bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Hebrews 10
Hebrews 10
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
1
Seerri ufi durana waan dhufu misha'aaf fakkeenna (gaaddisa) malee bifa isaa ka dhuga'aa hin turre, kanaaf woggama wogga'aan yeroo maraa ka kitimaawwan qabatanii gara Waaqaa namoota dhiyaatan, muda maleessota isaan taasisu'uuf gonkumaa hin danda'u.
2
Seerri muda maleessota isaan taasisu'uuf uduu ka dandda'uutii namoonni Waaqeffanna'aaf dhiyaatan haala irra deebii hin qabnneen, cubbuu irraa waan qulqullaayanii fi cubbuun'llee akka isaanitti hin sammuu isaanii titti isaanitti waan beekkamuuf, kitimaa dhiyeessuu ni dhiisan ture.
3
Kitimaawwan kunniin garuu woggama wogga'aan cubbuu isaanii ka ittiin yaadatan.
4
Dhiiginni mirgoole'eetii fi re'iinii cubbuu dhabamisiisu'uuf hin danda'u.
5
Kanaaf Kristos gara biyya lafaa yeroo dhufetti akkana ni jedhe, Kitima'aa fi kennaa Mana Waaqaatiif kennamu hin barbaadu, qaama garuu naaf ni qopheessite.
6
Ciinccaa gubatuu fi kitimaa waayee dhiifama cubbu'uutiif kitimaamuutiin'llee, ani hin gammadinne.
7
Yeroo sanitti ani, yaa Waaqa, akkuma waayeen kiyya kitaaba irratti barreeffametti, fedhii kee raawwachu'uuf dhufee jira ni jedhe.
8
Inni'llee jalqabatti isaan akkaataa seeraatiin labissaman yoma ta'e'llee «Kitima'aa fi kennaan Mana Waaqaa, kitimaan gubatuu fi waayee dhiifama cubbu'uutiif kitimaa kitimamu hin barbaanne, isaanitti'llee hin gammadinne» jedhe,
9
itti aanssee'llee, «Kunoo, ani fedhii kee raawwachu'uuf dhufee jira» jedhe, haala kanaan kitimaa bifa lammaffaa bakka buusu'uuf, kitimaa bifa jalqabaa diigee jira.
10
Eeyyama «Kanaan» Akkaataa jecha jedhuutiin, Yesus Kristos fooniin hala irra deebi'iinssa hin qabnneen waayee kitimaa ta'ee dhiyaachu'uun isaatiin, qulqulloofnnee jirra.
11
Tokkoon tokkoon qeesotaa cubbuu dhabamisiisuu ka hin dandeenne kitimaawwan sanniin yeroo mara dhiyeessaa, guyyaa guyya'aan dhaabatee ni tajaajila.
12
Kristos garuu yeroo maraaf ka ta'u kitimaa tokko eega dhiyeesseen duubatti, mirga Waaqa Abba'aatiin taa'ee jira.
13
Ammaa achitti haga diinonni isaa miila isaatiin jala ta'anitti isaan ni eeggata,
14
kun'llee ka ta'e isaan worra qulqullaawan karaa kitimaa tokkochaatiin, bara baraaf muda maleeyyii waan isaan taasiseef.
15
Hafuurri Qulqulluun'llee waayee kanaan ragaa nuuf ni baya, jalqaba irratti,
16
«Guyyoota sanniiniin duubatti waadaan, ani isaan woliin aseenu kana jedha Gooftaan, seera kiyya onnee isaanii keessa ni kaaya, sammuu isaanii keessatti'llee ni barreessa» jedha Gooftaan.
17
Itti aanissee'llee, «Cubbuu isaaniitii fi hujii isaanii hamaa, ammaa achitti hin irratti hin yaadadhu» jedha.
18
Kanaaf cubbuu marrinuu eega dhabamissiifameen duubatti kitimaan waayee dhiifama cubbuutiif dhiyaatu, ammaa achitti hin jiraatu.
