bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Malachi 3
Malachi 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
1
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Ani karaa kiyya akka qopheessu ergamaa kiyya hin erga; gooftaan isin barbaaddan dimmaa gara mana woyyumma'aa dhufa; ergamaan waada'aa ka isin itti gammaddan dhugamaan hin dhufa»
2
Ammo inni akka meeshaa sibiilaan bassanii ibiddaa fi akka saamunaa uffataan miicanii waan ta'eef namni guyyaa inni dhufu jabaatee dhaabatuu danda'uu fi guyyaa inni mudhatu ka isa afoo dhaabatuu danda'u eennu?
3
Inni akka nama sibiila bassuutii fi akka nama birrii ibiddaan bassuu murtii murteessan qulqulleessu'uuf teessoo murti'ii irra taa'a; inni ijoollee Leewwi'ii haga isaan ciincaa qajeellumma'aa dhiyeessuu danda'anitti akka worqi'iitii fi akka birri'iititti isaan qulqulleessa.
4
Ciincaan baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii dhiyeessan akka barootaa fi woggoota lufaniititti ka Rabbiin gammachiisu ta'a.
5
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Ani murti'iif gara keessan dhiyaadha; ani namoota asmaa kataban, worra seebaran, worra sobaan rageessan, worra hojjattoota guyya'aa jalaa mindaa isaanii sobanii jalaa hambisan, worra dubartoota abbaan worraa jalaa du'anii, worra ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne worra worra baqatan gad qabanii fi worra ana hin sodaanne irratti ariiti'iin isaanitti murteessa.»
6
«Ani Rabbi hin jijjiiramu; kanaafuu isin ijoollee Israa'elii! isin sirima hin banne.
7
Bara abboota teessan ta durii irraa jalqabee seera kiyya irra fagaattaniirtan; hin eennelle'e; gara kiyya deebi'aa'a; anillee gara keessan deebi'aa; isin ammo ‹attamitti gara kee deebina?› jettan.
8
Namni qabeenna Rabbii saamaa? ta'ullee isin na saamtaniirtan; isin ammo ‹attamitti si saamna?› jettanii gaafattan; wonti isin na saamtan, kennaa kudhan keessaa tokkoo fi kennaa hiyyeeyyi'ii kennan kennuu diddaniitii.
9
Isinii fi baniin maruu waan ana saamtaniif worra abaarame taataniirtan.
10
Akka mana kiyya woyyuu keessa eebbi baay'atu kennaa kudhan keessaa tokko maraa gootaraa kiyyatti galchaa'a; isin waan kana yoo gootan, ani ammo foddaa sami'ii banee yoo eebba mishaa maraa guddisee isinii kennuu baadhe kanaan na qoruu hin dandeettan.
11
Ani akka midhaan keessan raammoon hin nyaanne dhoogga; biqiltuun woyini'ii keessan daraaraa malee hin hafu.
12
Achiin maayessa baniin maruu isiniin banii eebbifame jedhanii isin waaman» ka waan kana dubbate ana Waaqa banii maraati.
13
Rabbi akkana jedha, «Isin uggiiti'iin dubbii natti dubbattan; deebitanii ammo, ‹nu'u waan hamaa maal sitti dubbanne?› jettanii gaafattan.
14
Isin ‹Rabbiin tajaajiluun duwwa'a; ajaja isaa eegu'uu fi akka worra gaddanii Waaqa banii maraa afoo deddeebi'uun maal nu fayyada?
15
Nu amma akka arga'aarrutti worri waan hamaa hojjatan hiree qaban; dhugamaan isaan qanani'iin jiraatan; isaan Rabbiinuu qora'aa rakkoon isaan irra hin gawu› jedha'aa dubbattan.»
16
Achiin maayessa namoonni Rabbiin kabajjan woliin mari'atan; Rabbillee seeraan isaanii caqase; yaadannoon namoota Rabbiin sodaataniitii fi maqaa isaa kabajjanii kitaaba keessatti barreeffame.
17
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Isaan kiyya ta'an; guyyaa ani hojjadhu isaan kiyya ta'an; akkuma maatiin ijoollee ufiitii garaa laafu anillee akkasuma worra naa ajajamanii garaa laafa.
18
Isin hennaa san garaa garummaa nama qajeela'aatii fi nama cubbama'aa, nama Rabbii ajajamuu fi hin ajajamne jidduu jiru ammallee deebitanii argitan.»
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4