bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Psalms 119
Psalms 119
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 118
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 67
Chapter 68
Chapter 69
Chapter 70
Chapter 71
Chapter 72
Chapter 73
Chapter 74
Chapter 75
Chapter 76
Chapter 77
Chapter 78
Chapter 79
Chapter 80
Chapter 81
Chapter 82
Chapter 83
Chapter 84
Chapter 85
Chapter 86
Chapter 87
Chapter 88
Chapter 89
Chapter 90
Chapter 91
Chapter 92
Chapter 93
Chapter 94
Chapter 95
Chapter 96
Chapter 97
Chapter 98
Chapter 99
Chapter 100
Chapter 101
Chapter 102
Chapter 103
Chapter 104
Chapter 105
Chapter 106
Chapter 107
Chapter 108
Chapter 109
Chapter 110
Chapter 111
Chapter 112
Chapter 113
Chapter 114
Chapter 115
Chapter 116
Chapter 117
Chapter 118
Chapter 119
Chapter 120
Chapter 121
Chapter 122
Chapter 123
Chapter 124
Chapter 125
Chapter 126
Chapter 127
Chapter 128
Chapter 129
Chapter 130
Chapter 131
Chapter 132
Chapter 133
Chapter 134
Chapter 135
Chapter 136
Chapter 137
Chapter 138
Chapter 139
Chapter 140
Chapter 141
Chapter 142
Chapter 143
Chapter 144
Chapter 145
Chapter 146
Chapter 147
Chapter 148
Chapter 149
Chapter 150
Chapter 120 →
1
Worri jireenni isaanii mudaa hin qabne, worri seera Rabbiitiin jiraatan worra eebbaati.
2
Worri seera isaa eegan, worri onnee guutu'uun isa soqan, worra eebbaati.
3
Isaan waan hamaa godhan; seera Rabbiitiin jiraatan.
4
Seera kee akka jabeessinee eennu ati ajajjeerta.
5
Ani seera kee eegu'uuf; akka karaan kiyyallee naa qajeelu; hin hawwa ture.
6
Ajaja kee yoo laalu yoo san hin saalfadhu.
7
Hennaa murtii kee qajeelaa baradhu, onnee qajeeltu'uun si galatoonfadha.
8
Seera kee hin eega; sirima na hin gatin. Beet;
9
Dargaggeessi karaa ufii maali'iin qulqulleeffata? dubbii kee eegu'uun.
10
ani onnee guutu'uun si soqe ajaja kee irraa na hin fageessin.
11
Akka si hin yakkine dubbii kee onnee tiyya keessatti dhoffadhe.
12
Yaa Rabbi! Ati eebbifama'a; seera kee na barsiis.
13
Seera kee keessaa bawu maraa afaan kiyyaan dubbadha.
14
Akkuma namni qabeennaan gammadu; anillee seera kee eegu'uun gammada.
15
Ajaja kee hin dhudhuma; karaa kee hin soqa.
16
Ajaja keetitti hin gammada; dubbii kee hin irraanfadhu. Gaameel;
17
Garbicha keetii waan mishaa godhi; jiraataa ta'ee akka dubbii kee eegu.
18
Ija tiyya naa bani; seera kee keessaa maalalee argaa.
19
Ani lafa irratti keessumma'a; seera kee na jalaa hin dhossin.
20
Lubbuun tiyya hennaa maraa seera kee guddiftee yaadu'uun dadhabde.
21
Worra abaaraman ka seera kee irraa dogoggoranii fi worra boonan hin teedeffatta.
22
Ragaa kee waan barbaaduuf arrabaa fi waan salphinnaa na irraa fageessi.
23
Worri baallii qaban taa'anii na hamatan; garbichi kee ammo seera kee dhudhuma'aa ture.
24
Ragaan kee gammachuu kiyya; ka na gorsullee seera keeti. Daaleex;
25
Lubbuun tiyya daara'aan wolitti maxxanteerti; dubbii abdi'ii ka naa kenniteen jireenna kiyya haarawoomsi.
26
Waan godhe maraa sitti himadhe; atillee naa dhageette; eeganaa seera kee na barsiisi.
27
Akka karaa seera keetii hubadhu na taasisi; anillee maalalee kee hin dhudhumaa.
28
Lubbuu tiyyatti gaddi guddatee dadhabdeerti; akka dubbii keetiitiin na jabeessi.
29
Soba na irraa fageessi; akka mishooma keetiitiin seera kee na barsiisi.
30
Karaa kee ka dhuga'aa filadheera; seera kee hennaa maraa hin irraanfadhu.