19
Eegaa yaa obboleeyyan! Karaa dhiiga Yesusiitiin gara bakka Qulqullittii Qulqullu'uu titti galu'uuf ka nu danddeessisu, waan amanisiisaa argannee jirra,
20
ka gallu'llee golgata isaatiin jechuun, karaa foon isaatiin ka nuuf bane karaa jireenna haarawaa ta'eetiin.
21
Mana Waaqaa irratti aangoo ka qabu qeesicha guddaa ni qabnna.
22
Kanaaf sammuu hamaa irraa akka qulqulloofnnuuf onnee teenna fiicaminnee, qaama keenna'llee bishaan Qulqullu'uun miicannee, onnee qajeelttu'uu fi amanitii dhuga'aa qabannee gara Waaqaa haa dhiyaannuu.
23
Dubbii abddi'ii titti'llee ka nuuf kenne amanamaa waan ta'eef, amma abddii waan amannee ragaa baanuu uduu asii fi achi hin jedhin, jabeessinee haa qabannuu.
24
Jaalalaa fi hujii misha'aan dammaqinnee akka jiraannu tokko ka bira'aa haa yaadachiisuun,
25
yeroo maraa ufii keennaa wol geennee wol haa jabeessinu malee, tokko tokko akka raawwachuu baratan wol gayuu keenna dhiisuu hin qabnnu, gonkumaa guyyaan dhufaatii Goofta'aa dhiyaachuu isaa yaadachu'uun, waan kana caala'atti raawwadhaa.
26
Dhugaa eega beekineen duubatti ta'e jennee cubbuu yoo hojjanne, ammaa achitti kitimaan waayee cubbuutiif dhiyaatu woyiituu hin qabaannu.
27
Amma ka nu hafu garuu ufi durana ka ta'u murtii sodaachisa'aa fi ibidda sodaachisaa mormmitoonni qabsiisan.
28
Seera Muse'ee ka dabrre naminni lama yookiin sadihii yoo ragaa itti bayan, dhiifama malee du'aan ni adabama.
29
Eegaa ka Ilma Waaqaa tuffate, ka ittiin qulqullaawome dhiiga waada'aa ka batteesse, Hafuura kennaa isaa ka bilisaa ka arrabise, adabbiin attami jiru ka jabaatetu, isaaf mala isinitti fakkaata!
30
«Haloon kiyya, ani gatii barbaachisaa ni kafalaaf» ka jedhe, eennuun ta'uu isaa ni beekinna, akkuma kana, «Waaqinni ummata isaa irratti ni murtteessa» jedha Gooftaan.
31
Kanaaf harka Waaqa jiraata'aa titti kufuun, haalaan ka nama sodaachisu.
32
Ifin eega isinii ifeen duubatti rakkinna baayi'ee fudhattanii guyyoota itti obissitan sanniin yaadadhaa.
33
Yeroo tokko tokko namoota duranatti arrabisamittanii jirttan, akka malee taatanii jirttan, yeroo tokko tokko'llee namoota makkaraarnni akkanaa isaan irra gayeen woliin waahellan ta'uu keessaniin, rakkinna fudhattanii jirttan.
34
Isin qabeenna fooyyaya'aa fi jiraataa sami'itti akka qabddan beekuu keessaniin hidhamttootaaf garaa laafttanii jirttan, qabeenni keessan'llee isaan irraa yoo fudhatamutti obissitanii, haala jiru gammachu'uun fudhattanii jirttan.
35
Eegaa kennaa ol aanaa ka ittiin argattan ufitti amanummaa keessan hin gatinaanii.
36
Fedhii Waaqaa raawwattanii waan Waaqinni isinii kennu'uuf waadaa isiniif aseene argachu'uuf, obissaan eeggachuu isin ni barbaachisa.
37
Kanaaf akkana jedhamee barreeffamee jira, «Inni ka dhufu sun, yeroo muraasaan duubatti ni dhufa hin turu,
38
Kiyya ka ta'e naminni qulqullaawomaan garuu amanti'iin jireenna ni argata, gara duubaa yoo deebi'e garuu, ani isatti hin gammadu.»
39
Nu'u garuu gara worra amananii fayyaniitiiyyi malee, gara namoota ufi duubaa deebi'anii badaniitiiyyii miti.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13