bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Malachi 2
Malachi 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
1
Rabbi gadootaan akkana jedha, «Gadoota nana! ajanyi kun ammallee keessanuma.
2
Yoo na dhagayuu diddan, maqaa kiyyaafillee ulfinna kennu'uuf yoo dubbii kiyya garaa keessanitti qabatuu diddan, ani abaarsa isinitti erga; eebba keessanillee gara abaarsaatitti jijjiira; ana kabajjuun waan isin keessa hin jirreef ani dhugamaan waan kana maraa isin irratti raawwadha.
3
Sababaa keessaniif ijoollee teessan hin adaba; dhoqqee horii isin ciinca'aaf naa dhiyeessitanii fuudhee fuula keessanitti facaasa; afoo kiyyaallee isin balleessa.
4
Waadaan ani Leewwi'ii fi worra isa woliin dhalatan woliin gale akka jabaatee jiraatu ajaja kana akka ani isinii erge hin beettan.
5
Waadaan ani isaanii gale waadaa nagayaatii fi ka jireennaati; akkasuma isaan ana kabajjuun giddi'i; isaan ana sodaata'aa maqaa kiyya kabajja'aa jiraataniiran.
6
Isaan dhugaa barsiisan; arraba isaanii irra sobni hin jiru; isaan na woliin fayyaalumma'aan jiraataniiran; isaan namoota baay'ee barsiisanii badii irraa deebisaniiran.
7
Gadichi ergamaa Waaqa banii maraa waan ta'eef, baniinillee waan beekkumsa isa irraa barbaadaniif arrabni gadichaa beekkumsaan dubbatuu barbaachisa.
8
Isin ammo karaa keessan gad dhiiftanii barumsa keessaniin namoota baay'ee gufachiiftaniirtan; waadaa ani Leewwii woliin galellee diiddaniirtan.
9
Isin seera kiyya duukaa bu'uu dhiiftanii waan seeraa irratti dalamtanii waan raawwataniif ani ammo akka isin banii maraa afo'otti tuffatamtanii fi salphattan isin taasisa.»
10
Nu maruu abbaa tokko qabnaa mii? ka nu uume Waaqa tokkoomii? eeganaa nu maaf waadaa abboota teenna ta durii diinnee worra hin amanamne taana?
11
Baniin Yihuuda'aa worra hin amanamne ta'aniiran; isaan Israa'elii fi Yerusaalemiin keessatti hujii battii nama jibbisiisu raawwataniiran; sababaan wonti kun ta'eef Yihuudaan dubartoota ormaa ta waaqolee tolfamaa waaqeffatan fuudhee mana woyyumma'aa ka Rabbi jaalatu waan batteesseef.
12
Namni waan akkanaa kana godhu yoo Waaqa banii maraatii ciincaa dhiyeesse Rabbi banii Israa'elii keessaa isa haa balleessu.
13
Isin akkana gootan; Rabbi ciincaa keessan waan hin fudhanneef hulee ciincaa Rabbii imimmaan booyichaa fi gaddaan dhossitan.
14
Isin, «Inni maaf ciincaa keenna hin fudhanne?» jettanii gaafattan; wonti Rabbi ciincaa keessan fudhatuu diduuf haawwota manaa teessan ta ganamaa amanamummaa waadaa hennaa jaalalaa waan diiddaniif; Rabbi jidduu keessanitti ragaa keessan ture.
15
Eeganaa Rabbi isinii fi haawwota manaa teessan qaama tokkoo fi akka yaada tokko qabaattan godhee hin turree? waan kana keessatti yaanni isaa maal ture? kaayoon isaa guddaan ijoollee banii Rabbii ta'an akka uumattan barbaadeeti; kanaafuu isin keessaa namni maruu waadaa haadha manaatii gale hin diigin.
16
«Ani wol hiikuu abbaa manaatii fi haadha manaa hin jibba; nama akka nama uffata uffateetitti uf dhossu nama hujii dharaatiin uf dhossu hin jibba; kanaafuu amanamuu dhabuu keessan irraa uf eegaa'a» jedha Rabbi Waandhi Israa'elii.
17
Isin dubbii keessaniin Rabbiin hifachiiftaniirtan; isin, «Maali'iin isa hifachiifne?» jettan; wonti isin isa hifachiiftaniin waan isin «Namni hamaa hojjatu maruu Rabbiin biratti misha'a; Rabbiinillee hin gammachiisa jedha'aa yookaan Waandhi haqaa eessa jira?» waan jettanii gaafattaniif.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4