31
Yaa Rabbi! seera kee jabeessee qabadheera; yabo'oo na hin saalfachiisin.
32
Garaa kiyya waan naa badhifteef karaa seera keetiitiin fiiga. Hee;
33
Yaa Rabbi! karaa seera keetii na barsiisi; ani hennaa maraa hin eega.
34
Akka qaabadhu na taasisi; seera keellee hin barbaadaa; onnee kiyya guutu'uun hin eegaa.
35
Waan itti gammaduuf karaa seera keetiitiin na deemsisi.
36
Durummaa argachu'uuf luqunuu caalaa'a, akka seera kee eegu na taasisi.
37
Akka waan duwwaa hin laalle ija tiyya dhooggi; karaa kee irratti deebis; jiraataa na taasisi.
38
Dubbii abdi'ii ka ana garbicha keetii fi worra si sodaatan maraa kennite raawwadhu akka sodaatamtuuf.
39
Seerri kee waan mishaa ta'eef, salphinna sodaadhe na irraa fageessi.
40
Ani seera kee eeguu yaada; ati Waaqa dhuga'aa waan taateef balchummaa keetiin jireenna kiyya naa haarawoomsi. Waawu;
41
Yaa Rabbi! jaalalli kee ka bara baraatii fi fayyinni kee akkuma dubbii keetiititti naa haa dhufu.
42
Waan seera kee hedadheef worra na arrabsan maraa deebii kennuu danda'a.
43
Seera kee waan hedadhuuf; dubbii dhuga'aa kee afaan kiyya keessaa sirimaa hin fageessin.
44
Baraa haga bara baraa hennaa maraa seera kee hin eega.
45
Ani waan seera kee barbaaduuf badhifadhee deema;
46
Mootota afo'otti ragaa kee hin dubbadha; hin saalfadhulle'e.
47
Seera kee ka guddisee jaaladhetti hin gammada.
48
Harka kiyya gara seera kee ka jaaladhee hiixadha. seera keellee hin yaada. Zaayi;
49
Dubbii kee ka hojjataa keetii waadaa galte qaabadhu; isaan abdii kenniteertaaf.
50
Dubbiin kee jiraataa waan na taasiseef kun rakkinna kiyya keessattillee na jajjabeessa.
51
Worri uf jajan hennaa maraa natti baldan; ani ammo seera kee irraa hin fagaadhu.
52
Yaa Rabbi! seera kee ka durii yaadee guddisee jajjabaadhe.
53
Sababaa hammeeyyiin seera kee dhiisaniif ani hin lolame.
54
Biyya keessummumma'aa keessatti seerri kee faaruu naa ta'e.
55
Yaa Rabbi! ani halkanillee maqaa kee yaada; seera keellee jabaadhee eega.
56
Seera kee faanaa deema; kun hujii kiyya ta'e. Heeti;
57
Yaa Rabbi! ati gayee kiyya; dubbii kee eegu'uuf kutadheera.
58
Garaa guutu'uun si barbaada; akkuma dubbii keetiititti arjummaa kee natti argisiis.
59
Jireenna kiyya qoree waan hubadheef karaa laalee jireenna kiyya gara seera keetii deebifadha.
60
Seera kee eegu'uuf ariifadhe; hin turrelle'e.
61
Haanni cubbamtootaa natti mammarame ani ammo seera kee hin irraanfanne.
62
Waan seera kee balcha'aaf; halkan qixxee si galatoonfachu'uuf lafaa ka'a.
63
Ani goshoo worra si sodaatuutii fi ka worra ajaja kee eeguuti.
64
Yaa Rabbi! jaalalli kee lafa maraa guuteera; seera kee na barsiisi. Xeeti;
65
Yaa Rabbi! akka dubbii keetiititti hojjataa keetii waan mishaa godhi.
66
Ajaja kee waan hedhadheef gorsa mishaa beekkumsa kee na barsiisi.
67
Ani uduu hin adabamneen dura karaa dogoggoraatiin deema'aa ture; amma ammo dubbii keetii ajajama.
68
Ati misha'a; wonti ati gootu misha'aa; eeganaa seera kee na barsiisi.
69
Worri uf jajan yoma sobaan maqaa na balleessan; ani ammo garaa guutu'uun ajaja kee eega.
70
Onneen isaanii akka dhaga'aa jabaatte; ani ammo seera keetitti gammada.
71
Seera kee akka baradhu na mudduun kee waan misha'aaf naa ta'e.
72
Worqi'ii fi birrii baay'ee caalaa, seera afaan keetii naa woyya. Yoodi;
73
Harki kee tolchee na uume; qalbifataa na taasisi; ajaja kee baradhaa.
