoob obboleeyyan; ani ammo Yaaqoobiin jaaladhe;
3
Eesawuu ammo hin jibbe; biyya Eesawuu'u ka gaarranii gara lafa onaatitti jijjiire; lafa isaa ta jeedallan keessa burraaxxu godhe» jedhee deebisa.
4
Uduu worri Edoomota jedhaman horteen Eesawu'uu qachoonni teenna diiggamaniiran; haa ta'uu ammo deebifnee ijaarra jedhanii Waandhi banii maraa ammo isaan hin ijaaran; ani ammo hin diiga baniin maruu biyyattii biyya hammeennaa worra isii keessa jiraatan «Banii Rabbi baraa haga bara baraa lole jedhanii isaan waaman» jedha.
5
Isin waan kana maraa ija teessaniin argitanii Rabbi biyya Israa'eliitiin achittuu jaba'a! jettan.
6
Waandhi banii maraa gadootaan akkana jedha, «Ilmi abbaa ufii, hojjataan gooftaa ufii hin kabajja; eega ani abbaa keessan ta'e maaf na hin kabajjine ree? eega Gooftaa keessan ta'e maaf ulfinna naa hin kennine ree? isin maqaa kiyya tuffattaniirtan; garuu maqaa kee attamitti tuffanne? jettanii gaafattan.
7
Midhaan battaaye hulee ciinca'aa kiyya irra kaaya'aa, «Hulee ciinca'aa kee attamitti batteessine?» jettanii gaafattan; akki isin itti batteessitan gabateen kiyya waan keessan kanaan hin tuffatama jettanii waan yaaddaniif.
8
Isin amma horii ballaa, dhibama'aa fi ka hokkolu hennaa ciinca'aaf dhiyeessitan waan yakka raawwattan isinitti hin fakkaatuu? horii akkanaa kanniin bulchaa keessanii uduu kennaa dhiyeessitanii inni waan gammadee isin irraa fudhatuu fi waan isin galatoonfatu isinitti fakkaataa?» jedha Waandhi banii maraa.
9
Isin gadoonni! haga waan kana maraa gootaniin maayessa Rabbiin uduu arjummaa kadhattanii inni waan kadhaa keessan isin irraa fudhatu seetanii? waan kanaanillee dogoggorri keessan jedha Waandhi banii maraa
10
Waandhi banii maraa hulee ciinca'aa kiyya irratti ka ibidda duwwaa itti bobeessitanii mannaa maal isin keessaa namni balbala mana woyyu'uu cufu tokko uduu argame! ani waan isinitti hin gammanneef kennaa isin naa dhiyeessitan hin fudhadhu.
11
Baniin adunyaa irra jiru maruu qacce'ee haga qacce'ee ulfinna naa kennan hulee kamittuu hixaana aarsa'aa ciincaa qulqulluu naa dhiyeessan; baniin maruu na kabajja.
12
Isin ammo hennaa huleen ciinca'aa ka Rabbii battaaya'a jettanii ciincaa tuffatamaa dhiyeessitan hin batteessitan.
13
Isin amma balda'aa ‹kun maruu attamitti nama hifachiisa!› jettan; horii hafan ka hokkolu, ka dhibame ciinca'aaf dhiyeessitan; ani waan kana isin irraa fudhadhu seetanii?
14
Ani mootii gudda'a; maqaan kiyyallee banii biratti ka kabajjame waan ta'eef namni hoolota ufii keessaa uduu korbeessa hoola'aa qabu waan woreega qabatee korbeessa mudaa qabu ciincaa naa dhiyeessu inni ka abaarame!» jedha Waandhi banii maraa.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4