bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Malachi 4
Malachi 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Guyyaan worri uf jajanii fi worri waan hamaa hojjatan akka bura'aatitti gubatan dhufa'aara; guyyaan dhufu sun hiddaa fi haafa isaanii maraa uduu hin hambifne guba.
2
Isin worra maqaa kiyya kabajjitaniif ammo aduu balchumma'aatitu baya; isin fayyisa; akka waatiyyoo gollo'oo gad hiikaniititti burraaxxan.
3
Guyyaan ani waan kana godhu worri hammeeyyiin kophee miila keessanii jalatti akka daara'aatitti dhidhiitaman.
4
«Isin seeraa fi ajaja kiyyaa ka ani garbicha kiyya Muuse'etti akka baniin Israa'elii maruu isaan masakkamani'iif gaara Siina'aa irratti isatti kenne qaabadhaa'a.
5
«Guyyaan nama sodaachisuu fi guddaan kiyya ka ana Rabbii uduu hin dhufneen dura ani Eeliyaasii raatticha isinii erga.
6
Inni akka ani dhufee lafa hin abaarre garaa abbooti'ii gara ijoolle'ee, garaa ijoolle'ee gara abbooti'ii deebisa.»
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4