74
Dubbii kee waan hedadheeruuf worri si sodaatan na laala'aa gammadan.
75
Yaa Rabbi! murtiin kee balchaa akka ta'e hin beeka; wonti ati na hucuucceefillee waan Waaqa dhuga'aa taateef.
76
Jaalalli kee jajjabeenna naa haa ta'u; hojjataa keetiillee akka dubbii keetii haa ta'uuf.
77
Seera keetiin waan gammaduuf arjummaan tee naa haa dhuftuu; lubbu'uun jiraadhaa.
78
Worri uf jajan hammeenna ufiitiin waan yakka na irra geessaniif haa mullan; ani ammo seera kee dhudhuma.
79
Worri si sodaatan akka seera kee beekan gara kiyya haa deebi'anii.
80
Ani akka hin saalfanne onneen tiyya seera keetiin guutuu haa taatu. Kaaf;
81
Lubbuun tiyya fayyisuu kee hawwite; dubbii keellee hin hedadha.
82
«Yoom na jajjabeessita » jedha'aa ijji tiyya uduu dubbii kee eeggattu dadhabde.
83
Akka qalqala aara keessatti qoqonshooree ta'ullee; seera kee ammo hin irraanfanne.
84
Barri garbicha keetii meeqa? eeganaa worra na ari'anitti yoom murtii kennita?
85
Worri uf jajan ka seera kee hin eenne na qabu'uuf boolla naa qotan.
86
Ajajjan kee maruu amansiisa'a; namoonni dharaan waan natti ka'aniiraniif na gargaari.
87
Isaan lafa irraa na balleessu'uuf hennaa diqqo'otu isaan hafe; ani ammo ajaja kee hin dhiifne.
88
Akkuma jaalala keetiitiin deebisii jiraataa na taasisi; ragaa afaan keetiillee hin eega. Laameedi;
89
Yaa Rabbi! dubbiin kee baraa haga bara baraa jabaatee samii keessa jiraata.
90
Amanamummaan kee ilma ilmaatitti lufa; lafa hin uumte; isiinillee hin jiraatti.
91
Martinuu hojjattoota teeti; akkaataa seera keetiin haga adhaa jabaatanii jiraatan.
92
Seerri kee burqaa gammachuu kiyyaa uduu ta'uu baatee silaa hennaa rakkinna kiyyaa hin bada ture.
93
Karaa seera keetiitiin akka ani jireennaan jiraadhu waan na eeddeef ani sirimaa seera kee hin dagadhu.
94
Ani waan kee ta'eef yabo'oo na oolchi; seera kee kabajjuu barbaada.
95
Worri hammeeyyiin na ajjeesu'uuf riphanii na eegan; ani ammo seera kee dhudhuma.
96
Dhuma hujii maraatuu hin arge; seerri kee ammo dhuma hin qabu. Meem;
97
Waandhana! seera kee attamitti guddisee jaaladhe; guyyaa guutuu isuma dhudhuma.
98
Seerri kee waan na keessaa hin banneef, diintota tiyya caalaa akka hubadhu na taasisan.
99
Ani seera kee hennaa maraa waan dhudhumuuf, worra na barsiisan caalaa ogummaa qaba.
100
Ajaja kee maraa waan raawwadhuuf, ani manguddoota maraa caalaa hubannaa qaba.
101
Akka dubbii kee eegu karaa hammeennaa maraa irraa luka tiyya eege.
102
Waan na barsiifteef seera kee ka dhuga'aa irraa hin fagaanne.
103
Dubbiin kee natti mi'aaye! dammaa fi nadhii dammaa caalaa natti mi'aaye.
104
Seera kee keessaa hubannaa argadhe; kanaaf karaa sobaa maraa hin jibba. Noon;
105
Dubbiin kee akka ifaa na masakka; karaa kiyyattillee ifa naa ta'a.
106
Seera kee ka balchumma'aa ka eegu'uuf waadaa gale hin jabeessa.
107
Ani guddisee rakkadhe; yabo'oo akkuma dubbii keetii deebisii jiraataa na taasisi.
108
Yaa Rabbi! galata afaan kiyyaa ka fedha kiyyaan sii dhiyeessu na irraa fudhadhu; ciincaa kiyya fudhadhu; seera keellee na barsiisi.
109
Lubbuun tiyya hennaa maraa harka kiyya keessa jirti; seera kee ammo hin irraanfanne.
110
Hammeeyyiin siiboo na jalatti diriirsan; ani ammo ajaja kee irraa hin dogoggorre.
111
Seerri kee dhaala kiyya ka baraa haga bara baraati; garaan kiyya kanaan gammada.
112
Baraa haga bara baraa haga dhumaa ajaja kee raawwachu'uuf murteeffadheera. Saamkeet;
113
Worra hammeeyyii hin jibbe; seera kee ammo hin jaaladhe.
114
Ati gargaaraa kiyyaa fi irkoo kiyya; dubbii kee abdi'iin eeggadhe.
115
Isin cubbamtoonni na irraa fagaadhaa'a; ani ajaja Rabbii kiyyaa eega.
116
Dubbii keetiin na irkisi jiraataa ta'aa; abdii dhabee akka hin saalfanne.
117
Na gargaari ani hin fayyaa; hennaa maraa seera kee hin raawwadhaa.
118
Dharraan isaanii waan dharaa waan ta'eef worra seera kee irraa fagaatan maraa buqqifte.
119
Cubbamtoota lafa irraa maraa akka fisha'aatitti isaan balleessite; kanaaf ragaa kee jaaladhe.
120
Ani waan si sodaadheef nafti kiyya na hollate; murtii keellee sodaadheera. Ee;
121
Waan haqaa fi balchummaa qabu hojjadheera; worra na rakkisanitti dabarsitee na hin kennin!
122
Ana garbicha keetii waan mishaa godhi; worri uf jajan na hin dhiibin; akka na dhiiban isaanii hin eeyyamin.
123
Fayyisuu keetiif waadaa kee ka balchumma'aa eegu'uuf ijji tiyya na dadhabde.
124
Ana garbicha keetii akkuma jaalala keetii naa godhi; seera keellee na barsiisi.
125
Ani garbicha keeti; akka seera kee beeku qaabii naa kenni.
126
Yaa Rabbi! namoonni waan seera kee diiganiif hennaan ati murtee tee kennitu amma.
127
Kanaafuu waan worqi'ii fi gatii gudda'aa caalaa ajaja kee jaaladhe.
128
Kanaafuu gara ajaja keetii maraa deeme; karaa hammeennaa maraa hin jibbe. Fee
129
Seerri kee maalalchiisa'a; kanaaf lubbuun tiyya seera kee kana soxxe.
130
Hiikkaan dubbii keetii hin ifa; wollaaltota hubattoota taasisa.
131
Afaan banadhee hargane; waan seera kee yaadeef
132
Akkuma worra si jaalatuu murtii qajeelaa kennitu, gara kiyyallee laalii naa araarami.
133
Deemsa kiyya akka dubbii keetiititti qajeelchi; cubbuun marti na hin bitin.
134
Dhara namaa jalaa na baasi; seera keellee hin eegaa.
135
Ifa fuula keetii garbicha keetii ibsi; seera kee na barsiisi.
136
Namoonni waan seera kee hin eenneef, ija tiyya keessaa imimmaan jige. Tsadee;
137
Yaa Rabbi! ati balcha'a; murtiin keellee sirri'i.
138
Seera kee balchumma'aan ajajje; guddisee amansiisa'alle'e.
139
Diintonni tee ajaja kee waan fudhachuu didaniif guddisee na aarsa.
140
Dubbiin kee ka abdi'ii amanama'a; ani garbichi kee guddisee jaaladheera.
141
Ani yoo ka faayidaa hin qabnee fi tuffatamaa ta'ellee seera kee ammo hin irraanfanne.
142
Balchummaan tee balchummaa bara baraati; seerri kee dhuga'a.
143
Rakko'oo fi dhiphachuunillee na irra gaye; ajanyi kee ammo gammachuu kiyya.
144
Seerri kee baraa haga bara baraa qajeela'a; seera keetiin jiraachuu akka danda'u qaabii naa kenni. Qoof;
145
Yaa Rabbi! garaa kiyya guutu'uun iyyee naa dhagayi; seera kee hin barbaadaa.
146
Ani sitti iyyadha na oolchi; seera kee hin eegaa.
147
Dubbii kee abdii godhadhee; ganamaan ka'ee iyye.
148
Dubbii kee yaadu'uuf halkan guutuu hin rafu.
149
Yaa Rabbi! akka jaalala keetiititti laagaa iyya kiyyaa naa dhagayi; akka seera keetiititti deebisii jiraataa na taasisi.
150
Worri dharaan na ari'an natti dhiyaatan; isaan worra seera kee irraa fagaate.
151
Yaa Rabbi! ati dhiyoo jirta; karaan kee maruu dhuga'a.
152
Seera kee beeku'uun akka isaan baraa haga bara baraa dhaabatan akka ati goote bara fago'oon dura hubadheera. Rees;
153
Seera kee waan hin irraanfanneef rakkoo kiyya laalii na hambisi.
154
Naa tamaaggadhuu na oolchi; sababaa dubbii keetiitiif jiraataa na taasisi.
155
Waan seera kee irraa hin barbaanneef; fayyinni hammeeyyii irraa fago'o;
156
Yaa Rabbi! gara laafummaan kee guddisee gudda'a; akka ajaja keetiititti jiraataa na taasisi.
157
Worri na ari'anii na dhiphisan heddu; ani ammo seera kee irraa hin siindhe.
158
Isaan waan seera kee hin eenneef worra amshaaggaa argee gadde.
159
Akka ajaja kee jaaladhe laalii yabo'oo jaalala keetiin jiraataa na taasisi.
160
Dubbiin kee bu'uura jabaa irratti bu'uureeffameera; seerri kee balchaan bara baraan jiraata. Saan;
161
Worri bulchan duwwama na ari'an; onneen tiyya ammo waan dubbii keetiitiif guddiftee naate.
162
Akka waan boojuu guddaa argadhee waan dubbii keetiitiif gammade.
163
Soba hin jibba; hin shakka; seera kee ammo hin jaaladhe.
164
Waan murtii kee balcha'aatiif guyyaa keessa harka torbaa si galatoonfadha.
165
Worri seera kee jaalatan nageenni isaanii gudda'a; wonti isaan gufachiisu hin jiru.
166
Yaa Rabbi! fayyisuu kee abdii godhadhee ajaja kee eege.
167
Lubbuun tiyya seera kee eedde; guddisee jaaladha;
168
Karaan kiyya maruu afoo keetitti addaataa waan ta'eef, seera keetii fi ajaja kee kabajje. Taawu;
169
Yaa Rabbi! kadhaan kiyya si bira haa gawu; akkuma dubbii keetii hubannaa naa kenni.
170
Kadhaan kiyya afoo kee haa dhaqu; dubbii keetiin na oolchi.
171
Waan seera kee na barsiifteef, afaan kiyya galata kee hima.
172
Ajanyi kee maruu waan balchaa ta'eef, afaan kiyya dubbii kee dubbate.
173
Ani ajaja kee waan filadheef, harki kee na gargaaru'uuf qophii haa ta'u.
174
Yaa Rabbi! ani fayyinna kee yaada; seerri kee gammachuu kiyya.
175
Akka si galatoonfachuu danda'u, umurii naa dheeressi; seerri keellee na haa gargaaru.
176
Ani akka hoolaa badeetitti raantaye; garuu ajaja kee hin irraanfanne; ana garbicha kee barbaadi.
← Chapter 118
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 67
Chapter 68
Chapter 69
Chapter 70
Chapter 71
Chapter 72
Chapter 73
Chapter 74
Chapter 75
Chapter 76
Chapter 77
Chapter 78
Chapter 79
Chapter 80
Chapter 81
Chapter 82
Chapter 83
Chapter 84
Chapter 85
Chapter 86
Chapter 87
Chapter 88
Chapter 89
Chapter 90
Chapter 91
Chapter 92
Chapter 93
Chapter 94
Chapter 95
Chapter 96
Chapter 97
Chapter 98
Chapter 99
Chapter 100
Chapter 101
Chapter 102
Chapter 103
Chapter 104
Chapter 105
Chapter 106
Chapter 107
Chapter 108
Chapter 109
Chapter 110
Chapter 111
Chapter 112
Chapter 113
Chapter 114
Chapter 115
Chapter 116
Chapter 117
Chapter 118
Chapter 119
Chapter 120
Chapter 121
Chapter 122
Chapter 123
Chapter 124
Chapter 125
Chapter 126
Chapter 127
Chapter 128
Chapter 129
Chapter 130
Chapter 131
Chapter 132
Chapter 133
Chapter 134
Chapter 135
Chapter 136
Chapter 137
Chapter 138
Chapter 139
Chapter 140
Chapter 141
Chapter 142
Chapter 143
Chapter 144
Chapter 145
Chapter 146
Chapter 147
Chapter 148
Chapter 149
Chapter 150
Chapter 120 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66
67
68
69
70
71
72
73
74
75
76
77
78
79
80
81
82
83
84
85
86
87
88
89
90
91
92
93
94
95
96
97
98
99
100
101
102
103
104
105
106
107
108
109
110
111
112
113
114
115
116
117
118
119
120
121
122
123
124
125
126
127
128
129
130
131
132
133
134
135
136
137
138
139
140
141
142
143
144
145
146
147
148
149
150